header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Muslimaa fi Miidiyaalee Hawaasaa

Faaruun hundi kan Rabbii ol aaneeti. Rabbii bara kana nu jiraachisee, wantoota garagaraa akka fayyadamnu nu taasiseeti. Haala ummanni nuun duraa keeysa darban yoo ilaallu, haalli jiruuf jireenyaa akkaan akka nuuf salphate ni hubanna. Waggootuma muraasa dura, baadiyyaa iraa dubartii ciniinsuun qabe gara magaalaa fi buufata fayyaa geessuun rakkisaa ture. Amma garuu konkolaataanis seenee, buufanni fayyaa heddummaatee jira. Dabalataanis hubannoon waa’ee wal’aansa ammayyaatii qabnu waan fooyya’eef namuu itti fayyadamutti jira. Haakimnii fi Konkolaataan jiraachuun isaa kophatti faaydaa hin qabu. Hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaadha. Harra waa’ee fayyaa isinitti himuuf osoo hin taane, waa’ee teeknolojii bara kanaa ilaaluuf deemna. Harraan tana addunyaan teenya haalaan guddattee jirti. Bu’aaleen teeknolojii waan heddummaataniif, wantoota heddu akka salphaatti argachuu dandeenyee jirra. Bu’aalee teknoolojii kana  keeysa Mobaayilaa fi Kompitarri waan haalaan ammaan tana ilmi namaa itti fayyadamurraa isaan ijoodha. Jiraachuun mobaayilaa fi Kompiyuutara kophatti faaydaa hin qabu. Akkaataa itti fayyadamnu beekuun barbaachisaadha. Namni tokko kompyuuara humna jabaa qabu bitee manaa qabaachuun faaydaa miti. Akkaataa itti fayyadamu beekuun isarratti dirqama.

Wanti hundi keenya beekuu qabnu,  Islaamummaan amantii teeknolojii jibbituu miti. Haga wantootni haarawa argaman kunniin, shari’aa islaamaa hin fallessinetti, haala gaariin itti fayyadamuu mirga qabna. Akkuma nuti hundi beeknu Ergamaan keenya jaalatamaan (SAW) barreessuu fi dubbisuu hin danda’an. Akkasumas hawaasni isaan keessaa ergamnis, hawaasa waa barumsa qabuu miti. Namoota muraasa qofatu barreessuu fi dubbisuu danda’a ture. Sababaa Kanaaf hawaasni Arabaa yeroo sanii irra hedduun isaa, waa qomatti haffazuu irratti jabina qabaachuu danda’e. Walaloos tahe seenaawwan dhedheeraa tahan, qomuma isaaniitti haffazu. Haluma kanaan Qur’aanni qoma Nabii irratti buufame. Isaanillee waan isaanirratti buufame ni haffazan. Garuu akkasitti hin dhiisne. Namni hedduun kan dubbisuu hin dandeenye akka jiru osoma beekan, qur’aanni isaanirratti buufame kun akka barreeffamu godhan. Adeemsa kana adeemsa teeknolojii keeysatti laakkawuu ni dandeenya. Duraan qomaan ture, amma gara barreeffamatti jijjiiran jechuudha.

Itti aansuun dhaamsa islaamummaa kana, gara ummata garagaraatti ergan. Ummata dhaamsi kun itti ergame keeysaa tokko Mootii Ruum ture. Akkuma hundi keenya beeknu, Ummanni Impaayera Ruum, hordoftoota amantii Kiristaanaati. Ummanni sun, yeroo sanitti hamma murtaayeenis tahu ummata qaroomina gaarii irra jiru ture. Mootiin Impaayera Ruum ammoo xalayaa Mallattoo ykn chaappaa hin qabne namarraa hin fuudhu. Akka seera warra Ruumiitti, dirqama mallattoon jiraachuu qaba. Nabiin Jaalatamaan (SAW). wanti kun aadaa warra Ruumiiti, Waan kana hordofuu hin qabnu je’anii hin dinne. Hoggasuma qubee qubaa tan barruu “Muhammad rasuulullaah”  jettu  ifirraa qabdu tolchaniifii ittiin mallatteessan. Kanaafuu islaamummaan Teeknolojii hin mormitu. Islaamummaan gaafa teeknolojiin sun karaa malee dhimma biraa irra oole qofa balaaleffatti. Kanaafuu Miidiyaa hawaasaattis dhihaachuun dhoorkaa hin qabdu. Haa tahu malee akkaataan nuti Miidiyaa san itti fayyadamnu islaamummaan bocamuu fi taliigamuu qaba.

