header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Mana barnoota kanatti “hiyyummaa” jedhanii dubbachuun yakka

Ilma namaa bifa hundaan qaramee, qaroomee bahu oomishuun kaayyoo manneen barnootaati. Biyyi takka guddatuudaaf, hawaasnis badhaadhuf nama baratetti haajaman. Beekumsaa fi dandeettii ilma namaa ol guddisuun ammoo manneen barnootaa hundaaf barbaachisaadha. Kanaaf manneen barnootaa cufti kaarikulama biyyattii irratti hundaa’anii, haala qabatamaa naannoo isaanii bu’uura godhachuun seera garagaraa baasanii barattoota isaanii ittiin qajeelchu. Haa ta’u malee seerri gariin haalaan ulfaataa fi sammuu ijoollee irrattis dhiibbaa uumuu danda’a. akkasuma seerri ijoollee fayyadus ni jira. barruu tana keessatti seera manneen baruumsaa kan nama ajaa’ibsiisan muraasa isinii dhiheessina.

1. Hiriyyaa tokko qofa qabaachuun dhoorkaadha

Barattoonni mana barumsaa tokko keessa wajjiin baratan walitti saahiboomuun beekamaadha. Barataan hundi nama isatti dhihaatu, kan haalaafi amala isaa jaallate laalee sahiba godhata. Eega walitti saahiboomanii booda, yeroo mana barnootaa dhufan, wayta gara manaa galaniifi yeroo boqonnaa isaaniitti wajjiin taphatu. Waan garaa isaanii walitti haasawaa wal gammachiisu. Biyya ingiliiz nannaawa tokko tokko keessatti wanti kun dhorkaadha. Barattoota wajji baratan keessaa nama tokko qofa filatanii saahiba godhachuun mana barnootaa tokko tokko keessatti hin hayyamamu. Barsiistonni mana baruumsaa sababaa wanti kun dhoorkameef wayta ibsna, “namni nama tokko qofa waliin oolu yaaduma nama sanii jala deemuu mala. Yoo nama heddu wajji oole ammo, biitaafi mirga laalee yaada nama hedduu madaalee waa murteessuu dandaya. Garaagarummaan yaadaa akka jirus hubachaa guddata”jedhan.  Kanaaf barattoonni hundi akka saahiba heddummeessanii qabatan dirqisiifamu.

2. Halluu rifeensaa jijjiiruun dhoorkaadha. 

Jaappaan keessatti halluu rifeensaa jijjiiruun aadaa beekamaadha. Keessumattuu dargaggoonni rifeensa isaanii qalama adda addaa dibanii halluu jijjiiruun faashina bubbule. Kun ammo yuunifoormii barattootaa irratti dhiibbaa guddaa uume. Barattoonni hundi huccuu wal fakkaataa uffatanii dhufanis, halluun rifeensa barattootaa adda adda tahe. Gariin magariisa, gariin keelloo, kuun diimaa, kuunis magaala dibatee dhufa. Hoggantoonni mana barnootaa waan kana eega hubatanii booda halluu rifeensaa jijjiiruun dhoorkaa akka tahe labsan. Jalqaba waggaa wayta manni barnootaa eegalamu maatiin hundi footoo ijoollee ofii fidee dhufa. Barsiistonnis footoo maatiin fide kana laalanii halluu rifeensa barataa sanii galmeessan. Barataan seera kana cabsee halluu rifeensa isaa jijjire barnootarra aari’ama. 

3. Jechoota 48 fayyadamuun dhoorkaadha

Manneen barnootaa Newyork keessa jiran keessatti jechoonni 48 tarreeffamnii dhoorkamanii jiru. Jechoota kanniin barsiisaanis barataanis fayyadamuu hin qabu. Fakkeenyaaf jecha birthday jedhu fayyadamuun dhoorkaadha. Sababa isaa yoo ibsan ammoo, hordoftootni amantii Joovaa guyyaa dhalootaa waan hin kabajneef jechi kun isaan cinqa jedhan. Jechoonni biroo kanneen akka hiyyummaa, gaa’ela diiguu fi dhukkuba jedhan dabalatee jechoota 48 mana baruumsaa san keessatti fayyadamuun dhoorkaadha.

