header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Gammachuu dhugaa

Ilmi namaa uumamaan gammachuu fedha. Namni jireenya isaa keeysatti gammachuu argate, nama addunyaa tanarratti milkaawe jechuu ni dandeenya. Gammachuun waan akkaan barbaadamtuudha. Waan gatii laaftuun argamtuu miti. Kanaaf ilmi namaa if gammachiisuuf waa hedduun if dararutti jira. Gariin namaa gammachuu argachuuf Jimaa qama’a. Kaanis farshoo dhuga. Kuun mana shubbisaa deemee shubbisaa bula. Namni Rabbiin laaffiseef ammoo, Qur’aanaa fii zikriin if gammachiisa. Walumaa galatti ilmi namaa gammachuu tana barbaada wanti hin goone hin jirtu. Duuba gammachuun dhugaa tami? Mee jireenya keenya keeysatti, gammachuu dhugaa akkamitti argachuu dandeenya? In shaa ALLAH qabxiilee muraasa waliif dhaamna.


Mee hundi keenya haa if gaafannuu. Dachii tanarratti wanti akkaan nu gammachiisu maali? Yoo maal arganne akkaan gammanna? Deebisaan nama hundaatuu adda adda tahuu mala. Gariin namaa mallaqa guddaa yoo argate waan gammadu itti fakkaata. Gariin nama jaalatu yoo argate waan gammachuu argatu itti fakkaata. Walumaa galatti, fedhinnaa ofii guuttachuun gammachuu irraa boodaati nutti fakkaata. Garuu dubbiin tun dogongora guddaadha. Fedhinnaan ilma namaa hin dhaabbatu. Fakkeenyaaf fedhiin gurbaa tokkoo intala jaalate argachuudha haa jennu. Ifaajee dheeraa booda intala jaalate san argachuu dandaha. Eega isii harkatti galfatee booda ammoo, fedhii birootu itti aana. Mana ijaarachuu, ilmoo argachuu fii fedhinnaalee biroo heddutu boodaan dhufa. Ammas fedhiin isaa guuttameefii manas jaarratee ilmoos argate haa jennu. Achi boodammoo fedhinnaa birootu boodaan dhufa. Dalagaa isaa ballisee, oomisha heddummeeysee waan ilmaan ifii dhaalchisu qopheesuu hawwuu eegala. Gama birootiin ilmaan isaa gurguddatanii akka bakka gahan hawwuu eegala.  Joolleen dubraa heerumtee jaarsa argattu malee gammachuun isaa hin guuttamtu, ilmaan dhiiraatis fuutee argu malee gammachuu guddoo gammaduu hin dandahu. Ammas fedhiin isaa guuttamteefii, dalagaanis guddatee, ilmaanis maatii jaarratan haa jennu. Amma ammoo maatiin isaa waan baayyateef, dalagaa isaa haalaan bal’achuu qaba. Yoo duraan makiinaa 5 qabaate, amma makiinaa 10 ““ 15 godhuu qaba. Yoo doruun mana fooqii tokkoo qabaate, amma mana fooqii 5, bakka adda addaatti jaaruu qaba. Yoo magaalaa xixiqqoo keeysa kan jiraatu tahe, gara magaalaa gurguddootti godaanuun barbaachisaadha. Ilmaan isaatiifi ilmaan ilmaan isaa mana baruumsaa qaqqaalii seenanii barachuu qabu. Yeroo boqonnaa isaanii ammoo Dubaayiifi biyyoota adda addaa deemanii bashannanu. Haaluma kanaan fedhinnaan ilma namaa bal’achaa deema.


Gama birootiin nama kanaan nama gammachuu qabu jechuun ulfaataadha. Duniyaan tun adaduma baay’achaa deemtuun, cinqaafi rakkoon isii jala deemtus guddataa deemti. Yoo namichi mallaqa guddaa argate, hattuun itti baay’atti. Hattuu ofirraa eeguudhaaf ammoo, tooftaalee adda addaa fayyadamuun dirqama. Dallaya jabaa dhagaafii sibiilaan ijaaruun barbaachisaadha. Akka hattuun gubbaan utaaltee hin seenne, sibiila nama waraanu gubbaarratti fannisuu qaba. Wardiyaa jabaa meeshaa waraanaa qabatee mana eegus ramaduun waan hin oolamne. Innis halkaniifi guyyaa hirriba nagayaa hin rafu. Galiifi baasii isaa hunda toohachuu qaba. Kun hundi waan gammachuu nama dhoorgurraahi. Duuba haala kanaan akkamitti gammachuu argachuun danda’ama? Tun gaafii hundi keenya gaafachuu qabnu.

