header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensa hin dhukkubsanne

Tafakkur: Opossum

Dhaabbileen addunyaa gurguddoon yeroo ammaa maal irratti akka wal dorgomaa jiran beeytuu? Mee fakkeenya gabaabduu isinii kennina. Telefoonuma barruu tana irraa dubbisaa jirtan ilaalaa. Telefoonni qaaliin doolaara 1000+ iphone 14 fi telefoonni rakishni irraa boodaa ka doolaara 20 yoo wal cinaa qabnee madaallu, lachuu waan isaan wal fakkeessu heddu qabu. Lachuu Screen, battery, speaker, microphone fii waan heddu kan isaan wal fakkeessu qabu. Faaydaa telefoonaa keessaa guddichi ittiin walii bilbiluudha. Hunduu walii bilbiluuf ni tajaajilu. Garaagarummaan guddaan isaan jidduu jiru. Jabeenya fii akkaataa oomishaa, akkasumas diizaayina isaati. Kaampaaniin Apple dhihoo tana iphone 14 promax gabaarra oolchee namni heddu doolaara itti dhangalaasee bitachutti jira. Kanaan dura Kaampaaniin Samsung telefoona haaraya oomishutti jira jedhee ibsee ture. Namoonni telefoona Samsung jaalatan moodeelli haarofni maaluma fakkaata laata jedhanii hawwii guddaan eegaa turan. Inumaa leellistoonni youtube hedduun isaanii, telefoonni Samsung haarofni kana fakkaatuu hin oolu jedhanii design mataa isaanii tilmaamaan qopheessaanii yoo baasan, namoonni miiliyoonaan lakkaawaman diizaayina haarawa jedhame san laalanii yaada kennu. Hunduu osoo kun akkana tahee, screen isaa osoo xiqqoo bal’atee, speaker isaa osoo gama duubaatiin ta’uu baatee gaari…. jedhaa yaada adda addaa kennan.

Kanarraa wanti hubannu diizaayinni meeshaa tokkoo waan akkaan murteessaafii waan sadarkaa guddaa qabu tahuu isaati. Warshaaleen gurguddoon doolaara miiliyoonotaan lakkaawamu ramadanii meeshaalee kana oomishanis, diizaayinaaf xiyyeeffannaa kennanii, ogeeyyii diizaayina tolchuun badhaasa addaa uumamaan qabaniin deeggaramanii hojjatu. Garuu waan ajaa’ibaa ka namni hedduun xiyyeeffannaa itti hin kennine tokkotu jira. Fakkeenyaaf Kaampaaniin Samsung ykn Apple telefoona haaraya gaafa diizaayina haarayaan fidan, yoo telefoona miiliyoona 1 oomishanii baasan, miiliyoonni tokko guutuun diizaayina 1 qofaan hojjatamu. Ulfaatinaafi bocni isaanii kan hundaatuu wal fakkaataadha. Tarii garaagarummaan halluu jiraachuu dandaha. Kanaan ala garuu diizaayinuma tokkorraa kooppii miiliyoonotaan lakkaayamu baasan malee, diizaayina garagaraa hojjachuun hin danda’amu. Kana jechuun akkuma waan waraqaa tokko maashina fotokoppii keessa galchanii kooppii miiliyoonaan baay’isuuti. Garuu waraqaa miiliyoona tokko irratti suuraa gosa miiliyoona tokko osoo kaasuun dirqama tahee, namni waan kana godhuu danda’u jiraa laata?

 

Hedduun keenya design telfoonaa ajaa’ibsiifanna. Mee amma gara uumamaa haa deebinu. Addunyaa tanarra nama biiliyoona 7 oltu jira. Biiliyoonni torbanuu diizaayina adda addaa qabu. Ashaaraan quba nama hundaatuu garagara. Ashaaraa nama biiliyoona torbaa keessaa, ka nama lamaatuu wal hin fakkaatu. Ijji nama hundaa garagara. Gurri nama biiliyoona 7n irra jiru, ka nama hundaatuu diizaayina adda addaa qaba. Mee yoo nama hedduun wal bira jiraattan, gurra keessan wal irratti laalaa. Haati ilmaa yoo daa’ima kee wajji jiraatte, mee gurra daa’ima keetii laalii keetis daawwitiin laalii tafakkuri. Gurri daa’ima sirraa dhalateetis gurra keetiin garaagarummaa qaba. Fiixeen gurra nama garii bakki warqii gurraa itti godhatan matatti maxxana. Ka nama garii ammoo gad rarra’a. Gariin dheeraa gariin gabaabaa. Gariin akka gurra re’ee ol dhaabata. Gariin matatti maxxanee waan gurra hin qabne fakkaata. Ilmi namaa amma dura dhalatee du’e, kan har’a dachii tanarra jiru, kan of dura dachiirra jiraachuuf deemu hundi diizaayina adda addatiin uumamu. Duuba kanaan maal jenna? Lubbu qabeeyyiin dachii tanarra jiran lakkofsi isaanii himamee hin dhumu. Baay’inuma sanyii dachii irra jiruutuu himnee fixuun rakkisaadha. Sanyiin hundi design adda addaa qaba. Miseensonni sanyiitis design mataa isaanii qabu. Subhan ALLAAH. Kana eentu godhuu dandaha. Khaaliqa Samiifi dachii yoo tahe malee.

