header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Faaydaan Qadaratti Amanuu Maali?

Ustaaz Saadiq Muhammad (Abuu Haydar)

Muslimni tokko qadaratti ni amana. Qadaratti amanuun faaydaa maalii qaba?

Rabbiin keenya Subhaanahuu wata’aalaa “innaa kulla shay’in khalaqnaahu bi qadar” je’e. uumama hundahuu haala isaa maluun murtii keenyaan uumnee jirra je’eemii? kanaafuu namni muslimaa tokko uumamni hundi murtii Rabbiitiin uumamuu amanee fudhachuu qaba. Rasuulli keenyas (ASW) akkanuma fakkeenya kana dubbatanii jiru. “Kullu shay’in biqadar, hattal ajzu wal kays” waa hundi Qadara Rabbiitiin uumame, hattan Qaroominaafii gowwummaanis Qadara Rabbiitirraahi je’an. waa hundi murtii Rabbiiti.

 

Yeroo tokko sahaabonni Rasuula SAW gaafatan. silaahuu sammuun ilma namaa akka waa gaafatu godhamee uumame. bilisummaa islaamummaan ilma namaatii kenne keeysaa inni guddichi immoo bilisummaa waa yaaduuti. Muslimni tokko waan galuufii dhabe akkanumatti usee bira hin dabru. ni gaafata. kanaafuu sahaabonni Filannoo bilisaa ilma namaatiif kenname kanarratti wanti isaaniif hin galin tokko waan jiruuf, waan kana mirkaneeyfachuuf Rasuula (SAW)tti dhufanii gaafatan. “dawaaleen dhukkuba adda addaa ittiin wal’aanachuuf itti fayyadamnu, joolleen teenya akka jinniin hin dhawamne gochuuf aayaatarruqaan itti fayyadamnu,  aayaatoota Qur’aanaa fii hadiisota adda addaa, akkasumas du’aa’iiwwan dhimma kanaaf itti fayyadamnu kunniin, murtii Allaahaa ykn Qadara nurraa dhoowwuu ni dandayuu? Murtii Rabbii deebisuu dandayuu? joolleen teenya akka jinniin dhawaman, joolleen teenya akka dhukkubaan qabaman yoo dursee murteeyfamee jiraate, nuti dawaa kana fayyadamuun rakkoo kana deebisuu dandayaa? yoo deebisuu hin dandeenyee haa firraa dhiisnuu?” je’anii gaafatan. Ergamaan keenya (SAW) haasawa gabaabduudhaan ” Qaala Hiya min qadarillaah”  je’anii deebisan. dawaa san fayyadamuunihuu qadara ALLAAHaati. mudannoon ykn dhukkubni Qadara jettanii eega amantanii, dawaa barbaaddanii fayyadamuunis qadara ALLAHaati, kana hoo maaliif qadara jalaa baaftan? je’anii deebisaa ajaa’ibaa kennaniif. kanaafuu fakkeenyi bareedaan waan kana ittiin ibsinu; gama kanaan wanti tokko yoo sitti dhufe, atimmoo gama kaaniin qadara birootiin firraa dhoowwuu ni dandeeysa jechuudha. kanaafuu nuti muslimoonni qadara kana akkamitti amanuu qabna yoo jedhame, akkuma Rabbiifi Rasuulli (SAW) ibsanitti osoo hin jallisin amanna.

 

Qadaratti amanuun jiruu Muslima tokkoo keeysatti faaydaa maal qaba yoo jettee na gaafatte, bu’aa heddu qaba. bu’aa qadaratti amanuun qabu keeysaa muraasa isaanii yoo lalle,

1ffaa Assabru Warridaah (Obsa)

Murtii Rabbii hunda jaalattee fudhatta. Rabbiin subhaanahu wata’aalaa waan je’e. “Hojii teeysan keeysatti isin qormaatuuf Rabbiin Du’aafii jiruu uume” je’ee qur’aana keeysatti dubbate. qormaatni gama hedduun nutti dhufa. kanafuu Rabbiin keenya akkana je’e “Waa hunda keeysatti isin qormaatna. bishey’in minalkhawf, Sodaadhaan isin qormaatna” fakkeenyaaf Diina keenya humna isaa jabeeysee, jabina humna diinaa kana immoo gama birootiin nu beeysisee sodaa qalbii keenya keeysa naqa. haala kanaan sodaa keeysatti isin qormaanna je’e. Wal juu’i , beelaanis isin qormaatna je’e. akka hoongeen mudatu godha, haala saniin beela biyyatti buusa, Wanaqsin minal amwaal, qabeenyarraahis irrisuudhaan,  kasaaruutu mala, ni hatamta, ni saamamta, haala kanaan qabeenyarraa irrisuudhaan isin qormaatna. Wal anfusi kum, akkanuma lubbuu teeysaniinis isin qormaatna. yoo fedhe dhukkuba sitti fida, ykn maatii kee, haadhaafii abbaa kee, haadha worraa tee fii ilmaan tee keeysaa nama tokko fudhachuudhaan Rabbiin si qormaata jechuudha. Wassamaraat, Khudraalee fii oomisharraa sababaa adda addaatiin isinirraa balleeysuudhaan isin qormaatna je’e.

