header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Qur’aana Kabajuu

Qur’aana kabajuu jechuun maal jechuudha? Yeroo heddu jecha kabajaa jedhu yoo dhageenyu, waan san qulqulleessanii kaayuu jechuu qofa nutti fakkaata. Mee dubbii Daa’iin tokko dubbate akka ka’umsaatti haa fudhannuu! “hedduun keenya Qur’aana kabajuudhaaf jecha Kitaabota hundaa ol goonee, mataa kitaabbanii irra goona. Kitaabonni hundi qur’aana jala kaayamuu qaban. Nutiis kabajaa Qur’aanaatiif jecha gubbaarra keennee biraa baana. Daa’imni keenya xiqqaan waan ittiin taphatu barabaacha osoo mana keeysa deddeemu, kitaaba gubbaan jiru kan fuudhuun namatti hin ulfaanne kana fuudhee ittiin taphachuu eegala. Yoo fedhe ni cira. Yoo fedhes lafaan tuma. Yoo nuti manatti deebinu waan kana arginee hedduu dallanna. Ammaas irraa fuunee kabajaa Qur’aanaatiif jecha meeshaa mana keeysa jiru hundaa ol fageeysinee keenna. Yeroo kana Qur’aanni ija teenyaafi ija daa’ima keenyaa duraahis ni fagaata. Nutiis achumaan irraanfanna. Qur’aana qara’uunis achumaan hafti. Kun kabajaa Qur’aanaatii miti.”

Qur’aana kabajuun kitaaba hundaa ol kaayuu qofaa miti. Qur’aana kitaabota gubbaa kaayuun sirrii miti jechaa hin jirru. Garuu kabajaan nuti qur’aanaaf kennutti jirru kitaabota gubbaa kaayuu qofa yoo taate qur’aana kabajutti hin jirru. Qur’aanni kitaabota addunyaa tanarra jiran keeysaa kitaaba addaati. Kabajaan isaaf goonus kabajaa addaa akka tahe beekuun barbaachisaadha. Maqaan isaatuu maqaa addaati. Jechi Qur’aana jedhu, jecha qara’uu jedhurraa argame. Gama afaan keenyaatti yoo deebisnu, dubbisuu jechuudha. Kanaafuu qur’aanni kitaaba dubbifamuu qabu jechuudha. Sanduuqa bareedaa itti tolchinee, takkaahuu shelfii kitaaba irratti guuran haala ajaa’ibaatiin hojjachiifnee keeysa kaayuu osoo hin taane, qur’aana Rabbi nuuf kenne kana irra deddeebinee dubbisuun barbaachisaadha. Kabajaan nuti Qur’aanaaf kenninus, qara’uufi itti dalaguudhaani malee, mana keeysa iddoo bareedaa kaayuu qofaan tahuu hin qabu.

Qur’aana kabajuuf qara’uun barbaachisaadha. Wayta qaraanu kana haala kamiin akka qaraanus beekuun barbaachisaadha. Akkuma dura dubbanne, Qur’aanni kitaaba addaatti, kabajni isaaf goonus kabaja addaati. Sunis qara’uufi itti dalaguudha. Haalli ittiin qaraanus haala addaa tahuu qaba. Kanaaf yeroo heddu qur’aana qara’uu qabna jenna. Yeroo qaraanu kana ammoo adaba hordofuu qabnu heddutu jira. San keeysaa tokko, yeroo qaraanu jarjarsuu dhabuudha. Qur’aana wayta qaraanu, harfii ykn qubee takka takkaan dubisnuuf ajrii arganna. Gariin namaa ajrii tana heddumeeffachuuf jecha, qur’aana guysaa qara’a. Kun ammoo qur’aana qara’uu hin jedhamu. Qur’aanni kitaabota yeroo dubbifamanis dhaamsa isaanii hubataa dubbisnu keeysaa isa tokko waan taheef, dhaamsa san hubachuuf suuta dubbisuun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Namni Qur’aana qara’u guyyaa sadihii gad keeysatti guutuu isaa yoo buuse, dhaamsa isaa hubatuu hin danda’u”jedhan. Hadiisa kana Abu dawudtu gabaase. Kanaafuu muslimni tokko qur’aana yeroo qara’u yoo akkaan jarjarse, guyyaa sadihii gaditti fixuu hin qabu.

Hadiisa biraatiin Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana guyyaa torba torbaan buusi jechuudhaan Abdallaah ibn Umar (RA) ajajanii jiran. Akkasumas Abdallaah ibn Mas’uud, Usmaan ibn Affaan fi Zayd ibn Saabit (Hundasaaniirraa Rabbi haa jaalatuu), qur’aana guyyaa torba torbaan buusaa akka turan hadiisa sahiihaatiin gabaafamee jira. Kanaafuu qur’aana ajrii heddu irraa arganna jechuudhaan guysuu irraa fagaachuu qabna. Dhaamsa Rabbiin keenya nuuf himaa jiru hubatuudhaaf, dirqama tasgabbiidhaan suuta jennee qara’uun barbaachisaadha.