Mee amma waahee diizaayinaa eega hagana dubbannee, amma gara Ameerikaa kaabaa yaadaan imallee uumama diizaayina ajaa’ibaa qabu tokko wajji haa daawwannuu.  Rabbiin yeroo hunda gara uumama isaa kanniin akka ilaallee tafakkurru nu affeera. Nutis affeerraa isaa kana fudhannee, guddina isaa tafakkuruu qabna. Uumamni barruu tanaan isinii dhiheessinu warra korojoo garaa qabu keessaa isa tokko. Akkuma amma dura ilaallee, kaangaaroonis bineensota kanniin keessaa isa tokko. Bineensota korojoo jechuun, warra ilmoolee isaanii korojoo garaa irraa qaban keessa kaayatan jechuudha. Bineensonni korojoo kunniin marsupial jedhamuudhaan beekkamu. Uumamni har’aaf isiniif filanne, Opossum jedhama. Marsupialonni hedduminaan Awustraaliyaa keessatti kan argaman yoo ta’u, Opossum garuu Ameerikaa kaabaa fi Kaanaadaa keessattis ni argama. Mee amma kallattummaan gara uumama kanaa deebinee qaama isaa, akkasumas haalaa fi amala isaa daawwanna.

Opossum Hantuuta guddaa fakkata. Bocni qaama isaa boca hantuutaatiin wal fakkaata. Garuu qaamni isaa guddaadha. Akkasuma rifeensa yabbuu qaba. guddina qaamaatiin uumama jiddu galeessa jedhamu keessatti ramadama. Sanyiileen Opossum 60 ol akka jiran beekkameera. Sanyiileen gargaaraa kunniiinis dheerinnaa fi ulfaatina garaagaraa qabu. Dheerinni isaanii meetira walakkaa hanga seentimeetira 76 ta’a. Ulfaatinni isaaniitis kilograama 4 hanga 6 ta’a. bifti rifeensa gogaa isaanii haguugee jiru hedduminaan adii gara daalachaa dabu yoo ta’u, darbee darbee magaalaa fi gurraachas ta’uu danda’a. eegeen isaanii dheeraa yoo ta’u, mukarraa mukatti cehuudhaaf itti tajaajilamu. Haa ta’u malee akka bineensota garii eegee sanitti fayyadamuun mukarratti rarra’uu hin danda’an. Uumamni kun qaama jiddu galeessaa qabaatus, ilkaan isaa kan hoosiftoota hedduu akka caalu beekkameera. Uumamni qaama jiddu galeessaa qabu kun ilkaan 50 afaan keessaa qaba.

Opossum biyyoota akka Meeksikoo, Ameerikaafii kaanaadaa keessatti kan argamu yoo ta’u, uumama Marsupial jedhamu keessaa uumama addaa Ardii Awustraaliyaatiin alatti argamuudha. Marsupialonni hundi isaanii Ardii Awustraaliyaa fi naannawa ardii Awustraaliyaa jiraatu. Uumamni kun naannawa margaa fi mukkeen qabu filata. Hedduminaanis lafa jiidha qabuu fi bishaan qabutti dhihaatee jiraata. Opossum uumama Nocturnal ykn ammoo warra halkan halkan socho’an keessatti ramadama. Dandeettiin waa arguu fi dhagahuu isaa haalaan laafaadha. Kanaafuu guyyaa adiin wayta uumamni hedduu olii gad socho’u gad bahuun isaaf rakkoodha. Waan fuunfachuu irratti ammoo haalaan jabaadha.  Funyaan isaa kanatti fayyadamee, halkan jimii wanti takka keessatti hin mul’anneen soorata barbaaddata. Bineensi kun qubsuma dhuunfaa hin qabu. Akka bineensota hedduu goojjoo jaarratee keessa galu hin qabu. Yeroo hunda olii gad godaanaa jiraata. Wayta qabbanti hammaatee cabbiin bu’uu jalqabu boolla barbaadatee achi keessatti daheeffata. Boolluma tanallee ofii isaatii hin qotatu. Boolla uumamni biraa qote keessa jiraata. Yoo cabbiin akkaan hammaatu baalaafi marga dheddheeraa boollatti guuree qaama ittiin oowwifata. Qabbana hamaa kana dandamachuuf mala birootis ni fayyadama. Rifeensa gogaa isaa irra jiru gorora isaatiin jisee, akka rifeensi isaa itti maxxanu godha. yeroo kana qabbanti alaa salphatti gara gogaa isaa hin dabru. Oowwi qaama isaatis alatti hin bahu. Mala kana eentu isa barsiise laata?

