Balaa uumamaa
Dachiin irra jiraannu tun balaa garagaraatiin marfamtuudha. Rabbiin (SW) qur’aana keessatti ummata garagaraa karaa garagaraatiin dachii tanarraa balleessuu isaa nuu ibseera. Akkuma nuti hundi beeknu bara Nabiyyallaah Nuuh (AS) uumamaalee fi namoota muraasa doonii keessa seenan irraa kan hafe dachiin tun fasaadarraa akka qulqullooftu godhameera. Ummanni Aad, samuudii fi kanneen birootis balaawwan garagaraatiin dachii tanarraa dhabamsiifamaniiru. Baruma dhihoo kana keessa asuma Ardii Afriikaa gama kibbaatti balaan lolaa mudatee Lubbuuu namoota hedduutis galaafateera. Barruu tana keessatti balaawwan uumamaa kan guutuu addunyaa suukanneessan ilaalla.
Kirkira lafaa Heytii 2010
Amajjii 12 bara 2010 biyyi Heytii jedhamtu Kirkira lafaa hamaan dhawamte. Gamoowwan hedduun barbadaawanii qabeenyi hedduunis manca’eera. Haalli yeroo san ture haalaan hamaadha. Gamoowwan heddu waan caccabaniif, baay’ina namoota du’aniituu adda baasanii beekuun hin danda’amne. Manneen jireenyaa hedduun waan barbadaawaniif, reefki namootaa gamoowwan caccaban jalatti dhokatee ture. Fakkeenyaaf dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa kan USAID jedhamu namoonni haga kuma 85 ta’an du’aniiru jedhe. Dhaabbanni Journal Medicine jedhamu ammoo nama haga kuma 160tu du’e jedhe. Mootummaan Heeytii ammoo lammiilee kuma 316 dhabe jedhee waggaa tokko booda bara 2011tti ibse. Walumaa galatti inni xiqqaan kuma 85 jechuudha. Ta’ullee balaa lubbuu namoota hedduu galaafate keessa kun isa tokko.
Sunaamii ykn kirkira bishaan keessaa kan bara 2004
Muddee 26, bara 2004 Kirkirri lafaa Garba Indiyaa keessatti mudate addunyaa cufa rifachiisee ture. Kirkirri bishaan keessatti mudate kun bishaan kallattii garagaraatti dhiibuudhaan biyyoota 14 irraan garagale. Biyyoota kanniin keessaa tan haalaan Miidhamte Indoneeshiyaadha. Bishaan garba Indiyaarraa dhufe kun wayta Indoneeshiyaa gahu meetira 30 lafarraa ol fagaata. Walumaa galatti bishaan haala kanaan dachii uwwise, Indooneeshiyatti lubbuu namoota 126,473 galaafatuun isaa mirkanaayeera. Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota reefki isaanii argamee qofa. Kan 93,943 ammoo achi buutee isaaniitu dhabame. Siriilaankaanis lammiilee heddu dhabuun sadarkaa lammataarrati argamti. Lammiilee 36,594 dhabde. Walumaa galatti balaan kun lubbuu namoota 280,000 olii galaafateera.
Kirkira lafaa Hayuwaan bara 1920
Muddee 16 bara 1920 kutaan Hayuwaan jedhamtu tan Chaayinaa jiddu galeessaatti argamtu Kirkira lafaa rekter scale 7.8 ta’uun rukutamte. Balaa kanaan namoonni heddu du’aniiru. Gabaasa bara 2010 mootummaan biyyattii baaseen lammiileen biyyattii 273,400 ta’an balaa kanaan lubbuu dhabaniiru.
Kirkira lafaa Taangshaan bara 1976
Adooleessa 28, bara 1976 ammas Magaalaan Chaaynaa tan Taangshaan jedhamtu Kirkira lafaa hamaan dhayamte. Yeroo sanitti magaalaan tun ummata haga miiliyoona tokkoo qabdi ture. Balaan kun yeroo halkanii mudatuun isaa ammoo namoonni heddu akka miidhaman taasise. Namni 255,000 ta’u kan du’ee yoo ta’u, kan kanarraa hafe hundi miidhaa sadarkaa garagaraa qabu mudatan. Gabaabumatti namni kuma 700 ta’u miidhaaf saaxilame.