4. Qalama diimaan barreessuun dhoorkaadha

Qalamni diimaan kan barsiisaa akka tahe barsiifamaa guddanne. Barsiisaanis qalama diimaadhaan qabxii keenya nuuf sirreessa. Wanti kun biyya keenya qofa osoo hin taane, biyyoota heddu keessatti waan baramaadha. Barataan qalama cuquliisa ykn gurraachaan kataba. Barsiisaan diimaadhaan sirreessa. Ogeeyyiin barnoota Australia waan kanarratti qorannoo gaggeessan ammoo wanti kun xiin-sammuu (saayikoolojii) barattootaa irratti dhiibbaa fidaa jira jedhan. Kanarratti hundaayuun barsiistonni qalama diimaa fayyadamuu akka dhiisan murtii dabarsan. Murtii kana booda barsiistonni qalama diimaa dhiisanii, qalama magariisa, keelloo, piikiifi halluuwwan biroo fayyadamutti jiru.

5. Harka baasanii deebii deebisuun dhoorkaadha.

Wayta barsiisaan gaafii gaafatu, harka baasanii deebisuun waanuma jiru. Manneen barnootaa UK magaalaa Nottinghamshire (Nootingaamshir) keessa jiran garuu wanti kun barattoota doomsutti jira jedhanii murteessan. Sababaan isaan dhiheessan ammoo, Barataa cimaa qofatu irra deddeebiidhaan harka baasaa deebisaa kenna. Barataan laafaan ammo usee taa’a. kun ammoo barataa cimaa daran cimsee barataa laafaa ammo daran dadhabsiisa. Furmaata waan kanaatiif barataan harka baasee deebisaa akka hin kennine godhan. Barsiisaan yoo gaafii gaafatuu barbaade barattoota keessaa nama barbaade filee ka’ii deebisaa kenni jedhaan. Haala kanaan barattoonni hundi dammaqinaan barnoota isaanii akka hordofan godhuun ni dandayama jedhan. 

6. Deodorant dibatanii mana baruumsaa seenuun dhoorkaadha.

Barattoonni heddu qaama isaanii urgeessuuf shittoo fi deodorant garagaraa dibatanii mana barnootaa dhufu. Haa ta’uu malee wanti kun barattoota gariif dhukkuba ta’uu jalqabe. Deodorant maqaa AXE (Aaks) jedhamuun beekkamu ammoo manneen baruumsaa Pennsylvania (Pensalveeniyaa) keessa jiranitti dhiibbaa guddaa waan uumeef dhoorkameera. Barattootni gariin hammeenya foolii isaa irraa kan ka’e alarjiika itti ta’ee haalaan waan dhukkubsataniif haakima geeffamanii turan. Yeroo tokko tokko ammoo fooliin isaa haalaan guddaa waan ta’eef barataan hundi dibatee yoo dhufu, alarmiin ibidda too’atu waan ibiddi ka’e seehee iyyuun baruumsaa jeeqaa ture. Kanaaf jecha AXE dibatanii mana baruumsaa dhaquun dhoorkame.

7. Guyyatti daqiiqaa 30f gola keessatti rafuun dirqama

Chaaynaa keessatti Qeeyluulaan ykn hirribni gabaabaan guyyaa rafan gaariidha jedhamee amanama. Haaluma kanaan barattoonni mana baruumsaa keessatti daqiiqaa 30f akka rafan taasifama. Kun dirqama. Waan fedhiin godhamuu miti. Namni hirribni isa dides ijaan dunuunfate bakkuma jiru san taa’uu qaba. Ijoolleen xixiqqoon huccuu hirribaa fidatanii minjaala gubbaa rafuu danda’u. barattoonni gurguddoon garuu bakkuma taa’an sanitti daqiiqaa 30f irkatuu qaban.

8. Seemisteera tokko keessatti  yeroo sadi qofa mana fincaanii dhaquun hayyamama. 

Barataan muddamsuun waa nyaatee manaa bahe, eega mana baruumsaa gaheen booda osoo barsiisaan jiru golaa bahee mana fincaanii dhaquuf dirqama. Barataan gariin ammoo osoma fincaan hin qabin baruumsuma jibbaaf golaa baha. Rakkinni akkanaa kun hammaannaan manni baruumsaa seera addaa baase. Manni baruumsa chikaagoo keessa jiru tokko barataan tokko seemisteera keessatti yeroo sadi qofa yeroo barnootaatti hammaama dhaquu danda’a jedhee seera baase. Haa ta’u malee san booda dabalataan dhaquu yoo barbaade deemuu mirga qaba. Garuu daqiiqaa haga fixee san eega baruumsi dhumatee booda gola keessa taa’ee bakka buusuun dirqama isaati. Fakkeenyaaf barataan sun mana fincaanii deemee daqiiqaa 15 yoo ture, eega barattoonni gara manaa galanii booda daqiiqaa 15 san kophaa isaa gola keessa taa’ee itti guuttatuu qaba.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button