header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumamaa fi Guddina Ulfaa

Qur’aanni Jecha Rabbii kan Inni Nabiyyii Isaa Muhammad (SAW) Irratti buuse. Rasuulli (SAW) Qur’aana kana qomaan haffazanii, sahaabota isaanii barreessisiisaa turan. Sahaabonnis eega barreessanii booda, waan barreessan deebisanii dubbisaniif. Waan sahaabonni dogongoran, Rasuulli (SAW) hoggasuma sirreessaafii turan. Qur’aanni Mu’ujizaa bara hundaati. Mu’jizaa Rasuula keenyaaf (SAW) kenname keessaa Qur’aanni kun isa guddicha. Qur’aanni kun gaafa buufamus Mu’jizaa ture. Ammas Mu’jizaa guddaadha. Of duras Mu’jizaa tahee itti fufa. Dogongoraafii walitti bu’iinsi takkalleen Qur’aana keessaa hin argamu. Eega Jaarraa 14 dura buufamerraa kaasee, Qur’aanarraa qubeen takkallee hin jijjiiramne. Qur’aanni; jaarraa kudha afur dura kan bu’e tahullee, argannoowwan saayintistoonni zamana ammaa argatan Ykn Itti dhaqabanillee isaan dura dubbatee jira. Kun ammoo qur’aanni kun shakkii malee jecha Rabbiin Nabi Muhammad (SAW) Irratti buuse ta’uu nama agarsiisa.

 

Mee Mu’jizaa Qur’aanaa keessaa qabxii takka qofa haa wajji laallu. Qabxiin hardhaaf isiniif filanne, waahee uumamaafii guddina ulfa ilma namaati.

 

Dhiiraafi dhalaan eega walitti ida’amanii booda, ilmoon garaa keessatti uumamti. Ilmoon tunis dhawaatumaan guddataa dhufti. Wayta kana garaan haadhaatis guddataa deema. Gaafa baatii 9 gahe ammoo ilmootu dhalata. Wanti ilmi namaa arguu danda’u kana qofa.  Waan garaa haadhaa keessatti raawwatamu hunda Ilmi namaa arguu hin danda’u ture. Dhiheenyuma kana, saayintistoonni meeshaa hammayyaa fayyadamanii, waan garaa haadhaa keessa jiru hamma tokko arguu danda’an.

 

Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha.

{وَلَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنْسانَ مِنْ سُلالَةٍ مِنْ طِينٍ (12) ثُمَّ جَعَلْناهُ نُطْفَةً فِي قَرارٍ مَكِينٍ (13) ثُمَّ خَلَقْنَا النُّطْفَةَ عَلَقَةً فَخَلَقْنَا الْعَلَقَةَ مُضْØَةً فَخَلَقْنَا الْمُضْØÙŽØ©ÙŽ عِظامًا فَكَسَوْنَا الْعِظامَ لَحْمًا ثُمَّ أَنْشَأْناهُ خَلْقًا آخَرَ فَتَبارَكَ اللَّهُ أَحْسَنُ الْخالِقِينَ (14)

‘Dhugumatti Nuti ilmaan Namaa bishaanii fi horofa irraa uumne. Eegasii bakka eeggamtuu taate (gadaameeysa) Keysatti, Nuxfaah (makaa sanyii dhiiraafi dhalaa) isa goone. Eegasii Nuxfaah Alaqaa (Waan Dhiiga Ititaa fi Ulaan’ula Fakaatu) taasisne, Eegasii Alaqaa Mudghaa (Waan Foon Aalanfatame Fakkaattu) taasifne…}

 

Suuratul Mu’minuun Aayaata 12-14

 

Akka Afaan Arabaatti Jechi ALAQAA jedhu hiikaa 3 qaba.

