Og-BarruuTana Quba Qabduu
Afaan (Lugaa)
Qophii Abu Ibtisam
Afaan meeshaa wal qunnamtiiti. Kennaa ajaa’ibaa Rabbiin guddaan ilma naatiif arjoome keessaa tokko afaani. Ilmi namaa afaaniin waliin haasawee quuqaa walii ibsata. Afaaniin walitti dubbatee rakkina jidduu isaa jiruuf furmaata barbaada. Waranni meeshaa waraanaatiin xumuramu, jalqaba jechoota afaanirraa bahaniin eegalama. Bultiin jaarsaafi jaartii jiddutti haaraya jaaramtus dubbii afaaniitiin eegalamti. Faaydaan afaanii waan lakkoofnee fixnuu miti. Barruu teenya arraa keessattis waahee afaaniin wal qabaturraa wantoota ajaa’ibsiisaa tahan isiniif dhiheessina.
- Addunyaa tanarra afaan 7000 oltu jira . Afaan kanniin keessaa walakkaa ol kan tahu qubee barreeffamaa hin qabu..
- Afaan Chaayinaa kan Mandariin jedhamuun beekkamu, lammiilee biiliyoona 1.2n dubbatamuun addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa irratti argama. Ispaanish, English, Arabiffa fi Hindiin ammoo sadarkaa itti aanurra jiru.
- Akka qorattoonni afaanii himanitti, guyyaa 15 keessatti afaan tokko du’ee dachiirraa dhabama taha. Afaan haga ammaa galmaaye keessaa kan 231 tahu guutumatti du’ee dhabama tahuun mirkanaawee jira. Ammas afaan 2400 tahu dhiheenyatti Addunyaa tanarraa dhabamuuf akka deemu ibsameera. Fakkeenyaaf yeroo ammaa kana Afaan namoota lama qofaan dubbatamu tokkotu jira. Innis Ayaapaaneekoo jedhamuun beekkama. Namoonni ammaaf lubbuun jiran lamaan; manguddoo waggaa 78 kan tahe Maanu’eel Seegooviyaa fi manguddoo waggaa 72 kan tahe Isiidroo Velaazkuweezjedhamu. Dhaabbanni Vodaafoon jedhamu namoota kanniin irraa Afaan kana galmeessee dhaloota haarawa barsiisuun, dhabama irraa ittisuuf hojjachaa akka jirus beekkameera. Afaan Ayaapaaneekoo jedhamu kunafaan namoota lama qofaan dubbatamu tahuudhaan sadarkaa xumuraa irratti argama. Jarri lamaan duunaan, afaan kunis isaanuma wajji du’uu dandaya.
- Kitaabban dachii tanarra jiran keessaa Afaan heddutti hiikkamuun sadarkaa duraa irratti kan argamu Matsaaf quddusii Kiristaanaati. Macaafni kun Afaan 2454tti hiikkameera.
- Afaan dachii tanarra jiran keessaa qubeewwan heddu qabaachuun sadarkaa duraa irratti kan argamu khmeer jedhama. Afaan kun Biyya Kaamboodiyaa keessatti kan dubbatamu yoo tahu, qubee 74 qaba. Qubee muraasa qabaachuun sadarkaa xumuraa irratti kan argamu ammoo Rotookaas jedhama. Kun ammoo Qubee 12 qofa qaba. Afaan kun biyya Paappawaa Niiw Giinii jedhamtu keessatti dubbatama.
- Biyyoota Addunyaa tanarra jiran keessaa, afaan heddu qabaachuun sadarkaa duraa irratti kan argamtu Paappawaa Niiw Giinii dha. Biyya tana keessatti Afaan 840tu dubbatama. Biyya teenya keessa ammoo Afaan 90 ol akka dubbatamu ni beekama.
- Afaan Porchugaal ka’umsi isaa biyya Porchugaal yoo tahu, ammaan tana namni Afaan kana dubbatu Parsantii 95 kan tahu Porchugaaliin ala jiraata. Namoonni afaan kana dubbatan hedduun isaanii Biraazil keessatti argamu. Kan Porchugaal keessa jiran parsantii 5 hin caalan.
- Namoota dachii tanarra jiraatan keessaa walakkaa ol kan tahan Afaan tokkoo ol dubbatuu dandayu. Fakkeenyaaf biyyuma keenya keessatti namni hedduun Afaan dhaloota dabalatee afaan hojii mootummaa Federaalaa kan tahe Afaan Amaaraa ni dubbata.
- Dachii tanarra Afaan kumaatamaan laakkawamu jiraatus, qubeen jiru garuu 46 qofa. Hunduu qubeelee kanniin akka isaaf tolutti jijjiiruun fayyadamutti jira. Qubeen nuti fayyadamnu kan laatin jedhamuun beekkamu Afaan hedduun tajaajila irra oolaa kan jiru yoo tahu, Qubeen Chaayinaa lammaffaa, Arabiffi sadaffaa, Qubeen warra Indiyaa kan devaanaagaarii jedhamu Afraffaarratti argama.
- Afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa dhibbeentaa 80 ol kan tahu Afaan barreeffamaatii miti Ykn ammoo qubee barreeffamaa hin qabu. Afaan 2000 ol tahu Afriikaa keessatti kan dubbatamu yoo tahu, kana keessaa kan parsantii 20 tahu qofatu Afaan barreeffamaati. Afrikaan Kibbaa Afaan hojii 11 qabaachuun addunyaarraa sadarkaa duraa irratti argamti.