Akkuma maqaa isaa irraa hubannutti, Miidiyaa hawaasaa jechuun waan hawaasa walitti fidu. Hawaasummaa jabeessuun ammoo Muslima tokko irratti akkaan barbaadamaadha. Sababa kanaaf salaata jama’aan salaatuun, salaata kophaa salaannu dacha 25 fi 27 caala je’ame. Dhiira irratti ammoo masjiidatti jama’aan salaatuun dirqama. Kun hundi hawaasummaa jabeessuudha. Bara durii Sahaabonni Masjiida qofatti wal arguudhaan hawaasummaa isaanii jabeeffatu. Harra Miidyaalee hawaasaa kanniin fayyadamuudhaan hawaasummaa keenya jabeeffatuu ni dandeenya. Magaalaa takka qofa keeysatti osoo hin daangeffamin, hawaasa bal’aa waliin wal arguu ni dandeenya. Dhukkubsataa gaafatuu, Nama rakkate sabbarsiisuu ni dandeenya. Walumaa galatti waan gaariif yoo itti fayyadamne miidiyaa hawaasummaa kanaan ajrii heddu ittiin argachuu ni dandeenya. Haa tahu malee, arraan tana yoo haala Miidyaaleen hawaasaa jiran xiinxallinee ilaallu, heddu nama rifachiisa. Hedduun keenya akkaataa itti fayyadama isaa wallaaluudhaan heddu rakkachutti jirra. joolleen osoo abbaa fi haadha qaban, akka ilmaan yatiimaa tahanii jiran. Haadhaafii abbaanis facebookaafii whatsapp isaanii kophaa kophatti fayyadamu. Ijoollee ammoo waan ittiin taphattu harka kaayanii gama haajaa ifii deebi’an.  Matiin islaamaa, akkaataa tarbiyaa islaamaatiif yaaddawuu caalaa waahee telefoona haaraya bahuuf deemuu yaaddawuu waan eegale fakkaata. Sammuun keenya hundi meeshaalee teknolojii kanaan qabamee, dalagaa kheeyrii silaa hojjachuu qabnu irraanfannee jirra. Kanaafuu haala kanaan miidiyaa irraa araadaan qabamnee karaa irraa maquun kasaaraa mataa keenya bira dabree, hawaasaafii amantii teenyas haalana miidhuu dandahuudha.

Teeknolojii fi Miidiyaaleen hawaasaa kunniin akkuma Ablee qara lamaati. Akkaataa itti fayyadama isaa numatu murteeffata. Ablee saniin foon haala gaariin cirree, nyaata mi’aawaa tolfannee sooratuu dandeenya. Yoo itti wallaalle garuu quba keenya firraa Murree rakkachuu malla. Kanaafuu waan qara qabu kana of eeggannaa cimaan itti fayyadamuun haalaan barbaachisa. Hedduun keenya facebook, Whatsapp, Telegram, Imo, Instagram fi kanneen biroos ni fayyadamna. Yoo miidiyaalee kanniin daa’waa ittiin godhuuf fayyadamne, yookaan ammoo nama dhukkubsate yoo ittiin ziyaarre dubbiin tolte. Namni tokko nuu qajeellaan ajrii heddu arganna. Akkasuma obboleessi keenya kan dhukkubsate sunis nuu gammannaan, kheeyrumarraan kheeyrii dabalachuu nuu taati. Haa tahu malee suuraa keenya maxxansinee, waan faaydaa hin qabne ittiin facaasaa nama itti affeerra taanaan, badii namni sun dalaguuf itti gaafatamaa akka taanu beekuun barbaachisaadha.

