header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Maars

Pilaaneetoonni ilmi namaa hanga ammaatti argama isaanii qajeellotti beeke sagal yoo tahan, hundi isaaniituu kan jiraachuun isaanii saayinsii qabatamaan mirkanaawe. Nutis akkuma kanaan dura jalqabnetti waan qorannoo saayinsiitiin mirkanaawe kan qur’aana Rabbiitiifi hadiisa Rasuulaa hin kallafne keeysaa fillee isiniif dhiheeysina. Pilaaneetiin barruu tana keessatti ilaallu ammoo Maars jedhamti. Pilaaneetiin tun maqaa “Plaaneetii Diimtuu”(Red Planet) jedhamuun beekamti. Ummata Masriitu Maqaa kana isiif moggaase. Warri Chaaynaa ammoo Urjii diimtuu jedhanii waaman. Lafatti aanuudhaan Aduu irraa fageenyaan sadarkaa Afraffaa irratti kan argamtu yoo taatu, xiqqeenyaan ammoo Meerkuriitti aantee lammaffaa irratti argamti. Plaaneetii tanaaf Maqaa Maars jedhu kana ammoo warra Roomaatu itti moggaase. Mars jechuun akka amantii worra roomaatti, gooftaa waraanaa jechuudha. Dachii irra jiraannu malee maqaan plaaneetoota kanaan dura argamanii hundi isaaniituu Afaan Roomaa irraa moggaafaman.


As biratti qabxii takka sirritti ibsuu barbaachisa. Ummanni Roomaa kan durii Urjiilee fi Wantoota Samii keessatti argamnitti amanu. Kanaaf Urjiilee Samii keessa jiran ilaalanii, Maqaa garagaraa itti kennan. Kun gooftaa jaalalaati, kun ammoo gooftaa waraanaati jedhaa adda qoqqoodan. Ammaan tana amantiin sun jiraachus baatu, maqaan isaan yoo san moggaasan garuu akkasumatti maxxanee hafee jira.

 

Amma gara Plaaneetii maarsi deebinee waan isiin qabdu qabxii ijoo waliin haa ilaallu. Jaarraa 19ffaa keessa, yookaan ammoo xumura bara 1800 keessa Astroonoomaroonni durii, Maars irra wanti lubbuu qabu ni jira jedhanii tilmaamanii turan. Astroonoomariin Giovanni Schiaparelli teleskooppii bara isaa jiru fayyadamuudhaan, bara 1877 qorannoo godhee ture. Qorannoo isaa kanaanis, sarara qajeelaa, boolla bishaan jallisiif qotamu fakkaatu arge. Kana booda ilmi namaa pilaaneetii tana irra qotatee jiraataa jira jedhee yaada isaa dhiheeyse. Haa ta’u malee qorannoo hammayyaawaa dhiheenya kana godhameen, sararoonni kunniin kan jallisiif qotaman akka hin taane saayintistoonni bira gahanii jiran. Qorattoonni ammas haala ilmi namaa Maars irra jiraachuu danda’u irratti qorannotti jiran.


Haalli Qilleensa Maars gubbaa jiru akkuma Plaaneetoota kaawwanii jireenya ilma namaatiif rakkisaa dha. Qilleensi Maars irra jireessatti KaarbondaayOksaayidiin guutamee jira. Dhibbeentaan 95 Kaarban Daay Oksaayidii dha. Gama biraatiin qilleensi isii qabbanaawaa dha. Lafa irra jiraannu tana, teempreecharri oowwaa yoo guddate, haga digrii seentigreedii 40 fi 50 ol guddanchuu danda’a. kan Maars garuu digriiseentigreedii 20 bira hin dabru. Kanaaf haalli qilleensa isii hedduminaan qabbanaawaadha. Yaadni biraa kan qorattootaan himamaa jiru ammoo, dhangala’aan Plaaneetii tana irra jiraachuu mala kan jedhu yoo ta’u, haga ammaatti cabbii heemsifeerota ykn ammoo fiixee kaabaatti argamuun alatti, wanti argame hin jiru. Akka qorattoonni jedhanitti, Qilleensi qabbanaawaan Maars irra jiru kun, Cabbiin kunniin akka hin baqne godha. Kanaaf haalli qilleensa if dura yoo kan jijjiiramuu cabbiin kun baqee, Maars akkuma dachii irra jirruu tana biqiloota garagaraa magarsuu dandeetti jedhani tilamaaman.

 

Akkuma Plaaneetota biroo qaamni Maarsiitis bakka gurguddaa sadihitti qoodama. Garuu haga ammaatti qorannoon jabaan godhamee, Qaamman isii kunniin hagam akka dheeratan beekuun hin danda’amne. Haa ta’u malee qorannoon gubbaa Maarsii irratti godhame akka agarsiisutti, furdinni Gubbaa Maarsii bakkaa bakkatti garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf Heemisfeera Kaabaatti Kiloomeetira 35 eega gad qotameen booda jidduun isii mul’ata. Gama Kibbaatti garuu, Jidduu Maarsii argachuudhaaf Koloomeetira 80 qotuun dirqama ta’a. Sababa kanaaf, jidduu fi Wiirtuun isiitis garaagarummaa akkanaa heddu waan qabuuf, qorannoon mirkanaawaan haga ammaa irra gahame hin jiru.


Maars Akkuma dachii fi Plaaneetota biroo ofirras maraa, Aduu irras naannoofti. Maars Ofirra naannooftee xumuruudhaaf, ykn ammoo Maars irratti guyyaan tokko Saa’aa 24 fi daqiiqaa 40 ta’a. dheerinni guyyaa tokkoo kan lafa irra jiraannuutiin walitti dhihaata jechuudha. Garaagarummaan jiru daqiiqama 40 qofa jechu. Gama biraatiin aduu irra naannooftee xumuruudhaaf guyyaa lafaa 686 turti. Yeroo dachiin yeroo 2 aduu irra naannoftee xumurutti dhihaattu, isiin yeroo 1 qofa naannofti jechu. Plaaneetoonni gariin Waqtii akka dachii irraa kan Ganna, bona, Birraa, Arfaasaa jedhamu hin qaban. Yeroon hundi isaan biratti wal fakkaataa dha. Kan Maars garuu akkuma dachii garaagarummaa qaba. Akkuma dachii irratti, yeroo qabbanaa fi yeroo oowwaa jedhaa adda qoqqoodnu, waqtiin Maarsiitis ni jijjiirama. Kan maars garuu waqtiileen jiran dheeraa dha.


Qabxiilee ijoo Maars:
● Maars Aduu irra Kilomeetira 227,940,000 (Miiliyoona 227 fi Kuma dhibba 940) fagaachuun kan argamtu yoo taatu, Meerkurii, Veenasii fi Dachitti aanuun Afraffaa irra argamti
● Gaarri dheerinnaan guddaa ta’e Maars gubbatti argama. Gaarri dheeraan Dachii kanarra jiru Evarsti yoo ta’u, Kan Maars ammoo Olympus Mons jedhama. Gaarri kun Kilomeetira 21 kan dheeratu yoo tahu, Gaara Evarast dachii kanarra jiru dachaa 3n caala.
● Dachitti aanuun Plaaneetiin cabbii qabdu Maars qofa
● Maars Addeessa lama qabdi


Qophii Abu Ibtisam

Back to top button