header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Ollaa Muslimaa

Muslimni akkuma maqaan isaa ibsutti nama fedhinnaa ofii jala deemu osoo hin taane nama fedhinna Rabbiitiif bitame jechuudha. Rabbi ammoo waan nuuf tolaa fi nu miidhaa cufa isaa adda baasee karaa Nabii keenyaatiin nu beeksisee jira. Gama biraatiinis jiruun nuti amma dachii tanarra jiraataa jirru tun jiruu gabaabduu akka taate ni beekna. Gabaabdu qofa osoo hin taane jireenya isa boruu tan qananiin jiraannu, yookaan ammoo kasaarree tan dararaan jiraannu saniif qormaata akka taates qur’aanni ifatti lafa kaayee jira. Kanaaf jecha, qormaata nuuf kennaman cufa isaaniituu osoo nutti ulfaatanillee haga dandeenneen qoramnee bira darbuu qabna.

 

Namni musliimaa tokko hin dhageenne jedhee taa’uu hin qabu. Ollaa ofii kunuunsuun miidhaa fi bu’aa akkamii akka qabu adda baasee beeka. Kan hin beeknes gaafatee hubata. Islaamummaan ilma namaa cufaaf mirgaa fi dirqama amantii fi seerri namni tolche tokkollee kennuu hin dandeenne kennee jira. Haaluma kanaan ollaan keenna haqa jabaa nurraa qaba. Ollaa keenna kana akkaataa islaamummaan nu ajajeen kunuunsuun dirqama ta’a. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha:

 

 

“Rabbi gabbaraa, isatti waan takkallee hin shariikoomsinaa, akkasumas Maatii keessanitti, fira keessanitti, ijoollee yatimaatitti, warra gargaaarsa keessan barbaadanitti, ollaa keessan kan isnitti dhihootitti, ollaa keessan kan haarawaatitti, waahela isin wajjiin jirutti, nama isin wajji karaa irra jirutti, namoota isin jala jiranitti”¦tola oolaa”4:36

 

Akka aayaa kanaatti ollaa keessan kan dhihoo jechuun nama amantii fi firummaa waliin qooddannu yoo ta’u; ollaa keessan kan haarawaa jechuun ammoo nama firummaa takkallee waliin hin qabne jechuu dha. Walumaa galatti ollaan keenna sun nutti dhihoos jiraatu yookaan nurraa fagoo haa ta’uu musliimni kamuu tola itti ooluu qaba. Ajaja kana ammoo Rabbiin gabbaruun jalqabee itti fufe. Kanaafuu ollaa ofii kunuunsuun dalagaa islaamummaa keessatti jajjaba ta’an keessaa tokko ta’uu isaa kanarraa hubatuu dandeenna. Namni mana kee cinaa jiru, namni siin ollaa jiru sirraa haqa qaba jechuu dha. Haqa isaa kana ammoo kabajanii bikkaan gahuun dirqama taati. Waa’ee haqa ollaa irratti Hadiisni Nabiin keenya (SAW) nuuf dabarsanis heddutu jira. Yeroo heddu irra deddeebidhaan Jibriil (AS) itti dhufuudhaan waa’ee ollaa isaanii irraa isaan akeekkachiisaa ture. Rasuullis (SAW) akkana jedhan: “Jibriil irra deddeebidhaan ollaa kiyyaaf tola akka oolu na hubachiisaa ture, anis tarii warra kana namoota qabeenya kiyya dhaaluu danda’an keessatti galchuu barbaadee laata jedhee haga yaaduu gahe.”jedhan.

 

Nabiinis (SAW) hubachiisa Jibriil irraa dhagahan irratti hundaa’anii ummanni musliimaa ollaa isaaniitiif kunuunsa gaarii akka godhan barsiisaa turan. Haaluma kanaan Sahaabonni isaaniitis akkuma isaan yaadan sanitti mirga dhaaltummaa kennuuf ta’an moo jedhanii haga of gaafatan bira gahe. Ollaa ofii kunuunsuun dalagaa gurguddoo keessaa takka akka taates hadiisni itti aanu kun ni addeesa ” namni Rabbii fi guyyaa xumuraatti amanu ollaa isaa haala gaariin haa kunuunsu, namni Rabbii fi guyyaa xumuraatti amanu keessummaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa xumuraatti amanu, waan gaarii haa dubbatu ykn ammoo haa cal’isu”jedhan.

