header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTVOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Hundeeffama TV NUURALHUDAA Waggaa 5ffaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffame

Miidiyaan Nuuralhudaa bara 2016 karaa miidiyaalee hawaasummaatiin Sagantaa Raadiyoo  tamsaasuu kan eegale Yoo tahu, bara 2018tti immoo gama Saatalayitii cehuun tajaajila TV NUUURALHUDAA jalqabe. Hundeeffama waggaa 5ffaa TV Nuuralhudaa kana sababeeffachuun hardha October 8, 2022 Magaalaa Shaashamannee keessatti sagantaan addaa gagggeeffamee jira. Sagantaa deeggartoonni miidiyachaa fi keessummoonni iddoo gara garaatii dhufuun irratti hirmaatan kanarratti Mariin Paanaalii, Muhaadaraa fi qophiiwwan birootis dhihaatanii jiru.

Hirmaattonni sagantaa kanaa, miidiyaalee Diin Islaamaa biyyattii keessatti hawaasa barsiisuu fi dammaqsuun beekaman jidduu NUURALHUDAAn hangafa tahuu ibsuun, keessumattuu  Afaan Oromootiin sagantaalee idilee dhaabbataan tamsaasuu miidiyaa hunda dursee kan eegale tahuu ragaa bahan. Hoggantoonni Miidiyaa Nuuralhudaatis, akkuma kaleessaa miiliyeenota of cinaa hiriirsuun kan dur caalatti hawaasa muslimaa tajaajiluudhaaf waadaa isaa kan haaromsu ta’uu beeksisan. Sagantaa magaalaa Shaashamanneetti qophaahe kana irratti, ummanni miidiyaa isaa jabeefachuudhaaf miirri agarsiise, hoggantootaa fi hojjattoota Miidiyaa Nuuralhudaatti hamilee cimaa kan hore tahuus ibsame.

Sagantaan Hundeeffama TV NUURALHUDAA Waggaa 5ffaa kanarratti  ummanni magaalaa Shaashamannee fi naannawa isii lakkoofsaa heddu tahe argamee jira. Dabalataanis Majilisa Oromiyaa irraa akkasumas, Magaalota  Finfinnee, Adaamaa, Baatuu, Roobee, Dodola, Hasaasa fi Asallaa irraa ulamoonni fi keessummoonni hedduun qooda fudhatanii jiran.

Sagantaan walfakkaatu magaalota biroo keessattis kan geggeeffamu tahuun beekamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button