Akkuma isinitti himne, islaamummaa kheessatti jireenya hawaasummaa tolchuun akka ibaadaatti ilaalama. Yeroo gammachuu yoo waliin gammanne saniif ajrii ni arganna. Maatima keenya keeysattu waliin haasawuu fi wal qajeelchuun, akkasumas wal gammachiisuu fi wal bashannansiisuun ajrii nuuf argamsiisa. Haa tahu malee osoo wal bira jirru walirraa fagaachuu keenyaaf, yoo rakkoon maatii keenya keeysatti sababaa saniif uumame, numaatu itti gaafatama. Fakkeenyaaf ilmi keenya takkaahuu intalti teenya gorsa osoo nurraa hin argatin yoo guddatan, dilii gurguddoo irra bu’uu dandahu. Hoggas abbaan kiyya karaa natti hin agarsiisne dubbii jettutu dhufa. Kanaafuu guyyaa san gahuu keenyaan dura, arruma sirreeffachuun barbaachisaadha. Akkuma nama takkaa qaamaan hin argin, kan facebookuma irratti wal arginee hiriyyoomne waliin guyyuu chat goonu, maatii keenya kan waliin dhalanne waliinis haasawuu aadaa godhachuu qabna. Keeysattuu yoo walirraa fagaannee hedduu turre, mala mijaahaa tahe hunda fayyadamuun isaan yaadachuun barbaachisaadha. 

Wantoota Miidiyaalee hawaasaa fi Interneeta irratti bal’inaan mul’atan keeysaa tokko suuraa fi Viidiyoolee fasaadaa (Pornography) maxxansuudha. Pornography jechuun wantoota miira namaa zinaaf kakaasan kan of keeysaa qabu jechuudha. Wantootni akkanaa kunniin qalbii namaa tasgabbii dhoorku. Qalbii namaa goggoysu. Hedduun keenya wantoota akkanaatiin qabamnee, qalbii keenyas nagaya dhoorkinee, qaama keenyaanis fayyaa dhabutti jirra. Dhimma kanaan wal qabatee wantoota Miidyaalee hawaasaa irratti mudatan keeysaa tokko isin haa yaadachiisnu. Peejiin facebookaa tokko tokko hordoftoota heddu ittiin horachuudhaaf jecha, wantoota pornographic tahan kanniinitti dhimma bahu. Suuraa dubartii takkaa, ykn suuraa dhiiraa fi dubartiin wal hammatanii ka’an maxxansuudhaan, viidiyoo ajaa’ibaa kana daaw’achuu yoo barbaaddan, dura like godhaa, itti aansuun ammoo share godha, xumura irratti ammoo eddoo Koomantii irratti play je’aa barreessaa, San booda safuu namoonni kunniin dalagan argitan je’anii maxxansu. Ummanni keenya ammoo dhugaa seehee like godhee, share godhee koomantii keeysatti Play je’ee barreessa. San booda taa’ee eega. Garuu homaa hin jiru. Osoma haala gaafatamne kanaan “like fi share”goonee ka nuuf mul’aatus tahee, islaamummaa keeysatti viidiyoo akkasii daawwachuun dhoorgaadha. Kanaafuu irraa fagaachuu barbaachisa. Wantoota haala kanaan post godhaman yoo xiinxallinee ilaallu ” like, share fi commentiin” isaanii akkaan hedduu tahee mul’ata. Kunis fedhinnaa lubbuu teenyaatu footoolee sanniinitti nu harkisa. Wantoota akkanaa kanniin irraa fagaachuun akkaan barbaachisaadha. 

Ergamaan Rabbii (SAW) Man sanna sunnatan hasanatan falahuu ajruhaa“¦. je’an. Nama sunnaa gaarii karaa godheef ajritu jira. Nama sunnaa hamtuu karaa godhe, badii hamtuu sanii fi badii namoota sababa isaatiin dalaganis ni baadhata. Haga guyyaa qiyaamaattis badiin sun ni dalagamti taanaan nama sanirraa hin haftu. Kanaafuu wantoota share goonu kanniin irratti of eggannoo gochuun barbaachisaadha. Sababa keenyaan namni tokko badii yoo dalage, diliin badii sanii nuus akka dhaqqabdu beekuun barbaachisaadha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button