Og-BarruuTafakkur

Taarziyar

Qophii: Abu Ibtisam

Taarziyar uumama xiqqaa biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa keessatti argamuudha. Uumamni kun naannoo margaafi baalli baay’inaan argamu keessa jiraata. Hambaan lafee isaa naannoo garagaraatti argame akka mul’isutti, Taarziyar amma dura Ardii Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa fi Afriikaa keessa jiraataa akka ture beekuun danda’amee jira. Amma garuu ardiilee kanniin irraa dhabamee, Kibba Baha Eeshiyaa qofa keessatti daangeeffamee jira. Baay’inaanis biyyoota akka Maaleeyzhiyaa, Indooneezhiyaa fi Filippiin keessatti argama. Qorannoon bineensa kanarratti godhamaa jiru dhiheenya kana kan jalqabe waan ta’eef, waa’ee uumama kanaa sirritti beekuun hin danda’amne. Haa ta’u malee qorannoo hanga dhiheenya kanaa godhame irratti hundaa’uudhaan, sanyiilee 18 kan qabu yoo ta’u, sanyiileen kunniinis garee gurguddaa sadihitti qoodamee jira. Innis Taarziyar Bahaa, Taarziyaar dhihaa fi Taarziyaar Filippiiniiti.

Taarziyar uumama addaati. Qaamni isaa jireenya halkaniitiif akka mijaahu godhamee uumame. Sanyiilee Taarziyar jidduu garaagarummaan xiqqoon jiraatus, hundi isaatuu qaama xiqqaa, eegee dheeraa fi rifeensa qabu. Bifti gogaa isaa daalachaa fi Magaalatti dhihaata. Miilli isaa ka  duubaa dheeraa dha. Kunis muka irraa mukatti, akkasumas lafa irratti akka gaaritti akka utaalu isa gargaara. Qubbeenii fi qeensi dheeraan faana isaa irra jirus, wayta mukarraa mukatti utaalu, akkasumas yeroo muka irra taa’u rakkoo takkaan malee akka taa’u isa gargaara. Mormi isaa ammoo digrii 180 naannahuu danda’a. kanaaf qaama isaa osoo hin sochoosin kallatti hundatti wantoota argaman ilaaluu danda’a. Ijji isaa akkaan gurguddaa dha. Guddina qofa osoo hin taane argaa irrattis jabaadha. Diinas ta’e waan adamsamu dukkana keessatti akka laalee adda baafatu isa gargaara. Gurrri isaatis gurguddaadha. Ammas dhageettii irratti akkuma guddina isaa jabaadha. Sagalee akkaan xiqqaa ta’ee dhaggeeffatee adda baafatuu danda’a.

Taarziyaar hedduminaan kopha kophaa jiraata. Haa ta’u malee sanyiin Taarziyaar bahaa baay’inaan garee miseensota haga sadihii qabu uumuun jiraata. Taarziyaar dhihaa garuu yeroo walhormaataa qofa walitti dhufa malee, jiruu ofii kophaa geggeeffata. Uumamni kun baay’inaan jireenya isaa muka irraa mukatti utaaluun dabarsa. Miila isaa kan duubaa akka ispiriingiitti tajaajilu fayyadamee, muka tokorraa haga Meetra Shanii utaaluun muka biraa irra qubatuu danda’a. Sagaleen uumama kanaatis sanyii irraa sanyiitti garaagarummaa qaba.

Taarziyaar hoosiftoota keessatti waan ramadamuuf,ilmoo isa fakkaattu dhala. Rimayni taarziyaar baatii 2 qofaaf tura. Ilmoon dhalatus tokko qofa. Ilmoon dhalatu kun gogaa irraa rifeensa kan qabu yoo ta’u, ijji isaatis banamaa dha. Guyyaa takka keessatti muka irraa mukatti utaaluu jalqaba. Ji’a tokkoof mucha haadhaa kan hodhu yoo ta’u, gaafa soorata ofii isaatii adamsuu jalqabu mucha haadhaa irraa gu’a. ilmooleen gariin ji’a tokkoo gadittis gu’uu danda’u. Ilmoon tokko akkuma ofi isaatii soorata barbaadatutti seeneen haadha irraa fagaatee, kophaa isaatti qubsuma ofii tolfata.

Taarziyaar warra foon sooratu keessatti ramadama. Baay’inaanis wantoota nyaataaf ta’an halkan adamsa. Muka irratti rarra’uun, morma isaa digrii 180 naannessaa, ija isaa ajaa’ibaa sun fi gurra isaa akka jabaatti sagalee adda baafatu fayyadamuudhaan  soorata isaa eeggata. Waan barbaadu argannaan, miila isaa akka Ispiriingiitti tajaajilu fayyadamuun waan argame sanitti utaalee harka isaa kan duraatiin qabata. Sooranni isaa irra jireessaan, ilbiisota xixiqqoo dha. Dabalataan raacha, lootuu, simbirroota xixiqqoo, bofa summaawoo fi simbira halkaniitis ni soorata.

Sababa xiqqeenya qaama isaatiif jecha Taarziyaar uumama hedduun adamsama. Keessattuu Adurreen, Simbiroonni gurguddaan foon sooratan, fi Boofni gurguddaanis uumama xiqqaa kana adamasanii sooratu. Dandeettii ajaa’ibaa kan dhagahuu fi arguu isaatti fayyadamuudhaan waan isa adamsuuf dhufu jalaa kan baqatu ta’us, sababa garagaraatiin sanyiin isaa xiqqaataa akka jiru qorannoon argame ni addeesa. Kunis manca’iinsa bosonaati. Akkuma dura dubbanne uumamni kun naannoo bosonaa fi margi baay’inaan argamu filata. Naannoo mukkeenii fi margi baay’atutti, ilbiisotni, raammolee fi wantootni heddu waan argamaniif, eddoo kana filate. Garuu sababa manca’iinsa bosonaatiin rakkoon hamaan isa irra gahaa akka jiru qorannoon godhame ni addeessa.

Taarziyaar uumama ajaa’ibaati. miila duubaa dheeraa kan qabu yoo ta’u, isatti fayyadamuudhaan yeroo takkaan dheerinna isaa dacha 40n caalu utaaluu danda’a. Ijji isaatis akkaan gurguddaa dha. Qaama isaatiin yoo wal bira qabamu hoosiftoota keessaa ija guddaa isatu qaba. Ijji isaa inni tokko kophatti sammuu isaa ni caala. Ilmoon dhalatus akkaan guddaa fi ija guddaa qabatee dhalata.

 

Show More

...

Back to top button