header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Billaacha bineensota heddu gowwoomsuun beekamu

Uumamni kun sanyii billaachaati. Afaan Ingiliffaatiin Peacock Butterfly jedhama. Piikook Sanyii Allaattii hogguu ta’u, allaattiiwwan bareedinaan beekkaman keessaallee isa tokko. Kanumarraa ka’uun billaacha kanas maqaa Piikook jedhu itti dabalan. Sababni isaatis bareedina isaati. Billaachi Piikook butterfly Kanaan wal fakkaatu biyya keenya keessatti kan argamu ta’us, kan har’a ilaaluudhaaf deemnu garuu billaacha ardii Awrooppaa fi Eeshiyaa keessatti argamuudha.

Peacock butterfly billaacha bareedinaan beekkamu keessaa isa tokko yoo ta’u, guddina qaamaatiinis billaachota dachii tanarra jiran keessa warra sadarkaa duraa irratti ramadaman keessatti argama. Guddina qaamaatiin Dhaltuun warra dhiiraa ni caalti. Dheerinni koola dhiiraa iinchii 2.4 yoo ta’u, kan dhaltuu ammoo iinchii 2.7 ta’a. Billaachi akkuma ilbiisota hedduu koola afur qaba. Lama gara duraa, lama ammoo gama duubaatti argama.  Sanyii billaacha kanaa kan biyya keenya keessa jiru hedduun keessan ni beeytu. Billaachi kun mallattoo addaa tokko koola isaa irraa qaba. Koola isaa lamaan gama boodaatiin jiru irraa, ija gurguddaa 2 qaba. Duuba ijji koolarraa maal godha? Silaa wayta samiirra barrisu koola isaa hargufaa barrisa, haala kanaan ijji koolarraa maal fayyaddi? Jettanii gaafachuun keessan ni mala.

Rabbiin waan takkallee faaydaa malee hin uumne. Wanti hundi sababaa uumameef qaba.  Billaachi kun yoo gubbaa irraa gad laalan, duydi isaa fuula urunguu fakkaata. Nutis osoo lafa dukkanaatti duyda billaacha kanaa arginee, urunguudha jennee irraa goruun keenya hin oolamu. Simbirroonni xixiqqoon heddu, duyda isaa kana laalanii urunguu seehanii irraa baqatu. Kanaafuu ijji gurguddaan lameen kunniin, meeshaa waraanaa diina ofirraa ittiin ittisu jechuudha. As biratti namoota Rabbi hin jiru, wanti hundi akka tasaa argame jedhanii yaadaniif gaafii takka dhiheeysuun barbaachisaadha? Billaachi kun fuula urunguu laalee footoo urunguu duydarratti kaafate moo? Urungutu dhufee footoo fuula ofii duyda isaa irratti kaase? Billaachi footoo ofirratti kaasuu mitii, waan duyda isaa irra jiruu quba hin qabu. Rabbiin keenya garuu hikmaa addaatiin diinarraa isa tiyse? Mee footoo fuula urunguu kana eenyutu duyda billaacha kanaa irra kaaye? Rabbiin guddaan waan fedhe akka fedhetti uuma? Dandeettiin isaa daangaa hin qabu.

 

Ammas kooluma isaa kanarraa ajaa’iba birootu jira. Koolli billaacha kanaa fiixxeen isaa baala goggoge fakkaata. Akkasuma gara jalaatiin bifa gara magaalatti dhihaatu qaba. Bifti isaa kan gama jalaatiin jiru kuniifi fiixeen isaa kan baala goggogee du’e fakkaatu, yeroo gama jalaatiin ilaalamu dhuguma baala goggogee du’e isa fakkeessa. Kanaafuu diinni gama jalaatiin dhufus, wanti kun waan nyaattamuu miti jedhee dhiisee biraa deema. Kun ajaa’ibuma hin jettanii ree? Diinni gubbaan dhufu urunguu seehee dheessa. Diinni jalarraan jiru baala mukarraa harca’ee lafatti goggoge seehee biraa deema. Billaachi kun haala ajaa’ibaa kanaan diina jalaa tiyfama. Subhaan ALLAH. Haala kanaan dizaayinii Rabbi isa badhaasetti fayyadamee diina jalaa dhokataa nagayaan jiraata. Sararri ykn Paaterniin koola billaacha kanaa irra jiru kan dhaltuu fi dhiiraatis wal fakkaataadha. Garaagarummaan jidduu isaanii jiru bal’inaa fi guddina isaa qofa.

Koolli billaacha kanaa yoo gama jalaatiin laalan kana fakkaata

Billaachi Piikok butterfly jedhamu kun daraaraa ilillii soorata. Mana jireenyaa ykn qubsuma takka tolfatee hin qabu. Olii gad deemaa daraaraa barbaadaa soorata. Haa ta’u malee soorata isaa kana olii gad deemee barbaadatuudhaaf qilleensa oowwaa barbaada. Yeroo qilleensi qabbanaawutti daraaraan hedduun waan harca’uuf innis jiraachuun itti ulfaata. Kanaafuu haga yeroon qabbanaa dabrutti, hibernate gochuun dirqama itti ta’a. Haaybarneet jechuunis badhaasa addaati.  osoma lubbuun jiru yeroo dheeraaf akka waan du’eetitti rafuu jechuudha. Gaafa qilleensi qabbanaawaan sun dabree oowwi dhufu ammoo bakka hibernate godherraa Restart godhee, ykn ka’ee sochii isaa jalqaba. Sila kun kompiyuutara moo billaacha jettanii hin gaafatinaa.

hanqaaquun billaacha kanaa jalqaba gama buuqqataa jijjiiramti. buuqqataan footoo irratti argitan kun hanqaaquu billaacha kanaati jechuudha.

Akkuma hibernate irraa deebi’een wanti jalqaba raawwatu wal qunnamtii wal hormaataati. Eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwataniin booda, haadhoon takka hanqaaquu haga 500 hanqaaqxi. Hanqaaquun kunis sadarkaa garagaraa keessa eega dabreen booda, billaacha ta’ee gara dachii tanaa makama. Jalqaba hanqaaquun sun gara buuqqataa jijjiirama. Yeroo kana buuqqataan kun soorata sooratuu jalqaba. Sadarkaa kaawwan irra yeroo kana soorata heddummeessee soorata. Qaamni garagaraatis sadarkaa kanarratti irratti biqila. Itti aansuun ammoo sadarkaa Puuppaatu jira. Yeroon kun yeroo boqonnaati. Ilbiisni xiqqoon takka waan akka qolaa keessatti uumamti. Turtii muraasa booda qola kana keessaa bahuun billaacha taatee addunyaa tanatti makamti. Adeemsi kun hundi yeroo ji’a lamaa keessatti raawwatama. Eega qola keessaa baateen booda guddinni biraa hin jiraatu. Haga gaafa duutee addunyaa tanarraa dhabamtutti guddinuma san qabattee turti. Piikook butterfly sanyiiwwan billaachaa keessaa yeroo dheeraa turuudhaan beekkama. Gaafa qola keessaa bahe irraa kaasee ji’a 11f dachii tanarra jiraata. Duuba baatiin 11 akkamitti yeroo dheeraa taha ree? Ilbiisota guyyaa 15 qofaa jiraatantu jira. Yoo ilbiisota biroo wajjiin madaalamu inni umrii dheeraa jiraata jechuudha.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button