header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Manguddoo Kabajuu

Anas ibnu Maalik (RA) akkana jechuun hadiisa tokko nuuf gabaase, ‘Manguddoon tokko ergamaa Rabbii (SAW) dubbisuf gara isaanii dhufe. Sahaabonni garuu karaa gad dhiisuufii didan. Kana booda Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, Namni guddaa keenya hin kabajneefi, Namni xiqqaa keenyaaf garaa hin laafne, nurraahii miti” jedhan. Islaamummaan amantii guutuudha. Jireenya warra lixaa, warra teknolojiin dagaagee yoo laalle, kunuunsi isaan daa’immaniifi joolleef godhan kunuunsa addaati. gaafa daa’imni kun guddatee dargaggoome, akka of danda’u godhanii ofirraa baasan. Gaafa inni manguddoome ammoo, ganda dardarran keessa jiraatan irraa fageessanii, ganda manguddoonni qofti keessa jiraatanitti galchan. Islaamummaa keessa ammoo wanti akkanaa hin jiru. Islaamummaan manguddoo kabajuufi, kunuunsa addaa godhuufitti nu ajajji.

Ilmi namaa uumama kabajaa qabu. Kana ammoo Rabbii keenyatu qur’aana isaa keessatti dubbate. Suuratul Israa’a aayaa 70ffaa irratti Rabbiin akkana jedha “Dhugumatti Nuti Ilmaan Aadam Kabajneerra. Dachii fi galaana keessattis isaan geejjibneerra. Wantoota gaggaarii irraas soorata isaaniif kenninee jirra. Irra hedduu wanta uumnee irraas isaan caalchifnee jirra.”Jedha.

Kanaafuu ilmi namaa meeshaa manaa baafamee gatamuu miti. Uumama Kabajaa qabu akka ta’e aayaa tana irraa hubatuu ni dandeenya. Waan kabajaa qabu ammoo manaa baasanii bakka “old age home”ykn mana namoota dulloomaniitti hin gatan. Manguddoota akkuma Rabbiin isaan kabaje sanitti isaan kabajuu qabna.

Hawaasni muslimaa obbolummaa diiniitiin walitti hidhama. Obboleewwan ammoo karatti wal hin gatan. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana je’an, “Namni tokko haga waan ofii jaalatu obboleessa isaatiif jaalatutti hin amanne“jedhan (Sahiih Al Bukhaarii). Nu keessaa namni gaafa dulloome gara bakka manguddoota itti kunuunsanii deemee jiraatuu barbaadu hin jiru. Hundi keenya manuma keessa teenyee maatiin keenya akka nu kunuunsu barbaanna. kanaafuu waan ofii keenyaa jibbinu nama biraa irratti raawwatuu hin qabnu. Nama kunuunsuun ammoo rahmata irraahi. Rahmatni ammoo kennaa Rabbiiti. Namni rahmata hin qabne hoongawaa namaati. Rasuulli Rabbii (SAW) “Namni kasaare ykn hoongawe, yoo Rabbi qalbii isaa keessa rahmata hin keenyee”jedhan. Kanaafuu namatti garaa jabaannee manaa baasnee isaan gatuu irra, isaaniif garaa laafnee tola itti ooluu qabna. Waan ofii keenyaa jaalannu isaaniifis jaalachuu qabna, waan ofii keenyaaf jibbinus isaaniif jibbuu qabna. Wanti kun biyya keenya keessatti dilasis baramaa miti. Garuu lammiileen biyya keenyaa kan baqatanii biyya faranjii keessa jiraatan, rakkina kana quba qabu. Rakkinni kun ballatee hawaasa keenyas osoo hin galaafatin, arruma waliif dhaamutu gaari jennee dhaamsa kana isinii dabarsutti jirra.

Hadiisa Ibn Umar (RA) gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Rabbi biratti irra jaalatamaan namaa, nama ilma namaatiif toltuu fide, akkasumas Rabbi biratti irra jaalatamaan dalagaadhaa, Muslima gammachiisuu, rakkina isaa furuu, idaa isaa irraa kafaluu, yoo beelawe beela baasuudha. Anaaf Masjiida keessa Ihtikaafa taa’uu irra, nama muslimaa tokko fedhinnaa isaa guutuutu naaf caala. Namni fedhinnaa Muslima tokko guutuudhaaf jecha isa waliin deeme, guyyaa qiyaamaa gaafa namni hundi mucucaatee kufu san, Rabbi nama san ni dhaaba“jedhan. (Sahiih atargiib wa tarhiib). Hadiisni kun manguddoo qofa waliin osoo hin taane, hawaasa muslimaa cufa waliin haala kamiin jiraachuu akka qabnu nu gariisa. Ilma namaa gammachiisuun Rabbi biratti dalagaa akkaan jaalatamtuudha. Kanaafuu manguddoota of biraa fageessinee isaan mufachiisuu irra, ofitti isaan dhiheessinee isaan gammachiisuun heddu filatamaadha.

