header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Shubbisee isii gammachiisu malee hormaanni hin jiru

Tafakkur: Crane

Hedduun keessan maashina Crane jedhamu kan lafa qotuuf tajaajilu ni beeytan. Maashinni kun qoffee dheeraa qaba. Qoffee Kanaan qilee gadi fagaatu ykn hallayyaa ol dheeratu gubbaa hiixatee waan fedhe buqqisa. Warri makiinaa kana yeroo jalqabaatiif hojjate maal irraa laallate isinitti fakkaata? Maqaan makiinaa kanaa hoo maal irraa moggaafame jettanii yaaddu? Osoo makiinaan kun oomishamee tajaajilaaf hin dhihaatin duras, Allaattii Crane (Kireen) jedhamutu jira. Allaattiin kun morma dheeraa qaba. Miilli isaatis haalaan dhedheeraadha. Warri makiinaa kana oomishe allaattii kanarraa laallatee waan hunda dalage. Maqaa makiinichaatis maqama allaattii kanaa itti moggaase.

Kireen allaattiiwwan gurguddoo keessaa tokko yoo ta’u, haala sanyiitiin guddinni isaanii garaagarummaa qaba. Haa ta’u malee guddinni isaanii waan heddus wal caaluu miti. Inni xiqqaan meetira tokko dheerata. Inni guddaan ammoo meetira lama caala dheerachuu danda’a. Ulfaatinni isaaniitis Kilograama sadihii hanga kilogaama 12 ta’a. Bifti baalli isaanii hedduminaan daalacha ykn adiidha. Haa ta’u malee Grey crowned Crane kan jedhamu mataarraa guuttiyyee qaba. Allaattiin kun qaamni isaa guddaa fakkaatus, allaattiiwan barrisuu danda’anii fi saffisa qaban keessaallee isa tokko. Kireen lafa diriiraa fi jiidhaa bineensota garagaraa of keessaa qabu keessa jiraatuu filata.

Grey crowned Crane

Allaattiin kun garee guddaa uumuudhaan qubsuma gargaaraa keessa jiraata. Haala jireenya isaanii kanarratti hundaa’ee Kireenonni bakka lamatti qoqqoodamu. Inni tokko isa godaanaa jiraatu yoo ta’u, tokko ammoo isa bakkuma tokko yeroo dheeraaf jiraatuudha. Warri qilleensa oo’aa barbaadan ni jiru. Warri kun adaduma qilleensi jijjiiramuun gara bakka oo’aa godaanu. Yeroo godaansaa kana saffisa waan qabaniif, haga bakka barbaadan argatanitti barrisuu hin dhiisan. Waggaa tokko keessatti qofa, bakkarraa bakkatti osoo godaanaan fageenya Kilomeetira 4000 deemuu danda’u. wayta barrisan kanas samii keessa ol fagaatuudhaan allaattiin isaanitti qixxaahu hin jiru. Lafaa ol Kilomeetira 10 ol fagaatuudhaan barrisu. Kun ammoo saffisa akka qabaatan isaan garaagara. Guyyaa tokko keessatti ammoo soorataaf jecha haga Kilomeetira 800 barrisu. Kana jechuun warri bakka tokko jiraatus soorata barbaacha naannoo jiraaturraa fageenya kana hunda deemuu danda’a jechuudha. Bineensota lafarra deemaa jiraataniif fageenyi kun akkaan ulfaataadha. Shimbirroota samii gubbaa barrisaniif garuu heddus waan ulfaatuu miti. Haa ta’u malee yeroo tokkoon Kilomeetira kana hunda barrisan jechuu miti. Jidduun boqonnaa fudhataa, soorata yoo argatan ammoo waan argatan san garaa buufataa imala itti fufu.

Soorataan wal qabatee amala ajaa’ibaa tokkos ni qabu. Waan argatan bira hin dabran. Ilbiisota, Amfiibiyaanota, qurxummiilee, sanyii tuqaa fi hantuutaa, akkasumas firiiwwan fi baala mukkeen garagaraatis ni sooratu. Walumaa galatti bineensota gosa soorataa heddu sooratuun beekkaman keessa Kireen isa tokko.

Kireen garee uumee gamtaan jiraatuu isaa dubbannee jirra. Miseensi garee tokkoo haalaan heddu waan ta’eef; bal’ifatanii qubsuma guddaa keessa faffaca’anii jiraatu. Kanaafuu warri gara fiixeerraan jiran diina halaalaa dhufaa jiru yoo argan, warra kallattii kaanitti argamaniif, dhaamsa dabarsaa ofiifis dheessan. Wayta dheessan kana sagalee akkaan guddaa waan baasaniif, allaattiin garee san keessa jiru kana beekee innis lubbuu ofii oolfata. Sagaleen isaanii kun garaagarummaa qaba. Sagaleen wayta diina argan baasanii fi yeroo soorata argan baasanis garaagara. Waan kana lukkuu mana keessaa tafakkurree yoo ilaallee hubatuu dandeenya. Haaluma wal fakkaataan, Allaattiin Kireen jedhamuun beekkamus sababa garagaraatiif sagalee gosa garagaraa baasuudhaan miseensota qubsuma tokko keessa jiran waliin walii gala.

Allaattiin kun yeroo wal hormaata murtaawaa qaba. Warri godaansaan jiraatu ji’a eblaa hanga caamsaa keessatti wal qunnamti raawwatu. Warri bakkuma tokko jiratu ammoo ji’a Muddeerraa kaasee hanga ji’a Bitooteessaa raawwatu. Kireen allaattiiwwan akka jaarsaa fi jaartiitti haga guyyaa du’aa waliin turan keessaa isa tokko. Kormaan tokko dhaltuu takka qofa waliin wal qunnamtii raawwata. Haa ta’u malee Kormaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuun duratti, shubbisaa fi agarsiisa garagaraa dhaltuutti mul’isuu qaba. Yoo sosochii isaa kanatti gammadde qofa wal qunnamtii raawwatti. Shubbisee isii gammachiisu malee wal qunnamtii hormaataa raawwachuu hin danda’u jechuudha.

Kana booda lameen isaaniituu wal gargaaranii goojjoo bakka jiidhaa irratti ijaaru. Haadhoonis goojjoo ijaarame kana keessatti hanqaaquu lama qofa buufti. Warri lachuu wal gargaaranii guyyaa soddomaaf hanqaaquu kana hammatu. Guyyaa soddoma booda cabsanii ilmoolee keessaa baasu. Ilmooleen kunniin haga gaafa ji’a afur guutanii of danda’anitti kunuunsa maatii isaaniirraa godhamuun jiraatu. Kana booda jireenya isaanii matama isaaniitiin qajeelfatu. Allaattiin kun waggaa 20 haga 30 jiraatuu danda’a. Garuu Allaattiin Siberian Crane jedhamuun beekkamu, kunuunsi garagaraa godhamaafii waggoota 83f jiraatee jira. Kunis haga qorattoonni beekanitti sanyiiwwan Kireen keessaa isa umrii dheeraa jiraateedha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button