header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Gurra Ilma Namaa


Badhaasa Rabbiin keenya ilma namaa badhaase keessaa tokko gurra. Dalagaa gurraa qaamni biroo ka bakka bu’ee dalaguu danda’u hin jiru. Gurri ilma namaa kun akkamitti sagalee dhagahuu danda’a. gurra kana keessa maaltu jira? Barruu tana keessatti akkaataa Rabbiin gurra keenya bareechee itti uume ilaalla.



Gurri ilma namaa, gubbaa gurraa, jidduu gurraatiifi wiirtuu gurraa jedhamuun kutaa 3tti qoodama. Kutaalee sadan kanniintu wal ta’ee akka sagalee dhageenyu nu taasisa. Kutaan duraa isa gubbaan jiru, kan ijji ilma namaa hundi arguu danda’u kana. Afaan ingiliffaatiin inni gubbaan jiru kun Pinna ykn ammoo auricle jedhamuun waamama. Gurri gubbaan jiru kun danbaliiwwan naannoo keenya jiran walitti guuruudhaaf tajaajila. Kana booda qaama ear canal jedhamuun gara jidduu gurraatti dabarsa. Gurri gubbaa kun rifeensaa fi jiidha of  keessaa qaba. Inni kun ammoo balfi garagaraa gara jidduu fi wiirtuu deemee gurra keenya akka hin miine taasisa.


Qaamni itti aanu ammoo Jidduu gurratti. Danbaliiwwan sagalee eega gurra gubbaatiin walitti sassaabamanii karaa ear canaliin (Ujummoo gurraatiin) gara jidduu gurraatti dabarfaman. Dalagaan jidduu gurraa kun danbaalii alaa dhufe san gara sosochii (Vibration) jijjiiruudha. Isa kanaaf ammoo qaamman biraa kan garagaraa isa barbaachisa. Inni duraa Dibbee gurraati. Dibbeen gurraa gogaa haphii yoo ta’u, gubbaa gurraatii fi jidduu gurraa wal qunnamsiisa. Dibbeen gurraa dambalii alaa dhufuun eega sosso’een booda, lafeelee qaama ilma namaa keessa jiran keessaa kan akkaan laaftuu fi xixiqqoo ta’an, kan ossicles jedhamutti dabarsa. Lafeeleen kunniinis laakkofsaan 3, tokkooffaan Malleus- isa dibbee gurraatti maxxanee argamuudha. Isatti aanuun ammoo incus kan jedhamutu jira. Sadaffaa irratti ammoo stapes ( Istapis) jedhama. Dambaliin qilleensaa alaa seenu akkuma dibbee gurraa sochooseen, dibbeen gurraa ammoo lafeelee sadan kanniin sochoosuudhaan dhaamsa gara wiirtuu gurraatti dabarsan.



Qaamni sadaffaan ammoo Wiirtuu gurrati. Bakki ykn kutaan kun bakka Sosochiin alaa dhufe sun gara sagaletti jijjiiramuudhaan gara sammuutti dabarfamu yoo ta’u, seeliiwwan kumaan lakkaawaman heddu of keessaa qaba. Wiirtuun gurraa kun qaama cochlea (Kokliya) jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta’u, qaamni kun bocni isaa qola snail (cilaluu) fakkaata. Qolli kun dhangala’aa fi seeliiwwan rifeensaa heddu of keessaa qaba. Bakka kanatti sosochiin sun hiikkaan itti kennamee gara sammuu dabarfama. Qaama Cochlea jedhamu kana Isa ija keessatti argamu kan Ratiinaa jedhamuun wal fakkeessuun ni danda’ama. Ratiinaan ifaa alaa dhufe gara electrical signal jijjiiruudhaan kara Optical nerve’n  gara sammuu kan dabarsu yoo ta’u, cochleanis sosochii alaa dhufe gara electrical signal jijjjiiruudhan karaa cochlear nerviin gara sammuu dabarsa. Kana booda sammuun sagaleen sun sagalee akkamii akka ta’e hiika itti kenna.



Gurra keessa qaama biraa kan dalagaa addaa fi akkaan barbaachisaa ta’e raawwatutu jira. Innis Semicircular canal jedhama. Inni kun wiirtuu gurraa irra gama gubbaatiin kan argamu yoo ta’u, dalagaan isaa dhageetti irratti gargaarsa godhuu qofa osoo hin taane, madaala ilma namaatis ni eega. Ujummoon geengoo kunniin sadi yoo ta’an, sadeenuu dhangala’aa of keessaa qaban. Yeroo mataa fi qaama keenya gara kallattii tokkoo naanneessinu dhangala’aan sunis ni socho’a. yeroma sanitti gara sammuu keenyaa dhaamsa dabarsa. Sammuunis namni sun kallatti kanarra jira jechuudhaan irreen gara saniin jiru akka dalagaa jalqabu taasisa.



Qabxiilee ijoo Gurra ilma namaa

Rifeensi xixiqqoon wiirtuu gurraa keessa jiru seelii 3500 irraa kan ijaarame yoo ta’u, sagalee guddaadhaan miidhamuu danda’u.

Wiirtuu gurraa keessa qaamni semicircular canal jedhamu, kan madaala qaama ilma namaa eeguu danda’u ni jira.

Qaama namaa keessaa lafeen hundarra laaftuun gurra keessatti argamti.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button