Dhibeen Koleeraa nannolee heddu keessatti ka’uun ibsame

Dhibeen Koleeraa naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Tigraay, Somaalee, fi Finfinnee keessatti ka’uu Instiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itiyoophiyaa beeksise. Akka gabaasa kanaatti naannoo Amaaraa keessatti namoonni 197, Oromiyaa keessatti namoonni 122, Finfinnee keessatti namoonni 6, naannoo Somaalee keessatti namoonni 33, akkasumas Tigraay keessatti namoonni 8, walumaa galatii namoonni 366 dhibee kanaan kan qabaman tahuu mirkanaayee jira.
Sababaa dhukkuba Kanaatiin hanga ammaatti namni 15 du’uu, kanneen keessaa 14 naannoo Amaaraa irraa yoo tahu, namni tokko immoo Oromiyaa irraa ta’uun ibsame.
Oromiyaa kesssatti dhibeen kun godina Harargee lixaa aanaalee Ciroo fi Odaa Bultuum, akkasumas bulchiinsa magaala Baddeessaa keessatti bal’inaan kan mul’ate tahuu hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Darajjee Dhugumaa beeksise.
Dr Darajjeen ibsa miidiyaaleef kenneen, dhibeen koleeraa kun akka hin babal’anne to’achuuf biiroon fayyaa Oromiyaa kan carraaqaa jiru tahuu ibsuun,Ummanni qulqullina naannoo fi dhuunfaa isaa eeggachuu akka qabus dhaame.
jazaa kallaahu Keeyran baara kallaahu fiikum rabbiin dhibee akka malee nurraa haa qabu Inshaa’Allaah