Lafa (Earth)
Dachii irra dhaabbannee deemnu, ta qotannee irraa soorannu, ta mana irratti ijaarrannu, gaafa jiruu addunyaa xumurree godaannu ammoo tan itti awwaalamnu tana waliin haa ilaallu. Dachiin tun plaanetoota aduu saglan keessaa isii takka. Plaanetoota jiran keessaa haga ammaatti tan lubbuu baadhattee jiraachisaa jirtus Pilaaneetima teenya tana. Wanti jireenya ilma namaatiif barbaachisu cufti dachima irra jirru tanarratti argama. Plaaneetiin teenya tun pilaaneetoota biroo saddeettan irraayis maqaa addaa qabdi. Ummanni dachii tanarra jiru cufti, akka afaaan isaatti plaaneetii tanaaf maqaa moggaasee jira. Plaaneetoonni hafan saglan garuu, ummata hunda biratti Maqaa afaan Griikii fi Laatiin irraa moggaafameen beekkamu. Barruu tana keessatti waa’ee Dachii irra jirru kana qabxiilee ijoo qofa isiniif dhiheessuu yaalla.
Ragaan ammaaf uumama dachii tanaan wal qabatee jiru akka akeekutti, uumamni isii waggaa biiliyoona 4.6 dura akka ta’e mul’isa. Wantoonni jireenya Lubbuu Qabeeyyiitiif barbaachisaa ta’anis samii irraa gara lafaa bu’aa akka turan qorannoon saayintistoonni godhan ni mul’isa. Akka fakkeenyaatitti kan Qur’aana keessatti ibsame, Hadiidni ykn Sibiilli samii irraa gara dachii buufame. Walumaa galatti Dachiin tun, wantoonni jireenya ilma namaatiif akkaan barbaachisaa ta’an hundi isii keessa akka jiraatu godhamtee uumamte. Rabbiin gudddaanis, uumamaalee dachii tanarra jiran hunda akka qorannu yeroo heddu qur’aana keessatti nu ajajee jira. Nuti garuu waan jedhame dhiifnee, waan haraamaa fi halaalaa qofa irratti xiyyeeffannee waan jirruuf, ragaalee uumama dachiitiifii uumamaalee hawaa keessa jiranii hunda, kan warri lixaa qopheessetti fayyadamuuf dirqamnee jirra.
Lafa tanarra wanti lubbuu qabu eega jiraachuu jalqabee waggaa Biiliyana 3.5 akka ta’e dubbatama. Gaarreen, bineensonni, laggeen akkasumas wantootni amma dachii tanarra jiran cufti, eega dachii tanarra jiraachuu jalqabanii, waggoota Biiliyoona 3.5 akka tahe himama. Dubbiin tun dhugaa tahuu isii Rabbumatu beeka. Lafa irra jiraannu tana keessaa parsantiin 70 qaama bishaaniiti. Kan hafe 30 ammoo Lafa gammoojjii, gaarreen, lafa diriiraa, bosona, marga, dhakaa fi wantoota hedduun uwwifamee jira. Qilleensa dachii tanarra jiru keessaa parsantiin 78 Naaytroojiiniidha. 21 Oksijiinii jireenya ilma namaatiif barbaachisu yoo ta’u, takkittiin hafte ammoo gaasiiwwan akka arganii (Argon) fi kanneen biroo heddu of keessaa qaba. Kaarbondaayoksaayidiinis parsantii takkatti san keessatti argama.
Lafti irra jiraannu tun, bakka gurguddaa sadihitti qoodamti. Innis Lafa gubbaa, kan jidduu fi lafa wiirtuuti. Lafti gubbaa kan Afaan Ingiliffaan crust jedhamu isa ijuma keenyaan arginu kana yoo ta’u, dhakaa, biyyee, gaarreen fi wantoota birootis hammatee argama. Inni lammataa ammoo Lafa jidduuti ykn ammoo afaan Ingiliffaatiin mantle jedhama. Inni kun lafa gubbaa irraa kiloomeetira 8 gad fagaatee argama. Ykn ammoo Lafa jidduu kana argachuudhaaf fageenya kiiloomeetira saddeetii gad qotuu qabna jechu. Qaamni kun guutumaan guututti dhagaa irraa ijaarame. Kanaafuu haala salphaan baquu hin dandeenye. Yeroo tokko tokko garuu bifa Voolkaanoo fi maagmaatiin gara lafa gubbaa kanatti ol dhooha. Qaamni lafaa kan jidduu kun, kutaawwan sadan irraa isa irra furdaa dha. Furdinni isaatis Kiloomeetira 3000 ta’a.
Qaamni sadaffaan ammoo Wiirtuu lafaa jedhama. Inni kunis bakka lamatti qoodama. Wiirtuu gama gubbaa fii Wiirtuu gama keessaa jedhama. Wiirtuun gama gubbaa jidduu lafaa (mantletti) aanee kan argamu yoo ta’u, qaama lafaa keessaa dhangala’aadha. Inni kun dhagaa irraa osoo hin taane, sibiila baqeen guutamee jira. Maagneetiik Fiildiin dachii tanaatis bakka kanarraa akka maddu qorannoon ni mul’isa. Inni lammataa ammoo Wiirtuu gama keessaati. Wiirtuun kun kanneen hafan hunda irra jabaataa dha. Ayranii fi Nikeelii irraa ijaarame. oowwi wiirtuu lafaa kana irra jiru oowwa aduu biraatiin wal qixa.
Qabxiilee ijoo waa’ee dachii irra jiraannuu
â— Diyaameetriin lafa keenyaa kun Sarara handhuura lafaa irratti Kiloomeetira 12,756
â— Gama fiixee lamaanii irratti ammoo Kiloomeetira 12,714 ta’a
â— Lafti teenya tun addeessa ykn ammoo Ji’a tokko qofa qabdi
â— Fageenyi Orbiitii lafaa Kiiloo meetira 149,598,262. Kana jechuun lafti bakka kaate sanitti deebi’uudhaaf fageenya kana hunda naannofti jechuu dha.
â— Fageenya kana hunda xumuruudhaaf ammoo guyyaa 365.26 itti fudhata. Guyyaa tokkotti Kiloomeetira 409,566 deemti.
â— Guyyaan tokko sa’aatii 24 hin guutu. Guyyaan tokko sa’aatii 23, fi daqiiqaa 56 fi sakandii 4. Kanaaf sa’aatii 24 guutuudhaaf daqiiqaan 4 ni hanqata jechuudha. Haa ta’u malee ammaan tana lafti saffisni isii hir’ataa waan jiruuf, waggaa miiliyana 140 booda guyyaan tokko sa’aatii 25 ta’a jedhamee tilmaamama.
â— Qaama bishaanii parsantii 70 keessaa parsantii 3 qofatu dhugaatiif oola. Kan hafe garuu bishaan sooqiddaati
â— Plaaneetota jiran keessaa guddinnaan sadarkaa shanaffaa irratti argamti
â— Suuraan lafa teenyaa yeroo duraatiif Hawaa irraa kan kaafame bara 1946
Qabxiileen asii olitti ibsaman hundi, kan qorannoo warra lixaa irraa argamaniidha. Hanga nutis if duratti tarkaanfannee, uumamaalee hunda qorachuu eegallutti, kanuma isaan dhiheeysan kana, kan qur’aanaafii hadiisa sahiihaan walitti hin buune fudhannee, kaan ammoo kijiba tahuu isaa beeknee ofirraa dhiifna.
Qophii Abu Ibtisam