Rooba hamaa Indiyaa kan bara 1839 fi obomboleettii Hayfoong kan bara 1881
Roobni hamaan bara 1839 indiyaa keessatti roobe kun magaalota heddu keessatti lolaa guddaa uume. Lolaan kun haalaan guddaa waan ta’eef, naannoo tokkotti lafa bal’aa uwwisuun hanga meetira 12 ol ka’ee manneen heddu liqimse. Lolaan kun lubbuu namoota 300,000 ta’u galaafate. Gama biraatiinis bara 1881tti biyya Veeytnaam kutaa Hayfoongitti obomboleettiin mudate lubbuu namoota 300,000 ta’u galaafate.
Rooba hamaa Boolaa bara 1970
Sadaasa 12, bara 1970 biyya Baanglaadeeshitti roobni buubbee makatee roobe lolaa guddaa uumee lubbuu namoota hedduu galaafate. Lolaan rooba kanaan uumame haga meetira 6 lafaa ol ka’e. Balaa saniin lakkoofsi namoota du’anii qajeelatti hin beekamne. Haata’au malee namoota naannoo san jiraataa turanii fi achi booda dhabaman dabalatee, Dimshaashumatti namoonni 300,000 hanga 500,000 balaa kanaan du’uu isaaniitu tilmamame.
Kirkira lafaa Shaanzii (Chaayinaa) bara 1556
Kirkira lafaa dachii tanarratti mudatee seenaa keessatti galmeeffame keessaa inni kun lubbuu namoota hedduu galaafatuun sadarkaa duraa irratti argama. Yeroo balaan kun mudatu naannoo san fooqiin dheddheeraafi manni dhagaarraa ijaarame hin jiru. Namni hundi mana mukaafi biyyeen ijaarame keessa jiraata. Namni gariin dachii qotee akka holqaatti tolfatee keessa jiraata. Sababaa kanaaf kirkirri kun balaa guddaa dhaqqabsiisuu danda’e. Akka galmeen seenaa himutti balaa kanaan namoota 830,000 gahutu du’e. Jiraattota yeroo san naannawa san jiraatan keessaa Parsantii 60 ol kan ta’an balaa kanaan lubbuu dhabaniiru.
Lolaa laga Yellow River (Chaayinaa) bara 1887
Ji’a Fulbaanaa keessa roobni guddaan roobe. Sababuma rooba kanaatiin hidhaan laga Yellow river jedhamuu haalaan guuttamee gubbaan dhangala’e. Dambaliin laga kanarraa utaale qubsuma namoota naannawa san jiraatanii irra garagaluun, lubbuu namoota 900,000 galaafate.
Lolaa Chaaynaa jiddu galeessaa bara 1931
Balaawwan uumamaa keessaa kan lubbuu nama hedduu galaafatee, sadarkaa duraa irratti argamu isa kana. Roobni ji’a adooleessaa fi hagayyaa Roobe laggeen Chaaynaa keessatti argaman hundi akka guutan godhe. Lagni Yangtzee jedhamu ammoo humnaa ol guutee hidhaa gubbaan gargalee lafa Square kilomeetira 180,000 ol uwwise. Yeroo sanitti dachiin laga kanaan uwwifame garba guddaa fakkaatee ture. Mootummaan chaaynaa balaa kanaan lammiilee miiliyana 2 ta’an dhabeera jedhus, Ameerikaa fi dhaabbileen biroo garuu namni du’e miiliyana 3.7 ta’a jedhan. Walumaa galatti lubbuu namoota miiliyoonaa galaafatuudhaan lolaan Chaaynaa jiddu galeessaa sadarkaa duraa irratti argama. Rabbiin balaa hamaa akkanaa kana nurraa haa qabu.
Qophii: Abu Ibtisam