  1. Ulaan’ula (raammmoo Afaan Horii Kessa seentu)
  2. Waan Rarra’e,
  3. Dhiiga Itite.

 

Ulaan’ulaa fi Ulfa sadarkaa ALAQAA wal bira yoo qabne, Wal fakkeenyi isaanii ajaa’iba.  Ulfi Sadarkaa Alaqaa bifa dhiigaatiin Gadaamessa keessatti nyaata argata, akkuma Ulaan’ulli, horii irraa dhiiga xuuxutti.

 

Hiikkaan lammaffaa jecha Alaqaa “Waan rarra’u” jechuudha. Kuniis rarra’iinsa Alaqaan Gadaameysa irratti rarraatudha. Ulfi sadarkaa duraa,  gadaamessa irratti rarra’a.

 

Hiikkaan Sadaffaa Kan Jacha Alaqaa “dhiiga Itite” jechuudha. Ulfi Sadrkaa Alaqaa irra jiru qaamni Isaa hundi dhiiga itite fakkaata. Kuni wanni ta’eef sadarkaa kanatti dhiigni heddumminaan Ulfa sadarkaa Alaqaa keysatti waan argamuufi. Dabalataaniis Sadarkaa Kanatti, qaama ilmoo uumamutti jirtuu kana keessa dhiigni oliifi gad hin deemu.  ‘Blood Circulation’ hin eegalle jechuudha. Kanaafuu, Alaqaan dhiiga itite fakkaata.

 

Hiikkan Jecha ‘Alaqaa’ sadeenuu bifa Ulfa Sadarkaa Alaqaa Kana sirritti kan fakkaatu fi sirritti kan ibsu ta’uu isaa hubachuun ni dandayama. Sadarkaan itti aanu kan aayata Qur’aanaa kana keysatti ibsamee “Mudghaa”dha. Afaan Arabaatiin mudghaa Jechuun ‘Waan Alanfatame’ jechuudha. Namni tokko hancee (Maastikaa) alanfatee, afaanii baafatee Ulfa Sadrkaa Mudghaa wajjiin wal bira qabee yoo laale, bifa tokko qabaachuu isaanii salphatti hubachuu dandaya. Hayyee mee amma dubbii tana haa xiinxallinu. Ulfa garaa namaa keessatti dhokate kana jaarraa 14 dura namni akkamitti arguu dandaha? Yeroo sanitti Waan kana ka beekuu dandahu, Rabbii guddaa ulfa kana uume yoo tahe malee, namni tokkollee hin jiru. Nabi Muhammad (SAW) Osoo Maaykiriskooppiin hin jirre jaarraa kudha afur dura akkamitti waan kana beekuu Dandayan? Saayintistoonninuu Maykiriskooppii hedduu waa guddisutti fayyadamuudhaan dhiheenyuma Kana dhugaa kana beekan.

 

Laywanhook nama jalqaba Maaykiriskooppii fooyyawaa fayyadamuun bara 1677tti Maniyyii Arkuu Dandaye (Amata 1000 Nabiyyii Keenya Booda Jechuudha) (SAW). Saayintistoonni bara sanii, maniyyiin ilma namaa bocuma ilma namaa qaba; isumatu gadaamessa keessatti guddatee ilmoo tahee dhalata jedhanii amanaa turan. Profesar Emeritus Keith L.Moore damee barnoota Anaatoomiifii Imbriyooloojiitiin beekkama. Kitaaba beekkamaa ‘The Developing Human,’ jedhamu, kan Afaan Saddeetiin hiikkame isaatu barreyse. Kitaabni kun akka Rifaransii (Ragaa) Saayinsiitti ilaalama. Kitaaba filatamaa nama tokkoon barreyfame jedhamee hayyoota fayyaa Ameerikaatiin kan filatameedha. Biyya Kaanaadaa Yunivarsitii Torontoo keysatti Dr. Keith Moore Profeesara Anatomii Fi Bayoloojiiti. Ammallee Itti Aanaa hogganaa Saayinsii Bu’uraa kan muummee Barnoota ‘Medicine’ Ykn Ogummaa fayyaati. Amata 8f Itti-gafatamaa Damee Barnoota Anaatoomii ta’ee tajaajila kenne. Bara 1984tti badhaasa addaa Kan ‘J.C.B.’ jedhamu, Dhaabbata Anatoomiitin biyya Kaanaadaa irraa fudhatee jira.  Dhaabata Sadarkaa Addunyaa hedduu hogganee jiras. Kanneen jidduu ‘Dhaabbata Qorattoota Anaatoomii Biyya Kaanaadaatii fi Ameerikaa, Akkasuma hogganaa Kaawunsilii Tokkummaa Saayinsii Bayolojii ta’uun hayyuu tajaajile. Bara1981, Koonfaransii hayyoota Oggumaa Yaalaa Biyya Sa’uudi magaalaa Dammaamitti gaggeefame irratti, Professarri kun akkana jedhe.

