header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTV

Godina Baalee Aanaa Sawweenaa Ganda Qunnii

Jiruun addunyaa Faraqaadha. Guyyaan tokko gammachu, guyyaan tokko gadda. Barri tokko quufa. Barri tokko beela. Yoo gandi tokko gammachuun ililchu, gandi biroo ammoo gadda hamtuun liqimfama.

Bakki kun Godina Baalee Aanaa Sawweenaa Ganda Qunniiti. Ummanni asitti argitan kun baatii muraasa dura ummata jiruu qananii keessa ture. Ganda isaanii keessatti gammachuun ilmaan guddifataa jireenya isaanii gaggeeffataa turan. Gaafa yeroon tolteef jiruu gaarii jiraataa turan. Har’a yeroon jijjiiramtee waraana liyyuu poolisiitiin qubsuma isaanii irraa buqqifamanii jiruu tana mudatan. Kun qubsuma isaaniiti. Maatiin heddu ilmaan ofii wajji asitti baqatee as jira.

Ummanni keenya kan shira Diinaatiin qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqifamuun gammoojii Baalee keessaatti qubsiifame, waan nyaatu dhabee rakkoof saaxilamutti jira.

Jiilli Ustaazootaan hogganamu dhiheenya kana ummata keenya kan rakkoo hamaa kanaaf Saaxilame  ilaaluuf gara Gammojjii Baalee imalee jira. Ummanni Keenyaas magaaloota adda addaatti ustaazoota keenya haala bareedaan Simate.

Akkuma beekamu daandiin biyya keenyaa waa hedduuf mijjjaawaa miti. Imalli gammiijjiitis ulfaataadha. Wayta karaa dheeraa imalanii dhufan rakkoo hedduutu karaa irratti isaan mudate.

 

Namni hawaasa kana laalee qalbiin hin rifanne hin jiru. Waan kana irra deddeebinee miidiyaalee hawaasummaa irratti waan argineef, waanuma laaftuu nutti fakkaachutu mala. Guruu dubbiin yoo bira gahanii argan waan addaati. Waan qalbii nama raasu. Waan imimmaan namarraa roobsu.

Namni Rakkate wan hin taane hin qabu, lubbuu ofii fi maatii ofii baraaruuf tarkanfii hamma seena. Warri dhihaa amantaa isaanii kan baxiilaa kana babaldhifatuuf rakkoo ummanni keessa jiru dahoo godhatuun ka’u, maqaa deggarsa isiinii gona Ijjoolee Isiiniif guddisna jedhuun, waggoota dheeraaf ummata keenya irraa da’imman maqaa guddifachaa jedhuun fuudhanii amantaa isaaniitti galchaa turuun beekamadha.

Duuba har’a nuti quufnee, ummanni keenya sabaaba hubannoo dhabuu fi rakkoo keessa jiruu kanaaf tarkanfii birootti yoo seene, Boru nuti hundi Adunyaa fi aakiratti gaabbii hamaa keessa galla. kanaaf hanga humni keenya danda’uun ummata keenya bira haa dhaabbanuun dhaamsa keenya.

Ustaazota keenya kabajamoo qaalii, Karaa dheeraa kana gammoojjii ulfaataa keessa imaltanii lammiilee keenyaaf deeggarsa gotanis, Rabbiin ifaajee teessan firdawsiin isinii haa deebisu, addunyaafi aakirattis isin haa milkeessu isiniin jenna. Akkuma ija ummataa taatanii kabajaan jirtanitti, Rabbiin umrii keessan guutuu jireenya kabajaa isin jiraachisee kaatimaa isin haa tolchu isiniin jenna.

Back to top button