Manguddummaan Rabbi biratti sadarkaa guddaa qaba. Haga namni sun Rabbitti amanee toltuu dalagetti, sadarkaan inni Rabbi biratti qabu akkan guddaadha. Namni baadiyyaa tokko gara ergamaa Rabbii (SAW) dhufee, ‘Yaa ergamaa Rabbii, irra caalaan namaa eenyu?’ jedhee gaafate. Ergamaan Rabbiitis (SAW) “nama umrii dheeraa jiraatee, dalagaa toltuu dalage” jedhan. Kanaafuu namni umrii dheeraa jiraatee, toltuu dalagate, Rabbi biratti sadarkaa guddaa akka qabu beekuun barbaachisaadha. Nama sadarkaa guddaa qabu kana ammoo akkaan ofitti dhiheessanii kunuunsuun barbaachisaadha. Nama Rabbi biratti sadarkaa guddaa qabu kunuunsuun bu’aa gaarii namaaf argamsiisa.

Ilma namaa namummaa isaatiin kabajuun dirqama. Kabajaan manguddoo ammoo daran jabeeffamtuudha. Mana keenya keessaa manguddoo yoo qabaanne, yeroo kennuufii qabna. Waliin teenyee isaan waliin haasawuu qabna. Muuxannoo jireenyaa isaan irraa barachuu ni dandeenya. Isaan umriidhaan turanii waan heddu arganii jiru. Yoo nurraa fagoo jiraatan ammoo, irra deddeebinee isaan too’achuu qabna. Namni umriidhaan maanguddoomee rakkina garagaraatiif saaxilamuu danda’a. Kanaafuu, yeroo hunda isaan hordofuu fi isaan too’achuun barbaachisaadha. Biyyoota teknoolojiin guddatan keessatti, oduu nama rifachiisu heddutu dhagahama. Namoonni islaamummaa hin qabne, Abbootii fi Haawwan isaanii manguddoomaniif mana kophatti ijaaranii biraa deeman. Achittis torban torbaaniin soorata  geessaafii biraa deebi’an. Haala kanaan manguddoonni du’anii guyyaa fi waggaa dheeraa booda mana isaanii keessatti argaman heddutu jira. Kanaafuu rakkina akkanaa oolchuuf jecha, ofitti dhiheessinee isaan kunuunsuun barbaachisaadha.

Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii sahaabota isaanii gaafatan. “Mukni guddaan yeroo hunda baalli irraa hin harcaane, kan haala Muslimootaatiin wal fakkaatu, muka maaliiti? Jedhanii gaafatan. Sahaabonnis Muka gammoojjii keessa jiru hunda sammuu keessatti yaadanii, deebisaa kennuu dadhaban. Achi booda ” Yaa Rasuulullaah, isinumti nuuf deebisaa”jedhan.  Rasuulli (SAW) “Muka Timiraati”jedhanii deebisan. Wayta Sahaabonni Rasuula biraa bahan, Abdallaah ibnu umar ( RA) abbaa isaa Umar ibnu khaxxaab (RA) wajji bahe. ” Gaafii Rasuulli (SAW) gaafatan deebisaan Muka Timiraa akka tahe tilmaamee ture”jedheen. Umaris (RA), duuba maaliif hin deebisin?”jedhee gaafate. ” bakka namoonni gurguddoon akka Abubakr Siddiiq fi namoonni akka sihii jiranitti an akkamitti dubbadha”jedheen. Abdallah ibnu Umar (RA) yeroo san umriin isaa joolleedha. Garuu kabajaan inni namoota umriin isa caalaniif qabu akkaan guddaa ture. Nutis haaluma kanaan manguddoo kabajuu qabna. Isaan dura buunee dubbachuu hin qabnu. Waan hundarratti manguddootaafi dursa kennuun barbaachisaadha.

Walumaa galatti Warri Islaamummaa hin qabne, karaa tana keessatti nuuf fakkeenya ta’uu hin qaban. Akkaataa kunuunsa Manguddoo isaanirraa laallachuu hin qabnu. Akka islaamummaan nu barsiistutti, Maatii irraa argamne Kabajuu fi kunuunsuu qabna. Ofitti dhiheessinee isaanitti tola ooluu qabna. Akka nuti gaafa manguddoomne kunuunfamuu barbaadnu sanitti, arra isaan kunuunsuu qabna.

Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button