header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Arrabni Bineensa Kanaa Qaama Isaa Caalaa Dheerata

Tafakkur: Pangolin

Uumamni kun boca qaamaatii fi amala adda addaatiin awwaaldiigessaan kan wal fakkaatu yoo ta’u, maqaan isaatis Paangolin jedhama. Paangoliin sanyiiwwan garagaraa saddeet qaba. Afur Eeshiyaa keessatti, Afur ammoo Afrikaa keessatti argamu. Bocni qaama isaa, qoffee fi dheerinni arraba isaa Awwaldigeessaan wal fakkaata. Haa ta’u malee gogaa isaa irraa rifeensa akka awwaaldiigessaa osoo hin taane, wantoota qola fakkaatan kan Scale jedhamaniin uwwifamee argama. Wanti qaama isaa uwwise kun qola qaama qurxummii uwwiseen walitti dhihaata.  Sababa gogaa isaa kanaaf Chaayinaa fi biyyoota Afrikaa hedduu keessatti adamsamee ajjeefamutti jira. Gogaan isaa kun dawooma garagaraatiif akkasumas, faaya garagaraa tolchuudhaaf oola.

 

Dheerinni qaamaa Paangoliin haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan seentimeetira 33 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga seentimeetira 99 dheerata. Ulfaatinni isaatis dheerinnuma qaamaarratti hundaa’ee wal caala. Sanyiin gariin kilograama 1.6 qofa ulfaata. Guddaan ammoo haga Kilograama 33 ulfaata. Dhaltuu fi kormaa Paangoliin adda fooyuun rakkisaadha. Boca qaamaa fi ulfaatinaan akkasumas dheerinaan walitti dhihoodha. Haa ta’u malee Kormaan sanyii Indian Pangolin dacha hedduun dhaltuu waan caaluuf adda baasanii beekuun ni danda’ama.

 

Ajaa’ibni uumama kanaa arraba isaati. Arrabni isaa akkuma awwaaldiigessaa dheeraadha. Garuu dheerinni isaa dheerinna qaama isaatuu ni caala. Uumamni heddu arraba afaan keessaa qaba. Fakeenyaaf Arrabni ilma namaa hundeen isaa Afaanuma keessa jira. Kana jechuun Qaamni arrabaa guutuun afaanuma keessatti argama jechuudha. Kan Pangolin garuu adda. Hundeen arraba bineensa kanaa lafee cinaachaa kan qoma isaa keessa jiru irraa jalqaba. Fiixeen isaa ammoo afaan keessatti argama. Kanaafuu Arrabni bineensa kanaa lafee cinaachaa biraa jalqaba jechuudha. Dabalataan adda dhifameee dheerataa walitti dacha’a. Yeroo soorata sooratuu hin barbaannetti arraba isaa kana walitti mammaree qoma isaa keessa kaayata. Subhaanalllaah, Rabbiin keenya waan fedhe akkuma fedhetti uuma.

Gogaan qaama isaa waan scale jedhamuun haguugame. Qolli gogaa isaa haguugee argamu kun albuuda Keratin jedhamurraa tolfame. Albuudni kun albuuda qeensi ilma namaa irraa ijaarrameen tokkuma. Kanaafuu gogaan Paangoliin, qola akka qeensa keenyaa kana fakkaatu, garuu kan akkaan jabaa ta’een uwwifamee jira jechuudha. Kallacha isaa, garaa fi ganaa isaa kan harkaa fi miilaa yoo taate malee, qaamni isaa hundi qola kanaan uwwifamee argama.

 

Bineensi kun qubbeen shan qaba. Qubbeen isaa akkuma quba ilma namaa lameen daangaa irratti argaman gaggabaaboodha.  Sadiin jidduu ammoo dhedheeroofii qeensa jajjabas ofirraa qabu. Kunis boolla qotuudhaan soorata garagaraa akka baasu isa gargaara. Eegeen isaatis akkaan dheeraa yoo ta’u, ilmoo irratti baadhachuuf, akkasumas muka tokkorraa gara muka biraa cehuuf, dabalataanis wayta bakkarraa bakkatti socho’u madaala isaa eeggachuudhaaf itti gargaarama. Harki isaa ammoo miila isaa irra gaggabaabaadha.

Paangoliin boolla qotatee boolla isaa keessa kophaa ofii jiraata.  Bineensi kun guyya guyyaa rafaa oolee, halkan ammoo bahee rizqii isaa barbaadata. Sooranni isaa ilbiisota qofa yoo tahu, halkan tokkoonis ilbiisota miiliyoonaan laakkawaman soorata. Paangoolin wayta sooratus mala tokko fayyadama. Boolla ilbiisonni keessa jiraatan eega barbaadee argateen booda, arraba isaa dheeraa san boolla keessa kaayee ilbiisotarra gangalcha.  Wayta kana ilbiisonni kumaatamaan lakkaayaman arraba isaatti maxxananii hafu. Achi booda arraba isaa ol deebisee ilbiisota hunda jiraa liqimsa.

 

Bineensi kun ilkaan takkallee hin qabu. Wayta ilbiisota arrabaan sooratu kanas ijaa fi funyaan isaa keessa ilbiisonni akka hin seeneef, ijaan dunuunfatee, funyaanis walitti ukkaamsa. Kana booda eega ilbiisota garatti dabarseen booda, akkuma allaattii Tarkii takii xixiqqoo irraan liqimsa. Kunis soorata daakinsa irratti gargaarsa isaaf godha. subhan ALLAAH.

 

Paangoliin diina heddu qaba. Leenci, qeerransii fi ilmi namaa uumama kana adamsu. Leencaa fi qeerransi soorataaf adamsu, ilmi namaa ammoo qola gogaa isaarratti argamutti haajama. Qolli gogaa isaa kun dawoomaafi faaya gara garaatiif oola. Paangolin wayta diinni itti dhufu mala garagaraa fayyadamuun diina jalaa miliquuf carraaqa. Inni duraa qaama isaa walitti mammaree qaama lallaafaa dhoysuudha. Kanaafuu leencaa fi qeerransi qola san ciniinuu waan hin dandeenyeef dadhabanii dhiisu. Inni biraa ammoo foolii ulfaataa qaama isaa irraa bahu ykn dhuufuu isaati.  Yoo diinni itti dhufe foolii ajaawaa diina mataa dhukkubsu ofirraa baasa. Yeroo kana diinni itti dhufe kun dhiisee biraa baqata.

Yoo diinni itti dhufe akkanatti walitti marama

Akkuma uumama biroo Paangoliinis fakkaattii ofii dhaluun sanyii ofii bakka buufata. Yookaan ammoo hoosiftoota keessatti ramadama jechuudha. Rimayni Paangoliin ji’a shaniif tura. Ji’a shan booda ilmoo takka qofatu dhalata. Ilmoon paangoliin akkaan xiqqoo waan taateef, guyyoota muraasaaf boolluma keessatti dhokattee jiraatti. Haadhoonis guyya guyyaan boolla jijjiiraa haga ilmoon of dandeettuuf kunuunsiti. Kana booda yoo ilmoon xiqqoo jabaatte, eegee irratti baadhattee bakkarraa bakkatti sochooti. Ilmoon Paangoliin akkaan xiqqoo yoo taatu, ulfaatinni isiitis graama 340 hin caalu. Ji’a afuriif muchuma haadhaa hodhaa jiraatti. Kana booda eega harma guuteen booda ilbiisota sooratuu jalqabdi. Paangooliin hayyama Rabbii guddaatiin waggaa 12 hanga 20 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button