Gammachuun dhugaa Sodaa Rabbii keessaa argamti. Namni Rabbiin sodaatu, hoggayyuu gammadaa namaati. Cinqaafi hiraariin ganda isaa hin seentu. Yoo Rakkoon humna olii isa mudattes, sabrii godha. Rabbii isaatti irkata. Osoo rakkoo san keeysaa hin bahin yoo addunyaa tanarraa godaanes, guyyaa boruu in shaa ALLAH mindaa gaarii Rabbi biraa badhaafama. Kanaafuu gammachuu dhugaa namni argatu, nama dhugaan Rabbii isaa sodaatu qofa. Namni gammachuu dhugaa argachuu barbaadu, badii irraa haa if tiysu, kheyrii haa heddummeeysu. Waan qaburraa rakkataaf haa qoodu. Hogguu san gammachuu daangaa hin qabne argata. Namni kana godhe, osoo beelaan jiru quufaadha. Osoo dhukkubsatu fayya qabeessa tahee jiraata. Namni mi’aa gammachuu tana dhandhamuu dandahu, nama qalbiin isaa iimaana dhugaa qabdu qofa. Duuba iimaana dhugaa tana eessaa argachuun dandahama jennee haa wal gaafannu.

Iimaana dhugaa argachuuf, sodaa Rabbii guddisuudha.  Rabbiin (SW) akkana jedhe, ‘Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isiin hawwitu irraa dhorge, Dhugumatti, jannanni qubsuma isaati.’ (Suuraa  Naazi’aat, aayaata 40-41). Hundi keenya jannata qubachuu barbaanna. Jannata qubachuudhaaf ammoo, qaama keenya wantoota dhoorkamaa irraa tiysuu qabna. Qaama keenya tiysuu kan dandeenyu ammoo, yoo sodaan Rabbii qalbii keenya keessa jiraate qofa. Kanaafuu waan hunda dura sodaa Rabbiif qabnutu dursa. Imam ibn al Qayyim (rahiimahullaah) ‘yoo sodaan Rabbii qalbii keenya keessa jiraate, fedhinnaa karaa irraa nu maqsuu malu hunda gubee balleessa’ jedhe. Kanaafuu sodaa dhugaa Rabbii keenya haa sodaannu. Yoo dhugaan Rabbi soodaanne, badii irraa tiyfamuu dandeenya.

 

Sodaa Rabbii argachuudhaaf ammoo qabxiilee nu gargaaran keessaa inni duraa, yeroo hunda du’a yaadachuudha. Duuti waan namayyuu irraa hin oolle. Ilmi namaa hundi jireenya duniyaa tana xumuree, gama aakhiraa godaanuun isaa beekamaadha. Namuu akka du’u of beeka. Haa ta’u malee, namoonni Rabbitti kafaran, jireenya du’aan boodaa shakkan. Nuti musliimonni ammoo waan du’aan booda nu mudatuu malu, ergamaan keenya (SAW) nu barsiisanii jiran. Namni ganda du’aa dhaqe, Abadan as deebi’uu hin danda’u. Wanti carraa lammataa jedhamee isaaf kennamus hin jiru. Dalagaan isaa tan du’aan duraa, yoo kheeyrii guddoo qabaatte, du’aan booda gammachuudhaan jiraata. Yoo dalagaan isaa badde ammoo kasaaraa guddaa keessa seena. Kanaafuu du’a tana yeroo hunda yaadatuu qabna. Akka nama zalaalam jiraatuu ofgatuun hin barbaachisu. Hedduun keenya waan dulloomnee duunu of seena. Kanaaf, umrii keenya guutuu taphaafii waan faaydaa hin qabnerratti qisaasna. Muslimni dhugaa garuu akkas ta’uu hin qabu. Umrii isaa guutuu du’a yaadataa, kheyrii dalagataa, hamtuurraa if tiysaa  jiraachuu qaba.

