Qocaan Sanyii warra Reeptaayl jedhamu keessatti ramadama. Qocaan biyyoota dachii kana irra jiran keessaa biyyoota muraasa yoo taate malee, bakka hundatti argama jechuu ni dandeenya. Keessattuu biyyoonni yeroo dheeraaf hoo’a keessa turan jireenya qocaatiif mijaawaadha.
Qocaan Qola jabaataa dhagaa fakkaatu akka duydarraa qabu hundi keenya ni beeyna. Yeroo diinni itti dhufe miila isaa fi harka isaa lamaan akkasumas mataa ofii qola kana keessatti deebisuudhaan balaa irra gahuu malu irraa of eega. Qaamni isaa kundi isaaniituu akkaan laafaa waan ta’aniif, qocaan yeroo barbaadetti haala salphaan qola akka dhagaa jabaatu san keessatti deebisuu danda’a. Jabeenyi fi dheerinni qola kanaa sanyiiwwan qocaa jiddutti garaagarummaa qaba.
Qocaan bineensa Herbivaras keessatti ramadama. kanaaf yeroo hunda marga, baala, ilillii fi firiiwwan mukaa soorata. Umriin Qocaa kan ilma namaatiin walitti dhiheenya guddaa qaba. Haga ammaatti qocaan dachii tanarra umrii dheeraa jiraate waggaa 150 ol jiraate.
Sanyiiwwan Qocaa heddutu dachii tanarra jira. Sanyiiwwan kunninins guddinaan, bifaan, akkasumas wantoota soorataniin garaagarummaa qabu. Qocaan bineensota guyya guyyaa socho’an keessatti ramadama. kana jechuun akkuma ilma namaa halkan ni rafa jechuu dha. Haa ta’u malee eddoowwan akkaan hoo’i itti jabaatutti yeroo qabbanaawaa fi wayta lafti dimimmisaa jirtutti socho’a.
Dhalaan Qocaa wayta hanqaaquu barbaaddetti boolla itti hanqaaqxu qotti. Haala sanyii isaanii irratti hundaa’anii qocaan takka hanqaaquu 10 hanga 30 hanqaaquu dandeetti. Erga hanqaaqxeen booda boolluma keessatti dhiiftee biraa deemti. Ji’a lamaa hanga afurii keessatti ilmooleen haarawa killee cabsuudhaan dirretti bahu. Kanneen keessaa garuu kan 10 hin caalle qofatu lubbuun tura. Hedduun isaanii akkuma hanqaaquu keessaa bahaniin diinaan nyaatamanii badan. Ilmoon haarawa kunniinis torbaan takka booda oliif gad deemuudhaan waan nyaatan barbaadattu. Guddinni hanqaaquutis ta’e guddinni ilmooleedhaa kan haadhaa irratti hundaa’a. haati guddoo yoo taate ilmooleenis gurguddoo ta’u. Yoo isiin xiqqoo taate garuu, akkasuma ilmooleenis ni xixiqqaatu.
Qocaan adamasamee manatti guddifamuu ni danda’a. keessattu qocaan qaamni xiqqaatu hatattamaan madaqee nama wajji jiraatuu danda’a. Wanti sooratu marga waan ta’eef dirree bal’aa qopheessuun barbaachisaa dha. Qocaan margaan ala waan biraa sooratuu hin danda’u.
Waan ajaa’ibaa tokkotu jira. Qocaan gama baqqaana Kaabaa fi eddoowwan akkaan qabbanaawaa ta’an jiraatu, yeroo qilleensi akka malee diilallaayutti hibernate ta’a. Hibernate jechuun hanga yeroon mijaawaan ykn ammoo haga qilleensi hoo’aan dhufutti bakka tokkoo osoo hin socho’an achuma turuu jechuudha. Bineensotni yeroo hibernate ta’an, sammuun isaanii dalagaa hin dhaabu.
Bakkuma jiran san taa’anii turanis, sammuun isaanii numa hojjata. Garuu dhahannaan onnee isaanii akka malee gad bu’a. Bineensonni hedduun yeroo Hibernate ta’an kana, garaacha isaanii midhaaniin guutu, qocaan garuu garaacha ofii qulqulleessee gara hibernation seena. Kana booda yeroo qilleensi hoo’uu jalqabu lubbutti deebi’ee socho’uu eegala. Hibernate jechuu kana meeshaa teknoolojii wajji wal qabsiisnee yoo ilaallle ifa nuuf tahuu mala. Kompiitarri hedduun wayta dhaamsuu barbaannu, dilannoo heddu qaba. Kanniin keessaa , Shut down, sleep, Hibernate, restart waan jedhamu qaba. Computer yeroo hibernate goonu bakkuma jiru sanitti dhaabbata. Yoo hojii irratti hojjataa jiraannes hojiin keenya sun nu jalaa hin badu. Dabalataan immoo yoo laptop tahe chaarjii hin fixu. Computerri tokko hibernate tahee guyyaa 4-5 caalaa turuu danda’a. akkuma kana qocaanis amala akkanaa uumamaan qaba. Yeroo hibernate tahutti waan humna hedduu hin fayyadamneef, anniisaan hedduus isa hin barbaachisu. Rabbiin haala kanaan uumama ajaa’ibaa umme. ALHAMDULILLAAH! Rabbii mootoma kee nu beeysistee karaa qajeelaa nu qajeelchite galanni si haa gahu.