header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Jaarsaa fi Jaartiin iccitii walii baasuun taatii?

Lakkii hin taatu, Haraami. Rabbi biratti kun yakka hamaadha. Wal qunnamtii saalaa irraa kaasee waan jiraa mara Jaarsi iccitii Jaartii isaa baasuu hin qabu, Jaartiinis akkasuma. Shari’aan iccitii walii baasuu nu dhoorkite, keessattuu iccitii warra bultii jaareetif eeggumsa jabaa goote. Dhiirri akka haadha manaa isaatii waliin tahe gad bahee dubbatu Dayyuusa. Haati manaa iccitii Jaarsa isii saaxiltuus Diin hin qabdu. Mee herregaa! Naamusa, kabajaafi hinaaffaa yoo dhabe malee namni akkamitti iccitii nama jaalatuu saaxila?

Hadiisa Abii Sa’iid al Khudriin odeyseen ergamaan Rabbii(SAW) “Gurbaa intalootti dhufee waliin ciisee qanani’ee isiilleen itti qananiite, kan eeganaa iccitii isii facaasu, guyyaa Qiyaamaa Rabbi biratti ilmaan namaa keessaa sadarkaa hamtuu irra warri jiru isaan kanneeni”jedhe.

 [Muslimtu gabaase]

وعَن أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيَّ ـ رَضِي اللهُ عَنْهُ ـ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: إِنَّ مِنْ أَشَرِّ النَّاسِ عِنْدَ اللَّهِ مَنْزِلَةً يَوْمَ الْقِيَامَةِ الرَّجُلَ يُفْضِي إِلَى امْرَأَتِهِ وَتُفْضِي إِلَيْهِ ثُمَّ يَنْشُرُ سِرَّهَا. رواه مسلم.

Beekaa hojiin mana keessaa harki caalu iccitii dha. Waa’ee nama waliin galanii dubbachaa ooluun adaba dhabuudha, safuu dhabuudha, tun hojii Sheyxaanaati. Jaartiin iccitii Jaarsaa facaafte Amaanaa gante jechuudha. Amaanaa ganuun ammoo Rabbi biratti nama gaafachiisa. Haasawa nagayaa yoo tahe malee iccitii Jaarsa isii haadhaafi abbaa ykn fira isiitti himtee boharsuun hin hayyamamuuf. Jaarsilleen akkasuma, bakka tana if eeggatuun dirqama. Dogongora iccitii baasuu kana keessa osoo hin buune marihadhaa. Hammeenya kanarraa Rabbi nu haa eegu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button