Opossum soorata gosa lachuutuu ni soorata. Marga, firiiwwanii fi bala mukkeenii qocatee soorata. Akkasumas ilbiisota, sanyii hantuutaa, bofa, simbirrootaa fi hosiftoota xixiqqos adamsee soorata. Dabalataan warri magaalatti dhihaatee jiraatu ammoo, balfa namni gatu keessaa waan soorataaf ta’u guuratanii sooratu. Walumaa galatti uumamni kun carraa argame hundatti fayyadamee soorata argate hundaa soorataa jireenya isaa geggeeffata. Akkuma bineensotaa fi wantoota garagaraa sooratu, innis uumama biraatiin adamsamee nyaatama. Sareen, jeedalli, culullee fi urunguun uumama kana adamsanii sooratan. Opossum magaalatti dhihaatee jiraatu ammoo, yeroo heddu osoo karaa irra deemu makiinaan irra bahee ajjeesa.

Opossum uumama haala salphaan adasamuu miti. Cifaa haalaan jabaa ta’e kan diina ofirraa ittiin ittisuu danda’u qaba. Isatti fayyadamee diina ofirraa deebisuu yaala. Garuu mala addaa kan biraatis ni qaba. Bineensi kun yoo diinni itti dhufe akka waan du’ee of fakkeessee raqa fakkaatee ciisa. Bineensonni hedduun waan du’e sooratuu hin fedhan. Opossum bineensa Abshaalummaa qabu. Diina isaa adda baasee beeka. Bineensa raqa hin nyaanneefii bineensa waanuma argate hunda nyaatu adda baasee beeka. Yoo diinni itti dhufe bineensa raqa hin nyaanne tahe, ifaajee ofirraa xiqqeessuuf raqa fakkaatee ciisa. Bineensi adamsuuf dhufes raqa du’e jedhee dhiisee biraa deema. Yoo diinni itti dhufe bineensa waa hunda nyaatu tahe ammoo, seeyfii uumamaan badhaafame cifaa isaa luqqifatee duula eegala.

Bineensi kun raqa fakkaatee ciisa yoo jennu waan daqiiqaa muraasaa hin seehinaa. Yoo diinni biraa deemuu dide haga sa’aa 6 osoo hin socho’in gogee ciisuu dandeettii qaba. Akkuma sila himne funyaan isaa waa fuunfachuu irratti jabaadha. Diinni biraa deemuufi deemuu dhabuu adda baafachuuf ijaan laaluun dirqamaa miti. Funyaan isaatiin fuunfatee bakka diinni jiru adda baafata. Yoo diinni irraa fagaatee deeme qofa lafaa ka’a. hedduun keessan bakka kanatti waan tokko yaadaa akka jirtan abdii qabna. Bineensi hundi yoo harganu garaan isaa ni socho’a. Duuba diinni isaa kun garaa isaa laalee akka inni lubbuun jiru akkamitti adda baafachuu dadhaba? Kun badhaasa addaa bineensi kun badhaafamerraahi. Bineensi kun wayta raqa of fakkeessee gogee ciisu, qaama isaa irraa wanti socho’u tokkollee hin jiru. Garaan isaatis hin socho’u. Sombi isaa mala addaatiin osoo garaa isaa hin sochoosin dalagaa isaa dalaga. Subhaan ALLAAH. Mee dandeettii ajaa’ibaa kana eenyutu isa badhaase.  Kunis Akka tasaati? Laa Wallaah, Namni akkas jedhu dhugumatti nama aqlii isaatti fayyadamuu dadhabe qofa.

Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa dhiirri sagalee addaa baasuudhaan dhaltuu ofitti waama. Kana booda wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatama. Eega walqunnamtii raawwataniin booda lameenuu gargar deemu. Dhaltuunis guyyaa 14 booda ilmoolee kinniisa hin caalle dhalti. Baay’inni ilmoolee isii haga 20 ta’uu danda’a. Diydammanuu qaama wal hormaataa keessaa bahuun gara korojoo imalu. Haa ta’u malee hundi isaanii bakka yaadan gahuu dhabuu malu. Korojoo keessas guyyaa 67 turu. Kana booda Opossum ta’anii gara addunyaa makamu. Gaafa guyyaa 75 guutan, soorata jajjabaa olii gad deemaa sooratu. Garuu haadha biraa hin fagaatan. haati yeroo olii gad yoo deemtu hunda ilmoolee isii kanniin duydarratti baadhatti.

Opossum waan ajaa’ibaa kan birootis ni qaba. Badhaasni Rabbiin bineensa kanatti arjoome hedduudha. Bineensi kun hin dhukkubsatu. Qaamni isaa Baakteeriyaafii vaayirasii heddu ofirraa deebisuu danda’a. Kana qofa hin seehinaa. Summii bofaafi ilbiisota hammeenyaan beekamaniitiifis hin jilbiiffatu. Qaamni isaa summii bofaatiifis dantaa hin qabu. Bofni yoo bineensa kana hidde, summii ofii qisaasuu malee bineeensa kana wa takkallee godhuu hin danda’u. hayyama Rabbii guddaatiin bineensi kun waggaa 2-4 jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button