Bofa kana yoo argitan fiigichaan naannoo sanii baqadhaa! Tafakkur- Black Mamba

Imalli keenya har’aa gara afrikaati. Naannoo Baha Afrikaafii naannoo biyyoota kibba Afrikaa dhaynee uumama hamaa tokko waliin daawwanna. Uumamni kun lubbuu namoota hedduu galaafatee jira. Akka qorannoon ibsutti, uumamni kun woggaa woggaan namoota 20,000 ol galaafachutti jira jedhamee tilmaamama. Uumamni kun Black Mamba ykn Maambaa gurraacha jedhama. Bineensi kun sanyii bofaa yoo tahu, sanyiilee bofaa summii hamaa qaban keessaallee isa tokko. Namni bofa kanaan hiddame yeroo gabaabaa keessatti qaamni isaa laamshayee du’uu dandaha. Summiin isaa kun dawaa qabaatus, dawaan isaa akkaan qaaliidha. Sababaa kanaaf lammiileen Afrikaa kan harka qalleeyyii tahan summii bofa kanaatiin dhumutti jiru. Namni bofa kanaan iddame daqiiqaa 30 keessatti wal’aansa argachuu qaba.

Maqaan bofa kanaa Black Mamba ykn Maambaa Gurraacha jedhamus, bifti isaa garuu gurraachaa miti. Sanyiin gariin bifa magaala kan qabu yoo tahu, sanyiin gariin ammoo bifa Magariisaa, keelloo fi halluu daalacha qaba. Duuba maaliif black Mamba ykn Maambaa gurraacha jedhame ree jettanii gaafachuu ni dandeessu. Bineensi kun Waan addaa kan uumama hedduun adda isa godhu qaba. Lubbu qabeeyyiin heddu keessi afaan isaanii halluu diimaa qaba. Beeyladoota irraa jalqabee hanga ilma namaatti, akkasumas bineensonni bosonaa irra hedduun isaanii keessi afaan isaaniitiifi Arrabni isaanii diimaadha. Uumamni bofa kanaa ammoo adda. Keessi Afaan isaatiifi Arrabni isaa halluu gurraacha qaba. Yoo diinni itti dhufe Afaan isaa banee arraba gurraacha kana itti mul’isee sodaachisa. Kanaafuu, Namni bofa keessi Afaan isaa gurraachaa arge, saffisaan naannoo sanii dheessuu qaba jechuudha.

Dheerinni bofa kanaa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni guddaan haga meetira 4.2 dheerachuu danda’a. gariin ammoo haga meetira 2 dheerata. Ulfaatinni isaatis dheerinnuma isaa irratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Avreejiidhaan haga kilograama 2 ulfaata. Uumamni kun summii isaatiin cinatti saffisa guddaa qaba. Maambaan Gurraachi sanyiiwwan bofaa kan saffisa guddaa qaban keessaallee isa tokko. Sa’aa tokko keessatti Kilomeetira 12 looyuu danda’a. Yeroo lafarra saffisa guddaa kanaan looyu kana, qaama isaa walitti suntureessuu danda’a. Dabalataanis mataa isaa lafarraa ol kaasuun, osoo mataa isaatiin lafa hin tuqin looya. Maambaan Gurraachi saffisa isaa guddaa kana waa ittiin adamsuuf osoo hin taane, diina isatti dhufe jalaa dheessuuf itti fayyadama.

Soorata isaaf barbaachisu adamsuudhaaf ammoo riphee waan gara isaa dhufu eega. Guyya guyyaa mukaa fi wantoota garagara jalatti dhokachuun rizqii isaaf dhufu eeggata. Yeroo lafti halkanaawuu ammoo gara mana isaa gale rafa. Bofni kun yoo diinni itti dhufe ni dheessa. Haa ta’u malee garri dheessu yoo hin jiraannee, waan isatti dhufe san dhaabbatee ofirraa ittisa. Qaama isaa dheeraa san irraa tokko sadaffaa ykn ammoo meetira 1.2 kan ta’u, lafarraa ol kaasee akka bofa Xaraa ol dhaaba. Dabalataanis, mataa isaa akkuma bofa Xaraa diriirsee Baxxeessa. Kana booda afaan isaa adda banee, gurraachina afaanii fii arraba isaa san mul’isaa sodaachisa. Sagalee garagaraatis dhageessisaa diina isaa dhamaasa. Malli kun hundi yoo dalaguu dide, diina isatti dhufe san hidduu jalqaba. Yeroo tokko qofa osoo hin taane, irra deddeebi’ee waan isatti dhufe san dhahaa, summii heddus qaama diina isaa keessatti facaasa. Kana booda saffisa qabu fayyadamee naannoo sanii baqata.

Sooranni uumama kanaa allaattii fi hoosiftoota xixiqqoodha. Yeroo garii sanyiiwwan bofa xaraatis ni soorata. Maambaan Gurraachi waan adamse eega summiin hiddee booda, haga inni du’utti bira ciisee eega. Summiin isaa akkaan hamaa waan ta’eef. Bineensi adamsame sun daqiiqaawwan muraasa keessatti du’a. eega ajjeesee boodas akka sanyiiwwan bofaa biroo guutuu hin liqimsu. Ilkaan isaatiin mummuree xixiqqeessaa liqimsa.

Bakka Wal qunnamtii wal hormaataa kanatti, akkuma bineensota biroo bofni Maambaa kunis warri dhiiraa walitti bu’uun isaanii waan hin oolamne. Eega wal’aamsoo jabduu godhanii booda, Inni moohate dhaltuu hormaataaf qophooyte waliin wal qunnamtii raawwata. Kana booda dhaltuun sun, boolla oowwa qabu keessati hanqaaquu haga 25 buusti. Eega hanqaaquu buustee booda gara galteellee hin laaltu. Achumatti dhiistee biraa deemti. Achi boodallee itti deebitee hin tooyattu. Achumaan irraanfatti. Ji’a 3 booda ilmooleen killee cabsanii ofumaa keessaa bahu. Ilmooleen haarofni kunniin gaafa hanqaaquu keessaa bahan seentimeetira 40 hanga 60 dheeratu. Akkuma hanqaaquu keessaa bahaniin of danda’anii jireenya ofii jalqabu.

Summiin bofa kanaa akkaan hamaadha. Summiin kun cophni lamaa qofti nama san ajjeesuu danda’a. Namni bofa kanaan hiddame saffisaan dawaa argachuu qaba. Haa ta’u malee bofni kun wayta nama hiddu, summiin isaa sun yeroo sanitti namatti dhagahamuu dhabuu danda’a. Garuu, osoo namatti hin beekkamin summiin sun qaama namaa keessa faca’ee, sirna narvii fi Sirna Onneerratti miidhaa guddaa geessa. Namni bofa kanaan hiddame daqiiqaa 30 keessatti dawaa argachuu qaba. Daqiiqaa 30 keessatti dawaa yoo hin argannee, qaamni isaa laamshayee yeroo gabaabaa keessatti du’uu danda’a. Rabbiin bineensa hamaa kana nurraa haaqabu.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comments
Loading...