header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Kopheen “High Heels” jalqaba warra dhiiraatiif hojjatamuu, akkasumas Paandaan hundi Kan Chaaynaa ta’uu quba qabduu!?

Kopheen “High Heels” jedhamu jalqaba warra dhiiraatiif hojjatamuu quba qabduu?

High heels jechuun kophee yeroo ammaa dubartoonni gariin godhatan, kan gama duubaatiin qal’atee dheeratuudha. Kopheen kun biyya teenyatti Hiil jedhamee yaamama. Faashinni kun jaarraa 10ffaa keessa akka jalqabame himama. Yeroo sanitti farda qabaachuun mallattoo durummaa fi aangooti. Dureeyyiin hedduun farda waan qabaniif, geejjibaaf farda fayyadamu. Haa ta’u malee miila faanoo keessa galchanii qabatuudhaaf hedduu rakkatan. Takkaa faanootu jalaa dheessa, ykn ammoo miila isaaniitu hulluuqee faanoo keessa dabra. Kana hunda hambisuudhaaf akka namni miilaan faanoo jabeessee qabatuuf jecha kophee ‘heel’ jedhamu kana hojjatanii namoota farda qabaniif gurguruu eegalan. Achi booda loltoonni biyyoota garagaraatis faaydaa kophee kanaa arganii ittiin loluuf bitachuu jalqaban. Jaarraa 17ffaa keessatti faashinni kun daran jabaatee itti fufe. Inumaa namni farda hin qabnes kophee kana bitatee godhatuu jalqabe. Dhiira qofa osoo hin taane, dubartoonnis kophee kana hedduminaan godhatuu jalqaban. Booda irratti warri dhiiraa dhiisee, dubartoonni qofti kophee kanatti hafan. Yeroo ammaa kana ammoo kopheen kun guutumatti kan dubartii tahee jira. Dhiirri kophee kana hin godhatu. Dhiiraaf akka salphinaatti laalama. Yeroon akkanatti waa jijjiirti.

 

Paandaan addunyaarratti argamu hundi qabeenya Chaayinaati

Bineensi paandaa jedhamu hedduu namaatiin ni jaalatama. Namoonni hedduunis keessattuu Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti bineensa kana daaw’achuu fedhu. Haa ta’u malee bineensi kun Chaaynaan alatti hin argamu. Garuu bineensi kun akka carraa ta’ee Paarkii biyyoota garagaraa keessatti argamuu danda’a. Paandaa Chaaynaan alatti yoo argitan, bineensi kun asitti dhalate jettanii akka hin yaadne. Paandaan hundi qabeenya Chaaynaati. Paarkiiwwan gurguddoon biyyoota adda addaa keessa jiran yoo bineensa kana paarkii isaanii seensisuu fedhan. Mootummaa Chaayinaatiif gaafii dhiheessu. Mootummaan Chaayinaatis gaafii isaanii laalee bineensa kana yeroo murtaayaaf ergisaaf. Yeroo isaa xumurraan bineensi kun gara biyya isaa, gara Chaaynaa deebi’a.

 

Biyyoonni 41 Afaan mallattoo ykn sign Language akka Afaan biyyaaleessaatti galmeessaniiru

Afaan meeshaa walii galteeti jedhama. Kanaafuu walii galuudhaaf namni hundi dhagahuu fi dubbachuun dirqama isaati. Biyyoonni hundi Afaan biyyaaleessaa mataa isaanii qabu. Akkasuma biyyoonni afaan tokko qooddatanis hedduudha. Fakkeenyaaf English, Arabic, French fi swahiliin Afaan biyyaaleessaa biyyoota hedduuti. Haa ta’u malee namoonni dhagahuu fi dubbachuu hin dandeenye hedduunis ni jiru. Akka qorannoon mul’isutti yeroo ammaa kana namoonni dhagahuu fi dubbachuu hin dandeenye kan miiliyana 72 ta’an dachii tanarra ni jiru jedhama. Ummata kanaaf ammoo afaan addaa kan ‘sign language’ jedhamutu barbaachisa. Ummata addunyaa dachii tanarra jiru biiliyoona 7.8 keessaa miiliyoona 72 jechuun haalaan xiqqaadha. Tahus biyyoonni 41 xiqqeenyuma isaanii waliin afaan mallattoo ykn sign Language akka afaan biyyaaleessaatti beekkamtii kennanii itti fayyadamaa jiru.

 

“Web cam” jalqaba buna danfaa jiru too’achuudhaaf jecha hojjatame

Arraan tana namuu skype fi software adda addaatiin  video call walii bilbilaa waliin haasawa. Sababa kanaaf jecha telefoonni hammayyaatiifi laptopiin hundi webcam ykn kaameraa xiqqaa wajji oomishama. Haa ta’u malee kaayyoon kaameraan xiqqaan kun jalqaba hojjatameef garuu akka namni ittiin haasawuufii miti. Yunivarsiitii Kaambriijitti barattoota muummee Kompiyuutara kan turan hedduun sa’aa dheeraaf computer irratti dabarsu. Akka hirribni isaan hin qabneef jecha buna danfifataa dalagatti deebi’u. Haa ta’u malee yeroo heddu osoma isaan computer irra taa’an bunni danfee jalaa dhangala’aa ture. Kana hambisuuf jecha webcam tolchan. Webcam kun jabanaa bunni keessatti danfifamaa jiru waraabaa daqiiqaa tokko keessatti yeroo 3 dhaamsa dabarsa. Barattoonnis yoo bunni danfuu jalqabu, dhaqanii osoo hin jigin irraa buusu. Turtii yeroo muraasaa booda namoonni camera xiqqaa kana fayyadamanii walii bilbiluu eegalan. Softweeronni akka skype fi kanneen birootis oomishamuu eegalan. Warshaaleen kompiitaraafi telefoona oomishanis kaameraa xiqqaa telefoona fii kumpiitara irratti galchuu eegalan. Haala Kanaan meeshaan buna danfisuuf yaadamee hojjatame gama meeshaa wal qunnamtii hawaasaatti jijjiirame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button