Odeeyfannoo Biyyaa

Markazni Ubayyi ibnu Ka’ab Barattoota 40 hifzii Qur’aanaatiin Eebbisiise

Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanneetti kan argamu markazni tahfiiza Qur’aanaa Ubayyi ibnu Ka’ab, Alhada har’aa, March 20, 2022 barattoota waggaa lamaaf barsiisaa ture haala oowwaa taheen eebbisiisee jira. Barattoonni Afurtamman guyyaa har’aa eebbifaman waggoota lamaan dabraniif Hifzii Qur’aanaa, Ahkaama Tajwiidaa fii Qaraatii gosa Torban Sheikh Abubakar Boonsoo Kojii irratti kan barataa turan yoo tahu, Alhada har’aa bakka hawaasni magaalaa Shaashamannee hedduminaan argametti haala oowwaan eebbifamaniiru.

Sagantaa eebba Huffaazotaa kanarratti keessummoota hirmaatan jidduu;

Sheikh Alii Buttaa

Sheikh Habiib Leencaa

Ustaaz Xaalibu Ridallaah

Sheikh Kadiir Amaan

Sheikh Muhammadnuur Hayaatoo

Sheikh Muzayyan Turaa

Sheikh Umar Muhammad

Sheikh Bashiir Roobaa  fii keessummoonni gurguddoon biroo heddu saganticharratti hirmaataniiru.

Sagantaa kanarratti hayyoonni heddu dhaamsa gurguddaa kan dabarfatan yoo tahu, Barnoota diinii sadarkaa Qur’aanaa qofarratti dhaabuu osoo hin taane, dabalataanis akka Ulamoota gurguddaa bakka bu’uu danda’anitti maatiin barattootaa cimsanii hordofuu fi Barnoota garagaraa baratanii akka qaroomuu qaban dhaamsi dabree jira.

 

 

Related Articles

Back to top button