 

Namni musliimaa tokko ollaa isaa wajji wal danda’ee jiraatuu qaba. Wal danda’uu yoo jedhamu dubbii amma mootummoonni namtolcheen arrabaan “tolerance” jedhaa lallaban tana miti. Islaamummaan duruma irraa kaasee nama nu cinaa jiru kabajnee haqa isaa eegnee akka isa wajji jiraannu nu barsiisee jira. Wal danda’uun ammaan tana warri adawwii islaamaa haasawu ollaan kee waanuma fedhe yoo godhe cal’isii baadhadhuu miti. Yookaan ammoo atis waan barbaadde godhii ollaa kee jeeqii jechuu miti. Atis waan ollaa kee miidhu irraa of qusattee innis waan si miidhu gochuurraa dhaabbatuu qaba. Inni kun yoo ollaan kee musliima ta’e qofa. Garuu ollaan kee yoo musliima hin taane waan inni raawwatu obsaan dabarsuu akka qabnu Rasuulli nu barsiisan. Osoo wanti inni nu godhe humnaa olillee ta’eellee jeequmsaan osoo hin taane mala biraatiin akka of jalaa deebisnu nuu dhaaman.

 

Kanaaf ollaan keenya balfa balbala keenna duratti yoo gate, nutis balfa balbala isaa duratti gatuu hin qabnu. Muhammad ibn Abdullaah ibn Salam (RA) gara Rasuulaa (SAW) dhufee akkana jedhe; “Yaa ergamaa Rabbii Ollaan kiyya na jeequtti jira”jedheen. Isaanilleen “Obsa qabaadhu”jedhanii deebisaniif. Yeroo lammataatiifis dhufee akkasuma jedheen. Deebiin inni argates kama duraa itti ta’e. Yeroo sadaffaaf dhufee ammas rakkoma san himate. Yeroo kana garuu Nabiin (SAW) “Gara mana keetii deebi’ii meeshaa qabdu hunda mana keessaa baasii karaa irratti guuri, yoo namni tokko dhufee si gaafate “Ollaa kiyyatu na jeeqe”jedhii itti himi. Achiin namni hunduu isa ni abaara”jedhanii deebisaniif.

 

Musliimni dhugaa tokko waan ofii isaatiif jaalatu ollaa isaatiifs jaalatuu qaba. Fakkeenyaaf namni sagalee wacaa jibbu tokko ollaa isaallee wacuudhaan jeequu hin qabu. Akkuma maatii isaatiif waan gaarii hawwutti, ollaa isaatiifis waan gaarii hawwuu qaba. Oduu isa gammachiistu takka yoo dhagahe ollaa isaatis dhaqee waan tana hubachiisuu qaba. Nyaata gaarii mana keenna keessatti yoo qopheeffanne hafuurri kun ammoo ollaa keenya bira gahuu waan maluuf, keessattu namoonni nuun ollaa jiran namoota harka qalleeyyii, yookaan ammoo waan nuti tolfanne san namoota tolfatuu hin dandeenne yoo taate, hafuura saniin isaan jeequu hin qabnu. Nyaata qopheeffanne san walii qoodnee waliin sooratuu qabna. Rasuulli (SAW) Abuu Zarriin (RA) akkana jedhanii gorsan “yaa Abaa Zarri. Mana kee keessatti yoo shoorbaa qopheeffatte, warra ollaa keetiillee yaadadhu.”Kanaaf waan nu gammachiisaa cufa ollaa keenya waliin fayyadamaa, waan nu mufachiisaatis ollaa keenya irraa fageessaa jiraatuu qabna.

