April Fool’s day/Guyyaa Gowwootaa

Guyyaan har’aa kun warra lixaa biratti ‘April The Fool’s day’ jedhamuun beekkama. Hiikaan isaatis guyyaa gowwootaa jechuudha. Kunis guyyaa itti wal gowwoomsan waan ta’eef. Namni hundi haga humna isaatiin kijiba uumee nama biraa gowwoomsa. Akkasitti ayyaana kana dabarfatu. Nuti Muslimoonni ammoo waan kanarraa haalaan of eeguu qabna. Kijiba takka dubbachuun miidhaa hagam akka qabu beeknee irraa fagaatuun barbaachisaadha.

Yeroo ammaa guyyaan kun baratamaa waan dhufeef kijibni ittiin wal gowwoomsanis akkusuma hammaataa dhufeera. Ingiliiz keessatti bara 1746 (waggaa 286 dura jechuudha), Gaazexaan Evening Star jedhamu tokko, guyyaa boruu Harriin Addababayii Isligton irratti agarsiisa addaa dhiheessu jedhee barreesse. Namni magaalattii lakkoofsa guddaan garas imale. Garuu osoo eegan lafti itti dhiite. Duraan wantoota akkanaatiin wal gowwoomsaa turan. Amma garuu abalu du’e jechaa fira naasisuun jalqabameera.

 

Mee islaamummaan waahee kijibaa maal jedha?

 

Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha

إِنَّمَا يَفْتَرِي الْكَذِبَ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْكَاذِبُونَ

 

“Dhugumatti warri kijiba uumu isaan Keeyyattota Rabbiitti hin amanne qofa. Warri sun isaanumatu Kijibdoota.”

Al Nahl 16:105

 

Akka aayaa kanaatti, Kijiba bifa kamuu uumuun warra keeyyattoota Rabbiitti hin amanne nama taasisa. Kun ammoo kasaaraa guddaadha. Kanaafuu kijiba uumuurraa fagaachuun haalaan nurraa barbaadama. Ergamaan Rabbiitis ﷺ hadiisa isaaniitiin dhaamsa takka nuuf dabarsanii jiran:

“Mallattoon Munaafiqaa Sadih: Wayta dubbatu ni kijiba; yoo waadaa seene, waadaa diiga; Yoo amaanaa takka itti kennatan, amaanaa nama jalaa balleessa” (Sahiih Bukhaarii fi Sahiih Muslim)

 

Munaafiqni nama haalaan jibbamaadha. Addunyaa tanattis namni kijibu hin jaalatamu, aakhirattis akkasuma kasaaraa guddoof saaxilama. Kanaafuu wayta dubbannu dhugaa dubbachuu, yoo dhugaa dubbachuun nutti ulfaate ammoo cal’isuu nuuf wayya. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni Rabbii fi guyyaa qiyaamaatti amanu dhugaa haa dubbatu. Yoo dadhabe haa cal’isu’ jedhan.

 

Kijibni gosa hundaatuu dhoorkamaadha. Haa ta’u malee, Kijibni maqaa Rabbii fi Rasuulaan dubbatamu irra hamaa badiiti. Rabbilleen Qur’aana isaa keessatti, ‘Namni waa’ee kiyya Kijiba uumu, Abadan hin milkaayu’ jedhe. Dabalataan Ergamaan Rabbiitis ﷺ ‘waa’ee Kiyya kijiba hin dubbatinaa. Namni waa’ee kiyya Kijiba dubbate garuu Azaabatti haa darbamu’ jedhan. Kanaafuu Kijiba kanniinirraa fagaatuu qabna.

 

Kijibni irra jibbamaan sadarkaa lammaffaarra jiru ammoo, wayta meeshaa gurguranii fi bitan kijiba uumuudha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan, ‘Guyyaa qiyaamaa Rabbi namoota sadihitti hin dubbatu, isaanillee hin laalu, azaaba keessaalllee isa irra laaleessaa keessa seenu’ jedhan. Dubbii tana Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo sadih irra deddeebi’an. Wayta kana Abbaan Hadiisa kana gabaase, Abu Zar Rabbi isarraa haa jaalatuu, ‘ Rabbi dhabama isaan haa taasisuu, Isaan kunniin eenyu?’ jedhee Ergamaa Rabbii gaafate. Rasuullis ﷺ wayta deebisan ‘Dhiira uffata isaa Koronyoo gad dabarsu, Nama namaa tola oolee ‘bar anatu waan kana godhe’ jedhaa ittiin of dhaaduu fi nama meeshaa isaa gurgurachuuf jecha kijibaan kakatu’ jedhanii deebisan.