Ilmi namaa hundi badii ni dalaga. Namni badii irraa qulqulluu ta’e hin jiru. Irra gaariin namaa ammoo nama badii dalage irraa towbatee,  daddaffiin gara Rabbii isaa deebi’e qofa. Kara Rabbii deebi’uudhaaf ammoo ilmi namaa uumamumaan sababaa barbaada. San keessaa inni tokko du’a Yaadatuudha. Du’a yaadachuun yeroo hunda barbaachisaadha. Namni du’a yaadatu dilii gurguddoo hin dalagu. Yoo akka tasaa dalages hoggasuma of dhaqqabee towbaan Rabbii isaatti booya. Hundi keenya ni duuna. Duniyaa walitti qabne, ilmaan gaggaarii horre, hawaasa jaalannuufi nu jaalatu kanas dhiisnee keessaa godaanuun keenya waan hafa hin qabne. Du’a nurraa hin oolamne tana yaadachaa, diliirraa tiyfamuun barbaachisaadha.

Badii irraa fagaachuudhaaf ammoo ibaadaa irratti jabaachuun barbaachisaadha. Namni ibaadaa irraa fagaate, qalbiin isaa hamtuu yaaduu dandeessi. Namni yeroo isaa hedduminaan ibaadaa irratti dabarsu ammoo hammeenyaafuu yeroo hin qabu. Kanaafuu qalbiin teenya akka gara badii hin shaagalamne, ibaadaa Rabbiitiin hidhuun barbaachisaadha. Ibaadaalee waajiba nurratti godhamaniin cinatti, dalagaawwan dabalataa dalaguunis faaydaa guddaa nuuf qaba. Gama birootiin nama waliin oollus nama gaarii filachuu qabna.  Namni nama Rabbiin sodaatu wajji oolu, innis Rabbii isaa ni sodaata. Namni Nama zulmii dalagu wajji oolus, booddeen isaa Zaalima tahuudha. Kanaafuu saahiba gaarii filachuunis akkaan barbaachisaadha.

Zikrii Heddummeessu, Qur’aana Qara’uu, diin islaamaa baruunis waan sodaa Rabbii namaaf argamsiisurraahi. Arrabni zikrii aadaa godhate, hamtuu dubbachuun itti ulfaata. Qalbiin Qur’aanaan jiites, hammeenya yaaduuf yeroo hin qabdu. Kanaafuu dalagaalee khayrii gurguddoo qaban kanaan of gargaaruun waan hundarra filatama. Du’aa’ii heddumeessunis akkaan barbaachisaadha. Wanti dachii tanarratti dalagnu hundi gargaarsa Rabbii qofaan ta’a. Du’aa’iin ammoo ibaadaa akkaan barbaachistuudha. Rabbiin (SW) nama du’aa’ii irraa boone, Azaaba hamaan akka qixaaxu dubbatee jira. Kanaafuu du’aa’ii qaama jireenya keenyaa godhuu qabna.

Jiruu sossobduu addunyaa tanaa haa tuffannu. Hammamuu osoo mi’ooftee guyyaa takka nuti isii dhiifnee deemuun keenya hin oolamu. Yookaan isitu nu dhiisee nu biraa deema. Jireenyi addunyaa tanaa faraqaadha. Gaddaan booda gammachuu, gammachuun booda gadda. Garbrummaan booda bilisummaa, eega bilisummaatii gabaruummaa. Fayyaan booda dhukkuba. Eega dhukkubaatii fayyaa. Haala kanaan jiruun addunyaa tanaa jijjiiramaa deemti. Jiruun addunyaa waan yeroo gabaabduuti. Namni jiruu addunyaa tana jala fiigu, ibaadaa Rabbii irraa fagaata. Namni ibaadaa irraa fagaate ammoo, kasaaraa guddoo keessa jira. Rabbiin warra isa sodaatee addunyaafi aakhiratti milkaawurraa nu haa godhu.

Qophii Abu Ibtisam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button