header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jama’aan Masjiida Abubakar kan magaalaa Adaamaa iyyannoo isaanii qama dhimmi ilaaluuf dhiyeessan

Miseensonni koree masjiidaa lama da’awaan masjiida keessatti akka hin godhamne dhoorkuu isaaniitiin jeequmsi kan ka’ee ture tahuu Isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama. Kanuma hordofuun jama’aan masjiida Abubakar guyyaa har’aa salaata Jum’aa booda marii godhuun, qabxiiwwan arman gadii irratti hundaa’uun xalayaa qaamota dhimmi ilaallatuuf kan galchan tahuu odeeyfannoon nu gahe ni mul’isa.

Rakkoowwan Koreen masjiidicha ni qaba jedhamanii xalayaa waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaallatuu fi gumii dhimma Islaamaa magaalaa Adaamaatiif galchan irratti ibsaman:

1ffaa. Fedhii hawaasaa eeguu dhabuu fi ummata jeequu
2ffaa. Galii fi baasii masjiidichaa kan torbaani, kan ji’aa fi kan waggaa ummataaf ibsuu dhabuu
3ffaa. Da’awaan hayyama keenya malee ta’uu hin qabu jechuun dhoorkuu

4ffaa. Qulqullina mana fincaanii, mooraa masjiidichaa eeguu dhabuu

5ffaa. Mindaa hojjattoota masjiidichaa yeroon kaffaluu dhabuu fi fedhii isaanitiin hojjataa barbaadan irraa mindaa dhaabuu, akkasumas mindaa Hojjattootaa mallattoo isaanii malee kennuu

6ffaa. Hojjataa haarawa iftoomina malee qaxaruu fi mindeessuu,

7. Barattoota mooraa masjiidichaa keessa jiraataniif kutaa bultii fi nyaataa mijeessuu dhabuu,

8ffaa.Mana kitaabaa fayyadamtootaa dhaabuu/qopheessuu dhabuu

9ffaa. Madrasaa(mana barumsa amantii) ummataaf hundeessuu dhabuu fi kkf yoo ta’u.

Dhuma irrattis hawaasni muslimaa guyyaa har’aa irraa kaasee koree masjiidaa haarawa kan bakka buufate tahuu ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button