 

Duuba kaayyooniifi booddeen qormaata kanaa maaliidha yoo jette, Wabashhirissaabiriin”  isaannan obsan san gammachiise je’e. isaan obsan kun hoo kami? Allaziina izaa as’haabatuhum musiibatun, isaannan yoo rakkoon tokko isaanirra gahe, qaaluu, akkana kan je’an ” innaa lillaahi, rakkoo nurra gahee mitii nutiin mataan keenya Allaahirraa taane ykn isaatu nu uume, nutiihuu qabeenya isaati. wainnaa ileyhi raaji’uun, waa hundaahuu dhiisnee gama isaa deebi’oodha nuti warra je’an. ilmaannarraa du’e je’ee hangan boohu, qabeenyi narraa bade je’ee hanga gaabbiin if wareersu, kana hunda dhiisee anihuu gama ALLAH deebi’uuf deemaamii sa? qabeenyaafi ilmoo dhabee mitii anihuu guutumatti qabeenya ALLAAHaatii mitii?  warra je’anii Rakkoo isaan mudate hunda obsaan dabrsan Rabbiin isaan gammachiise. isaan kun warra Rabbiin gama daandii qajeellumaa isaan qajeelchee fii warra Rabbiin dilii isaanii isaaniif araaramerraahi nuun jechutti jira Rabbiin keenya.

 

Kanaafuu Qadaratti amanuun jiruu teenya keeysatti bu’aa inni qabu keeysaa inni jalqabaa, obsa qabaachuu nu barsiisa jechuudha. isaan obsa qaban immoo, “innamaa yuwaffassaabiruuna ajrahum bigheyri hisaab” je’e Rabbiin. isaannan obsa qaban mindaan isaan Rabbi biraa argachuuf deeman hisaabaan maletti (daangeffamaa miti jechuudha)
hisaabaan maleetti jechuun maal jechu? akka islaamummaatti hojii kheyrii tokko yoo hojjatte mindaan dacha dachaadhaan Rabbi biraa argattu inni xiqqaan 10. “wal hasanatu bi ashri amsaalihaa” je’ee jira. kanaafuu hojiin kheyrii tokko mindaan isaa dacha dachaadhaan kan namaa kafalamu irra xiqqaan 10 irraa eegala. achirraa ka’ee hanga 700 ol guddataa deema. haaluma niyyaa nama saniitiin mindaan isaa ida’uu dandaya. garuutuu mindaan Obsarraa argamu hisaabaan maletti jechuudha. hangana je’amee hin daangeffamu jechu. kanaafuu qadaratti amanuun obsa nama barsiisa jechuudha.

 

Lammaffaan Xuma’niinatunnabsi (Tasgabbii Qalbii)

Miira kee kan abdii si murachiisu ajjeesa jechu. kalaas, akka abdii hin muranne si godha. akka tasgabbooftu si godha. akka if toohattu si gargaara. boqonnaa sammuu argatta. sababaan immoo, bal’ina beekumsa Rabbiitti amanta. wanta gaarii jechuun waan Rabbi siif file tahuu amanta. wanti gaarii tahee siif mul’ate tokko booddeen isaa waan si miidhu tahuu dandaya. gama birootiin immoo wanti sitti dhufe tokko kan miidhaa siif qabu booddeen isaa waan faaydaa siif qabu tahuu dandaya. kanaafuu beekumsi Rabbii beekumsa kee caalaa bal’aa akka tahe waan beeytuuf, wanti Rabbi naaf file gaariidha jettee yoo fudhatte qalbiin kee tasgabbii argatti. qur’aanni akkana je’a. “Wa’asaa antakrahuu shey’an, waan tokko jibbuun keeysan mirkanaawaadha, wohuwa kheyrun lakum, garuu wanti isin jibbitan sun kan booddeen isaa kheyrii isiniif qabu. wa’asaa an tuhibbuu shey’an, waan tokko ni jaalattan, wohuwa sharrun lakum, garuu booddeen waan sanii kan miidhaa isiniif qabu. wollaahu ya’lamu, waan isiniif kheyrii qabu Allahatu beeka. wa’antum laa ta’lamuun, garuu isin hin beeytan” beekumsi keeysan daangeffamtuudha nuun jechutti jira Rabbiin. kanaafuu beekumsa Rabbii keenyaa nuuf woyya, filannoo Rabbiin keenya nuuf filetu irra nuuf caala jennee yoo harka kennanne, qalbiin teenya tasgabbii argatti. duuba salaatal istikhaaraan maaliif kharaa godhame? salaatal istikhaaraa jechuun, yoo wantoonni 2 sitti dhufan, yoo lameen kheeysaa tokko filachuun sitti ulfaate, yoo dhimmi kun cinqaa sitti tahee wajji rakkatte raka’aa 2 salaattee, “Yaa Allah, beekumsa teetiin, dandeeytii teetiin dhimma kana akka ati naaf filtu sitti dhiisa,  wanti kun yoo duniyaafii diinii kiyyaaf gaaroma naaf qabaate, beekumsa teetiin ati kana naf murteeysi. yoo wanti kun immoo hammeenya naaf qabaate immoo ati beekumsa keetiin waan kana waan birootiin naaf jijjiirii anas irraa na deebisi” jettee du’aa’ii goota. kanaafuu waan kana amanuun tasgabbii qalbii nama horachiisa jechu.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button