 

Namni Musliimaa kan amantiin islaamummaa dhugaan galteef ollaa isaa waan danda’u hundaan kunuunsuudhaaf qophaayaa dha. Waan qabu cufa isii xiqqaatte jedhee hin tuffatu. Waanuma qabu san kennee waliin gammada. Ollaan isaatis haaluma saniin waan xiqqoollee taate yoo kenneef fuula gammachuutiin irraa fudhata. Haalli kun nu keessatis dagaaguu qaba. Rasuulli (SAW) akkana jedhan “Yaa dubartoota Musliimaa, kennaan isin ollaa keessaniif kennitan osoo luka hoolaatuu ta’ee bu’aa hin qabu jettanii hin yaaadinaa.”Kanaafuu namni waa kennus waan kennu tuffatuu hin qabu, kan fudhatus waan isaa kenname san tuffatuu hin qabu.

 

Rabbi Ollaa keessanitti tola oolaa yoo jedhu, jecha ollaa musliimaa ykn ammoo ollaa kaafiraa jedhu hin fayyadamne. Ollaa jechuun nama musliima hin taanes kan mana keenyatti dhihoo jiru cufa walitti qabata. Kanaafuu ollaa keenna amantii isaanii irratti hundoofnee osoo hin taane, ollumaa isaanii irratti hundoofneeti isaan kunuunsuu qabna. Ummanni Ahlal Khitaabaa hawaasa musliimaa keessatti yeroo dheeraaf mirgi isaanii eeggamee, amantiin isaanii kabajamee, qabeenyi isaaniitis kunuunfamee jiraataa turan. Inni kunis waan musliimonni ajaja Rabbii fudhatanii jala deemaniifi. Kanaafuu nutis warra ollaa keenna jiran musliimas haata’anii ta’anii, amantaa biraatis haa hordofanii kunuunsuu irraa of duuba jechuu hin qabnu. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha.

 

“Rabbi warra manaa isin hin basin, warra isiniin waliin wal hin lolin san haala gaarin kunuunsuu irraa isin hin dhoorgine. Rabbi warra haqa hojjatu jaalata.” 60:8

Ollaan keenna namuma fedhellee haa ta’uu, yoo kunuunsuu barbaadnu, nama balballi isaa keennatti dhihaatu irraa jalqabuu qabna. Islaamummaan nama manaan nutti dhihoo jiruuf dursa akka kenninu nu gaafate. Erga isa nutti dhihoo jirutti tola oollee booda gara isa itti aanuu deemna. Nama nutti tolu keessaa filannee mana torba irra dabarree ollaa nurraa fagoo jiruuf kennaa kennuu hin qabnu. Rasuulli (SAW) karaa saniin akka deemnu nu hin barsiisne. Aa’ishaan (RA)  “Yaa ergamaa Rabbii ani ollaa lama qaba, isa kamiif kennaa haa kennu?”jettee gaafatte. Rasuulli (SAW) “Isa balballi isaa sitti dhihootiif kenni”jedhaniin. Ollaa keenna isa dhihoo kunuunsuu qabna jechuun garuu isa nurraa fagoo jiru ammoo dhiisuun mirga keennaa jechuu miti. Yeroo kunuunsa goonu sanitti mana kaanirra utaallee bakka biraa deemuu hin qabnu. Waan kennuu qabnu san akkaatuma nuuf dhiheenna qabaniin ta’uu qaba jechuu dha. Gaafa rakkanne namni dursee nu dhaqqabu ollaa keenya isa nutti dhihooti malee isa nurraa fagoo sanii miti. Haga ollaan fagoo sun nu bira gahutti gabaan adda galuu malti. Kanaafuu ollaa keenya akkuma isaan nuuf dhiheenya qabaniin xiyyeeffannaa keessa galchinee haa kunuunsinu.

