header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Gafarsa

Gafarsi Bineensa guddaa gosa maatii Bovidae  Jedhamu keessatti ramadamu yoo ta’u, maatiin Bovidae kun bineeldota manaa kan Akka Horiitis of keessatti hammata. Addunyaa kanarra Gafarsa gosa lamaatu jira. Isaanis Gafarsa Afriikaa ykn Gafarsa Keeppii fi Gafarsa Bishaan Eeshiyaati. Bifti isaa Magaala yookaan ammoo Gurraacha yoo ta’u, dhaabbata qaamaatiin Korma Qotiyyootiin wal fakkaata. Gafarsi Bishaan Eeshiyaa akkaan guddaa yoo ta’u, Meetrira 2.4 hanga meetira 2.7 dheerata. Eegeen isaa ammoo dabalataan haga meetira tokkoo dheerata. Ulfaatinni isaatis haga Kiilograama 1,200 ta’a. Kunis kuntaala 12 jechuudha. Gafarsi Afriikaa ammoo kan Eeshiyaatiin wal bira yoo qabnu xiqqaa dha. Gafarsi Afrikaa kun Meetira 1.3 hanga meetira 1.5 dheerata. Ulfaatinni qaama isaatis Kilograama 870 ta’a.

Gafarsi Bishaan Eeshiyaa Bosona Eeshiyaa keessa kan jiraatu yoo ta’u, jiruu isaa baay’inaan bishaan keessatti dabarsa. Kotteen isaa akkaan bal’aa waan ta’eef, yeroo laga keessa dhaabbatu dhoqqee keessa akka gad hin lixne isa gargaara.. Gafarsi Afriikaa ammoo bosona Afriikaa, lafa Margi akkaan baay’atu keessa jiraata. Gafarsi kunis qaama bishaanii irraa heddu fagaatee hin deemu. Bishaan jireenya isaatiif akkaan barbaachisa. Marga barbaadachuudhaaf lafa dheeraa deemuu danda’a. Haa ta’u malee bishaan irraa heddus fagaatee hin deemu. Yeroo naannoo inni jiraatuu Bishaan dhabamu, osoma margi jiru gara naannoo bishaan baay’inaan argatutti baqata.

Gafarsa Afrikaa

Gafarsi garee uumee waliin jiraata. Ilmooleen dhiiraa xixiqqoon erga dhalatanii booda waggaa sadihiif haadha isaanii wajjiin turu. Gaafa waggaa sadih guutan irraa kaasee garee san gad dhiisanii, garee warra dhiiraatti makamu. Haadholiin ammoo garee miseensota 30 qabu uumanii ilmoolee ofii guddifatu. Gafarsi Afriikaa wal makaa dha. Gareen tokko Miseensota haga 1000 qaba. Uumamni kun walumaa galatti baala ykn Marga soorata. Gafarsi Afriikaa baay’inaan Marga kan dheedu yoo ta’u, hogguuu garii ammoo baala mukaatis ni soorata. Gafarsi Eeshiyaa ammoo marga lafa irraa argatuun cinatti, Saaphaphuu bishaan keessaallee ni soorata. Uumama Marga dheedu keessaa Gafarsi marga yoo dhabe akkaan miidhama. Akka bineensota biroo beela dandamachuu hin danda’u. Gafarsi Eeshiyaa wanti yeroo heddu bishaan keessa galuuf, hoo’a qaama isaa too’achuuf yoo ta’u, Gafarsi Afriikaa garuu gama kanaan rakkoo qaba. Kanaaf yeroo heddu guyya guyyaa aduun yoo jiraate gaaddisa jala oola. Marga dheeduudhaaf yeroo qabbanaa yookaan ammoo halkan halkan qofa sosocho’a.

Gafarsi akkuma hoosiftoota hundaa ilmoo garatti baadhatee dhala. Rimeeyni isaa ji’a 9 hanga 11 kan turu yoo ta’u, yeroo tokkoonis ilmoo tokko qofa dhala. Ilmoon Gafarsa Eeshiyaa yoo dhiira ta’e haga waggaa sadihii qofa haadha wajjiin tura. Kana booda gara garee warra dhiiraa deemee makama. Kan Afriikaa garuu makaa waan ta’eef ilmoon dhiiraa yoo barbaade turuu ykn ammoo garema san keessatti haadha irraa fagaatee jiraachuu danda’a. Ilmooleen dhaltuu garuu haadha biraa hin fagaatan. Akkuma uumama hedduu Gafarsi ilmoo argachuudhaaf, yeroo sooratni gahaan akkaan jiru barbaada. Bakka rakkoon jirutti ilmoolee dhaluudhaaf hin cinqamu.

Gafarsa Bishaanii

Gafarsi yeroo heddu bineensota foon soorataniin adamsama. Bineensotni akka Leencaa, Qeerransaa, Waraabessaa, Naachaa fi kanneen birootis gafarsa adamsanii sooratu. Uumama biraa bosona jiru keessaa qaama guddaa waan qabuuf, soorata garee saniitiif gahaa waan ta’eef bineensa kana rratti xiyyeeffatu. Haa ta’u malee Gafarsa Adamsuun akkaan rakkisaa dha. Gafarsi gareen waan jiraatuuf yeroo rakkoon jirus gareen  diina ofirraa ittisa. Gafarsi humna jabaafii gaafa gurguddaa waan qabuuf, diina isaa gareen itti bobba’ee ofirraa dhoorga. Sababaa kanaaf yeroo heddu bineensonni gafarsa adamsan ilmoolee xixiqqoo fi Warra dulloome akkasumas kanneen dhukkubsatan irratti xiyyeeffatu. Kanas ta’u Gafarsi miseensa dhukkubsates haa ta’u, ilmoolee haala salphaan dabarsee hin kennu. Yeroo heddu wal ta’ee diina ofirraa ittisa. Baay’inaan gafarsi yeroo laga cehu miidhama. Naachi bishaan keessaa akka isaan nyaatu waan beekaniif, saffisa jabaadhaan laga cehuudhaaf carraaqqii godhu. Yeroo kanatti hedduun isaanii osoo laga  cehan wal irra deemanii wal miidhanii wal ajjeesu. Gariin isaaniitis osoo lafa gooddaa ol bahan, mucucaatanii caccabu. Haala kanaan bakkuma san osoo jiran bineensota biraatiin nyaatamu. Ciramiinsi bosonaa akkuma bineensota biroo Gafarsallee miidhee jira.

Qabxiilee ijoo Uumama kanaa:

Sanyiin Gafarsaa Gafarsa Bishaan Eeshiyaa fi Gafarsa Afriikaa jedhamuun bakka lamatti qoodama.

  • Gafarsi Eeshiyaa Madaqfamee ilma namaatiif tajajaajila garagaraa kennuu ni danda’a. Kan Afriikaa garuu rakkisaa dha.
  • Gafarsi Eeshiyaa garee Saala irratti hudaa’e uumee jiraata. Kan Afriikaa garuu Miseensa saala hunda of keessaa qabu kan miseensota 1000 qabu uumee jiraata.
  • Sooratni uumama kanaa walumaa galatti Margaa fi Bosona irratti hundaa’a.
  • Gafarsi bakka hanqinni soorata akkasumas bakka roobni fi bishaan hin jirre jiraachuu hin danda’u.
  • Gafarsi Afriikaa hedduminaan halkan halkan marga dheda

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button