Wayta qaraanu, of gad qabuu fi xiinxalluun barbaachisaadha. Qur’aana kana keeysatti, qajeela kan nutti dubbataa jiru Rabbii keenya. Rabbi kalaama isaa bareedaa saniin nutti haasawutti jira. Kanaafuu haasawa Rabbii kana of gad qabuun dubbisuu qabna. Wayta nama guddaan haasoynu, mataan lafa laalaa dhaggeeyfanna. Kunis kabajaa nama saniif qabnuuf jecha akka tahe ifaadha. Haasawa Rabbii keenyaatiif hoo, kabajaa akkamii kennuu qabna? Yeroo qur’aana qaraanu san xiyeeffannaa keenya hunda qur’aanaaf kennuu qabna. Jidduun nama waliin haasawaa, koflaa, akkasumas dalagaa biraa dalagaa qur’aana qara’uun dhaamsa isaa akka hin hubanne nu godhuu danda’a. Kana jechuun, fakkeenyaaf Televizhiina banannee, achirratti fiilmii takkaahuu tapha kuubbaa miilaa bannee, yeroo takka TV laalaa yeroo tokko ammoo gara qur’aanaa deebi’uun barbaachisaa miti. Xiyyeeffannaa guutuu qur’aanaaf kenninee qara’uutu gaarii taha. Bakka nama boochisutti kofluun, bakka nama sodaachisutti gammaduun akka hin mudanneef, hiikkaa isaatis barree xiyyeeffannaa itti kenninee qara’uun barbaachisaadha.

Qur’aana yeroo qaraanu, sagalee keenya haala gaariin bareechisuunis barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) “Qur’aana hogguu qaraatan sagalee keeysan bareechaa”jedhan. Hadiisa biraa keeysattis, “namni Qur’aana sagalee bareedaan hin qaraane, nurraahii miti”jedhan. Kanaafuu qur’aana wayta qaraanu, sagalee bareechisuunis barbaachisaadha. Dirqama sagaleen keenya ka abaluu fakkaatuu qaba jechuudhaa miti. Haga dandeenyeen sagalee bareedduudhaan qur’aana qara’uuf carraaquun, kabajaa nuti qur’aanaa mul’isnu keeysaa isa tokko. Hadiisa Abu Hureeyraan nuuf dabarse keeysatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan”Rabbiin waa takkallee hin dhaggeeyfanne, akka sagalee Nabiyyii, hogguu inni qur’aana bareechee qara’u dhaggeeyfatutti”jedhan. Kanaafuu qur’aana bareechanii, sagalee nama hawatuun qara’uun barbaachisaadha.

Ammaas Qur’aana hogguu qaraanu naa argaaf qara’uurraa of eeguu qabna. Bakka namni hedduun walitti qabametti, akka namni sagalee teenya dinqisiifatee nu faarsuuf yoo sagalee bareechinee qaraane, Ajrii qaraatii irraa argannu ni hoongoyna. Kanaafuu bikka akkasii sanitti if eegannaa gochuun barbaachisaadha.

Qur’aana Arrabaan qofa qara’uun gahaa miti. Waan qaraanu san dalagaa irra oolchuun barbaachisaadha. Qur’aanni qara’amuu qofaaf hin buufamne. Waan qur’aanni nu ajaje, dalaguu fi, waan inni nu dhoorke irraa fagaachuus qabna. Namni tokko waan takka naa dalagi nuun je’ee, hayyee jennee eega irraa fuuneen booda, dalaguu dhabuun nama saniin walitti nu buusa. Qur’aana Rabbiin nuuf buuse qara’aa, isatu karaa keenya jedhaa, isatti dalaguu dhabuunis Rabbiin walitti nu buusa. Kanaafuu Kabajaan biraa kan nuti qur’aanaaf goonu, qur’aanatti dalaguudha.

Walumaa galatti qur’aana qabannee duratti deemuudhaaf of qopheessuun barbaachisaadha. Nama qur’aanaan masakamee milkaayu tahuu qabna. Qur’aana qabannee, qur’aana qaraanee, dhaamsa isaatis dhageenyee, faallaa qur’aanaa deemuun haalaa amala muslima irraa barbaachisuu miti. Qur’aanni nyaataafi dhugaatii caalaa xiyyeeffannaa argachuu qaba. Abdallaa ibn Mas’uud amala warra qur’aana dhugaan qara’uu yoo dubbatu akkana jedhe, “Namni qur’aana qara’u; wayta namni hundi rafu, halkan walakkaa hirribaa ka’ee qur’aana qara’uu isaatiin beekkama; wayta namni nyaataa oolu, soomanaan ooluu isaatiin beekkama; wayta namni biraa koflu, booyicha isaatiin beekkama; wayta namni miidhagina addunyaatiif harka kennu, inni ammoo Aakhiraaf harka kennatee, qabeenya dachii tanaa irraa fagaachuusaatiin beekkama; wayta namni waan hin beekne useetuma haasawu, inni ammoo cal’isuu isaatiin beekkama; wayta namni boonaan of dhaadaa deemu, of gad qabuu isaatiin beekkama; wayta namni waanuma gale hundatti gammadu, gadda isaatiin beekkama”jedhe. Kanaafuu nutis dhugaan qur’aana qara’aa, haalaa amala warra qur’aana qara’uu haa dhaalluu.

 

Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button