 

‘Waa’ee uumama Ulfaa kan Qur’aanni dubbate Ibsuun anaaf gammachuu guddoodha. Wanni Kun Rabbirraa Nabi Muhammaditti akka dhufe Ifa; Sababni isaatiis, beekkumsi waa’ee kanaa dhiheenyuma kana ilma namaatiif beekkame.Wanni kun akka Muhammad Ergamaa Rabbii ta’e naaf mirkaneyse.”jedhee dubbate.

Yeroo inni akkas jedhe “Qur’aanni jecha Rabbii tahuu ni amantaa jedhanii gaafatan. Innis”kana amanuun na hinrakkisu, ee nin amana”jedhee deebise.

 

Profeesarri kun dhimma kanarraa yoo dubbatu, haala saayinsiitiin waahee ulfaa kana ibsuun hedduu ulfaata. Akkaataan saayinsiin waan kana itti ibsu haalaan wal xaxaadha. Of duraaf konfaransii biroo irratti, akkaataa qur’aanaa kanaan Koonfaransii biraa irratti Walxaxiinsa Sadarkaalee fi Qoqqoodaminsa uumama ilma namaa kan amma jiru ilaalchisee, , bifa salphaa ta’een jechoota Qur’aanaa fi Hadiisa keeysa jiran fayyadamuun qopheysuuf deemna jedhee dubbate.

 

Itti Aansuun Akkana Jedhe:

“Amata afuriif qorannoo gadi-fageenya qabu kan Qur’aanaafi Hadiisa irratti gooneen, sadarkaalee fi akaataa qoqqoodaminsa caasaalee uumama Ulfaa (Embrio) kan jarraa torbaffaa keeysa barreyfame waan hedduu nama ajaa’lbsiisu ta’uu agarre. Aristootil hundeeysaa Embriology (Saayinsii Waa’ee Ulfaa Qoratu) ta’uu wajjiin, killee Lukkuu qorachuun Ulfi (Embrio) sadarka sadarkaan akka guddattu beekullee, waa’ee kanaa waan takka wanni ibse hin jiru. Seenaa damee Embryology keysatti, hanga Jaarraa 20ffaa tti waa’een qoqqoodamiinsaa fi Sadarkaa guddina Imbriology Ykn guddina ulfaa wanni takka hin beekamu. Kanaafuu waa’een sadarka sadarkaan guddachuu Ulfa- garaa keeysaa kan Qur’aanni Jaarraa 7 Keysa hime kun, qorannoo Saayinsiitiin akka hin ta’in beekkamaadha. Dhugaan wanni agarsiisu ibsi Qur’aana keeysatti himame kun Rabbirra gara Muhammad akka bu’eedha. Muhammad waa barreysuu fi dubbisuu waan hin beeyneef, kana hunda ifirraa ka’ee beekuu hin dandayu. Rabbumaatu isa beeysise”  jedhee dubbate.

 

Qophii: Abu Ibtisaam

Back to top button