Armaadiloo

Qophii Abu Ibtisam

Armaadiloon akka walii galaatti uumama akkaan xiqqaa dha. Hedduun isaa seenti meetra 15 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaan garuu meetira 1.5 dheerata. Dheerinni isaa kun eegee isaatis dabalateeti. Uumamni kun qaama isaa irraa qola sibiila fakkaatu qaba. Maqaa isaa kan Armadiloo jedhu kanas waanuma sibiila fakkaatu kanarraa argate. Wanti akka sibiilaa jiru kun qaama isaatiif akka gaachinaatti tajaajila. Kanaaf jecha Afaan Ingiliffaa kan “Armor” jedhamu irraa maqaa kana argate.

Sanyiin Armadiloo kan dachii kanarra jiru 21 akka ta’e qorannoon ni agarsiisa. Uumamni kun qoffeen (Afaan ) isaa qal’aa dha. Arrabni isaa hamphee yookaan ammoo waan akka maastishaa kan ofirraa qabu yoo ta’u, arraba Awwaaldigeessaatiin walitti dhiheenya qaba. Waan barbaade arraba ofii irratti maxxansaa afaanitti ol dabarsa. Kana booda bulleessee garatti dabarsa. Agartuun isaa akkaan dadhabaadha. Kanaafuu soorata isaa funyaaniin fuunfatee barbaadata. Garaa isaa jalaa rifeensa kan qabu yoo ta’u, miilli isaa akkaan jajjaba. Qeensi isaatis qara qaba. Miila jabaa fi qeensa qaraa kanniinitti fayyadamee soorata barbaadu qotee boolla keessaa baasa.

Uumamni kun jireenyaaf naannoo bosonni, margaa fi mukkeen itti baay’atan filata. Akkasumas naannoo akkaan bishaanitti dhihaatu barbaada. Sanyiin gariin lafa cirrachaan guutame kan barbaadu yoo ta’u, gariin ammoo lafa biyyee gabbataa qabu filatu. Lafti akkanaa kunniin soorata keessaa qotanii baasuudhaaf akkaan salphaa dha. Lafa jabaataa fi dhagaan guutame irratti garuu jiraachuun itti ulfaata. Sooratni uumama kanaa hedduminaan ilbiisotaa fi Jiisaa ilbiisotaati. Dabalataan, Qaajjibbuu, Daarabaaftuu fi raammolee lafa keessa jiranis ni soorata. Sanyiin Armadiiloo gariin kan firii fi hidda biqiltootaa sooratus numa jira. Haa ta’u malee sooranni uumama kanaa %90 ol ilbiisota irratti hundaa’a.

Armadiloon yeroo heddu kophaa jiraata. Hundi isaatuu soorata barbaadachuudhaaf kopha kophaa deema. Garuu yeroo haalli qilleensaa akkaan qabbanaawutti walitti dhufuun walitti maxxananii wal hoo’isu. Yeroo kanattis boolla takka keessa waliin qubatu. Armadiloon hundi isaa boolla mataa isaa kan qabu yoo ta’u, yeroo qabbanni hammaatutti garuu walitti dhufuun boolla takka keessa qubatu. Yeroo kanattis warri boolla tokko keessa qubatu saala walfakkaataa qofa. Dhaltuun boolla takka keessa waliin qubatu. Dhiirris boolla biraa keessa waliin qubatu. Armadiloon qaama isaa keessaa cooma gahaa hin qabu. Kanaaf teempireechara qaama isaa walmadaalchisuun itti ulfaata. Rakkoo tana furuuf mala biraa fayyadama. Yeroo hoo’i akkaan hammaatutti; halkan halkan qofa socho’a. yeroo qabbanni hammaatutti ammoo yeroo aduun baatu qofa boolla isaa keessaa bahee soorata barbaadata.

Yeroo qabbanaatiin alatti Armaadiloon yeroo wal hormaataa walitti dhufa. Uumamni kun hoosiftoota keessatti ramadama. Kanaaf uumamni xiqqaan kun fakkaataa isaa dhala jechuu dha. Yeroon rimayaa ji’a 2 hanga shanii turuu danda’a. Killee tokkorraa ilmoolee afurtu dhalata. Uumamni kun amala delayed implantation jedhamu qaba. Delayed implantation jechuun erga walqunnamtii walhormaataa raawwataniin yeroo dheeraa booda rimaya qabachuudha. Haala Kanaan Armadiloon erga walqunnamtii raawwatee ji’a shaniin booda rimaya qabata.

Ilmooleen haarawa dhalatan qolli isaan irra jiru akkaan laafaa dha. Yeroo kanatti akkuma gogaatti laafa. Guyyaa muraasa keessatti aduu fi qilleensa erga argatee booda jabaata. Haati ilmoolee ji’oota afuriif kunuunsiti. Kana booda hundi isaatuu  kophaa jiraachuu jalqaba.

Armadiloon diina jalaa baqachuufis ta’ee jireenyaaf boolla qotata. Uumamni kun boolla heddu qotatee keessa jiraata. Sanyiilee uumama kana keessaa kan three banded armadillo jedhamu qofatu qola isaa san keessatti maramuun diina ofirraa ittisa. Yeroo maramu kanattis boca kubbaa fakkaatu qabaata. Kan hafan hundi isaaniituu dheessanii boolla isaanii keessatti dhokatu. Boolla isaanii kan lafa jalaa kana keessatti balbala garagaraa godhuudhaan osoo gara gubbaa ol hin bahin lafuma jalaan wal qunnamuu danda’u. Uumamni kun yeroo laga ce’u mala garagaraa fayyadama. Bishaan akkaan xiqqaa yoo ta’e bishaanuma keessa deemuun ceha. Bishaan Akkaan bal’aa yoo ta’e garuu garaa isaa akka afuuffaatti afuufee qilleensaan guuta. Kana booda bishaan irra daakuun gama ceha.

 

Comments
Loading...