 

Musliimni dhugaa ollaa badaa ta’uu hin qabu. Namni ollaa badaa qabu rafee hin bulu. Yeroo hunda akkuma cinqametti dabarsa. Ollaan badaan ammoo Rahmata Rabbii irraa fageeffamee jira. Rasuulli (SAW) waa’ee ollaa badaa yoo dubbatan “inni hin amanne, inni hin amanne, inni hin amanne”jedhan. Sahaabonnis “eennu inni?”jedhanii gaafatan. Rasullis (SAW) “Namni ollaan isaa hammeenya isaa irraa nagaha hin taane hin amanne”jedhanii deebisan. Kanaafuu nuti ollaa keenna dararra taanaan, haga feene osoo salaata salaannee ykn ammoo sadaqaa kenninee, afaaniin amannee jirra jennus Rabbiin duratti dalagaan teenna fudhatama hin qabdu jechuu dha. Kanaafuu ollaa keenna dararuu irraa of eeguu qabna.  Hadiisa biraatiinis namni ollaa isaa dararu dalagaan isaa fudhatama akka hin qabne dubbatanii jiran. Ollaa keenna dararuun bu’aan nuti argannu takkallee hin jirtu. Inumaa ollaa keenna dararuun keenna dalagaa gaarii fi toltuu qabnu nu jalaa haqutti jirti.

Rasuulli (SAW) addunyaa tana keessa namni sadihi nama badaa irraa boodaati jedhan. Inni duraa hoogganaa ykn ammoo bulchaa hamaa, yoo waan gaarii hojjattan isinii hin dinqisifatu, yoo waa balleessitanis irra isiniif hin darbu. Lammaffaan ollaa badaa dha. Yoo waan gaarii argu ni dhoksa, yoo waan badaa isinirratti argu ammoo ni lallaba. Sadaffaan haadha warraa yoo isin bira jirtan isin cinqituu fi yoo biraa deemtan ammoo isin gantuu”jedhanii dubbatan. Yaa obboleewwan aakhiraa namoota badaa irraa boodaa sadan kana keessaa ollaan badaan tokko waan ta’eef irraa of eeguu qabna.

 

Musliimni dhugaan qabeenya hin qabu jedhee ollaa ofii kunuunsuurraa of duuba hin deebi’u. Haga danda’een ollaa isaa wajji haala gaariin jaalalaan waliin jiraata. Osoo mallaqa isaaniif kennu yookaan ammoo nyaata isaanitti sadaqannu yoo dhabnes naga gaarii fuula ifaan gaafatuunuu waan jabaadha. Guyyaa qiyaamaa namoota ragaa nurratti bahan ykn ammoo nuuf bahan keessaa ollaan keennas keessa jiran. Yoo nuti tola oolleef toltuu teenna nuuf dubbata. Yoo nuti dararreen ammoo khaaliqa duratti salphina keenna gad tarreessan. Kanaafuu harra yeroo dachii irra jirru kanatti humna qabnu cufaan ciniinnannee ollaa keenya kunuunsuufi gammachiisuu irraa of duuba jechuu hin qabnu.

 

Ollaan keenna ilma namaa waan ta’eef waa dogoggoruun isaa hin oolamu. Akkasumas hanqinnootaa fi rakkinoota mataa isaa qabaachuu danda’a. kana ammoo nuti akka sababaatti fudhannee maqaa isaa xureessuu hin qabnu. Yoo waa balleesse akkuma dura dubbanne dhiifama waliif goonee bira darbuu qabna. Rakkina wahii yoo irratti argine ammoo rakkoo san isaaf dhoksuu qabna. Maqaa isaa kaasaa isa hamachuunis ta’ee maqaa isaa balleessuun dalagaa teenna nu jalaa bilaasha gooti. Kanaafuu waan isarratti argine san namoota biraatitti lallabuu osoo hin taane isumatti himutu caala. Yoo gorfamee gorsaan kan deebi’uu danda’us taate isa gorsuun waan gaarii dha. Kan kanarraa hafe garuu akka miidiyaatti hammeenya isaa qofa dubbataa deemuun akhlaaqa musliima irraa eeggamuu miti.

 

Qophii: Abu Ibtisaam

 

 

 

Back to top button