Qophii : Abu Ibtisam
Rabbiin keenya ilma namaatiif fakkeenya heddu kennee jira. Ilma namaattu qalbii isaa hagoo tanaan waa xiinxalluu dhabee karaa jallate malee, akka silaa qur’aanaatiif namni hundi isaatuu har’aan tana amanee Rabbitti deebi’a ture. Garuu fedhiin qalbii teenyaa, waswaasa sheeyxanaatiin wal taatee karaa irraa nu jallifte.
Akkaataa uumama aananii ilaalchisee aayaa qur’aanaa tan armaan gadii ilaaluun, namni qalbii qabu guyyaa guutuu osoo tafakkuree uumama Rabbii kana maalalee hin quufu. Aayatni qur’aanaa kun saayinsiidhaan mirkanaayee jira. Saayinsiidhaan mirkanaayuun isaa nuuf ragaa hin ta’u. Garuu warra qalbiin isaa harras hin jiineef akkasumas warra karaa irraa maqee jiruuf qur’aanaa fi saayinsii walbira qabanii dhiheessuun barbaachisaa waan ta’eef. Aayaan tun Suuratul nahl aayaa 66 dha. Rabbi akkana jedha.
ÙˆÙŽØ¥ÙÙ†ÙŽÙ‘ Ù„ÙŽÙƒÙÙ…Û¡ ÙÙÙŠ ٱلۡأَنۡعَٰم٠لَعÙبۡرَةٗۖ Ù†ÙّسۡقÙيكÙÙ… Ù…Ùّمَّا ÙÙÙŠ بÙØ·ÙونÙÙ‡ÙÛ¦ Ù…ÙÙ†Û¢ بَيۡن٠Ùَرۡثٖ وَدَمٖ لَّبَنًا خَالÙصٗا سَآئÙØٗا Ù„ÙّلشَّٰرÙبÙينَ ٦٦
“Saawwan keessan keessa qajeelchatu jira. Waan garaa isaanii keessatti argamu, dhoqqee isaan buusanii fi dhiiga isaanii keessaa, Aanan qulqulluu dhugamu isinii kennine, kan liqimsaa warra isa dhuguutiif salphaa tahe.”
Nama qalbii qabuuf dubbii ajaa’ibaattu aayaa tana keessa jira. Qaamni uumama lafarra jiru kun hundi isaatuu wantoota garagaraa kan garaa seenanii daakkaman irraa ijaarame. Kanaaf ammoo keemikaalota garagaraattu jira. Sirni soorata daakuu (digestive system) ijaarsa qaama uumama tokkootiif gahee guddaa qaba. Sooratni gara qaamaa seene garaacha keessa dabree gara sirna dhiigaattis ni makama. Wanti dhiiga ta’us garaachuma kana keessaa argama. Marsaa dhiigaa kanaan deeggaramee sooratni daakame kan qaamaaf barbaachisaa ta’e bakka dhaquu qabu geeffama.
Akkuma qaama hedduu, xannachi aananiitis soorata qulqulluu sababa marsaa dhiigaatiin isatti dhufuun badhaadha. Kanaaf dhiigni wantoota aanan ta’uudhaaf tajaajilan soorata gara qaamaa seenan keessaa baasee fiduudhaan xannacha aananiitii kenna. Marsaa kana booda aanan dalagaa xannacha aananiitiin oomishama.
Ilmi namaa haala kamiinuu marga horiin dheedu hin dheedu, akkasumas bishaan saawwan dhuydus hin dhugu. Dabalataanis erga garaa seeneen boodas soorata garaacha sa’aa keessatti daakame san abadan gara garaa isaa dabarsuu mitii harkaan tuquunuu itti ulfaata. Inumaa qajeelatti soorata sa’aa soorachuun ilma namaa dhukkuba hamaaf saaxiluu bira darbee lubbuu nama sanii galaafatuu danda’a. Galanni Rabbii keenya sirna baayolojikaalaa ajaa’ibaa kana uumeef haa ta’u, aanan qulqulluu dhugaatii ilma namaatiif mijaayaa ta’e margaa fi dhiiga san keessaa baasee nuuf keenne.
Margi Saawwan tokko dheedu dhiigaan makamee gama xannacha aananiitiin aanan oomishamuu danda’e. Dhiiga kana ammoo ilmi namaa qajeelatti dhuguu hin danda’u. Akkaataan uumama aananii mu’ijizaa jabaa Rabbiin ilma namaatiif fakkeenya godhe keessaa isa tokko.
Akkaataan uumama aananii suuratul nahl aayaa 66 irratti tuqame kun haala saayinsii ammayyaatiin walii gala. Saayinsiin ammayyaa mu’ijizaa waggaa 1400 dura Nabi Muhammad (SAW) irratti buufame dhiheenna kan bira gahe. Bara sanitti garaa horii baqaqsuun kan barbaadamu foonuma keessaa baafachuuf qofa. Bara saayinsii fi teeknolojiin maqaanuu hin beekamne sanitti ajaa’ibni akkanaa argamuun isaatuu nama qalbii qabuuf baruumsa guddaa dha.
ÛžÙ‚ÙÙ„Û¡ Ù…ÙŽÙ† يَرۡزÙÙ‚ÙÙƒÙÙ… Ù…Ùّنَ ٱلسَّمَٰوَٰت٠وَٱلۡأَرۡضÙÛ– Ù‚Ùل٠ٱللَّهÙÛ– ÙˆÙŽØ¥Ùنَّآ Ø£ÙŽÙˆÛ¡ Ø¥ÙيَّاكÙÙ…Û¡ لَعَلَىٰ Ù‡Ùدًى Ø£ÙŽÙˆÛ¡ ÙÙÙŠ ضَلَٰلٖ Ù…ÙّبÙينٖ ٢٤
Jedhi ” eennutu samii fi dachii keessaa isiniif keenna? Jedhi Allaahdha”¦”¦..”