 

Kijibni kan biraa kan haalaan dhoorkame, manaamaan waan kana arge jedhanii waan hin argin dubbatuudha. Harraan tana namoonni tokko tokko namaan walii galuuf jecha qofa, manaama hin argine arginee jirra jedhanii namatti himu. Garaa nama sanii laaffifachuuf jecha waan gaggaarii himu. Haa ta’u malee namoonni kunniinillee warra guyyaa boruu adabaman keessaa isaan tokko. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan; “Namni manaama osoo hin argin argee jira jedhee namatti himu, guyyaa qiyaamaa firii garbuu lama itti kennanii walitti hidhi jedhaniin. Ababdan waan kana dalaguu hin danda’u..,’ jedhan. Kanaafuu namni kun haga garbuu san hidhutti socho’uu hin danda’u jechuudha. Ammoo hidhuu akka hin dandeennes Ergamaan Rabbii ﷺ nutti himaniiran. Waan kana ta’eef kijibarraa fagaatuun haalaan barbaachisaadha.

 

Afraffaa irratti ammoo oduma argan ol fuudhanii haasawuudha. Rabbiin qur’aana keessatti “yoo odeessaan tokko oduu takka isinitti fide, dura adda baafadhaa” nuun jedhe. Haa ta’u malee hedduun keenya waan kana irraanfanneerra fakkaata. Waa dhageenyaan dhugaadha jennee namaa dabarsina. Keessattuu dhiheenya kana dhimma siyaasaatiin wal qabatee wanti nu hin dhagahin hin jiru jechuu dandeenya. Guyyaa tokko Abalu abaluun dhahee ilkaan keessaa yaase nuun jedhan. Gaafa kaan ammoo inni ilkaan keessaa yaa’e sun namicha kaan ija keessaa baase jedhan. Ammoo nama muslimaa waan kana ‘wallaahi’ akkas jedhan jedhaa wayta haasawu dhagahuu dandeenyeerra. Kanaafuu waanuma argine ol fuunee haasawuurraa of qusachuunis barbaachisaadha.

 

Kijibni biraa ammoo kijiba qoosaati. Namni qoosaaf jecha kijiba. Keessattuu guyyaa April 1, namaan taphachuuf jecha kijiba uumu. Kunis kijiba haalaan dhoorkamaa keessaa isa tokko. Ergamaan Rabbii ﷺ ni qoosu. Haa ta’u malee qoosaan isaanii qoosaa dhugaati. Kanaafuu kijibaan qoosuunis dhoorkaadha jechuudha.

 

Kijiba haalaan dhoorkame keessaa inni biraa ammoo ijoollee sossobuudha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan; “Namni ijoollee ofitti waamuuf jecha, ‘koottu waan kana sii kenna’ jedhee dhoorkate, akka kijiba tokkootti irratti galmeeffama’ jedhan. Kanaafuu wantoota guyyaa boruu irraa gaafatamnuun keessaa isa tokko waan ta’eef irraa fagaachutu nurraa eeggama.

Namni Kijibu addunyaa aakahiratti adabama. Osoma dachii tanarra jiru qalbii isaa keessa munaafiqummaan ni seenti. Suuraa Tawbaa aayaa 77 irratti, Namoota kijibaa turan sababa saniif qalbii isaanii keessa munaafiqummaa kaayuu isaa Rabbi nuuf himee jira. Munaafiqa ta’uun ammoo karaa irraa jallatuudha. Namni karaa irraa jallate ammoo guyyaa qiyaamaa ni kasaara. Gama biraatiin Namni kijibu dalagaa hamtuu dalagutti jira. Namni dalagaa hamtuu dalagus Azaaba akka seenu ergamaan Rabbii ﷺ nuuf himaniiran. Dabalataan namoonni kijiban guyyaa qiyaamaa fuulli isaanii akka gurraachatus qur’aanni nuuf himeera.

Nama kijiburraa wanti inni dubbatu hin fudhatamu. Osoo badii tokko argee dhufee namatti himellee namni isa amanu hin jiru. Mana murtiitti dhihaatees namaaf ragaa ta’uu hin danda’u. Dachima tanarra osoo jiru namootaan adda bahee kophaa jiraata. Kun ammoo isaaf kasaaraa guddaadha.

Kijibni bakka sadih qofatti eeyyamama. Akka Rasuulli Rabbii ﷺ jedhanitti, dirree waraanaa irratti diina karaa Maqsuuf; gareelee wal lolan lama araarsuuf, akkasumas jaarsaa fi jaartii wal lolte araarsuudhaaf sobuun ni danda’ama. Kanaan ala akkanumaan faaydaa dhuunfaatiif jecha kijibuun muslimarraa waan eeggamuu miti.

 

Qophii: Abu Ibtisam

Comments
Loading...