header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ummanni magaalaa Roobee Baalee ummata Daawwe Sarariif gargaarsa adda adda walitti qabe

Godina Baaleetti ummanni Daawwee Sarar  waraana liyyuu poolisii naannoo Somaaleetiin sababa marfamanii fi rakkinni nyaataa kan isaan qunname tahuu ummata Magaalaa Roobeetti kan iyyatan yoo tahu, ummanni  Roobeetis Jum’aa har’aa December 1/2017 Masjiidota hunda keessatti gargaarsa bifa addaa addaa kan walitti qaban tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Haaluma kanaan midhaan nyaataatii fi Maallaqa walitti qabaa kan oolan tahuun beekameera. Akka gabaasni naannawarraa arganne ibsutti, ummanni magaalaa Roobee hamilee oowwaan deeggarsa kanarratti hirmaataa kan jiru yoo tahu, lammii keenya kan daangaa eegaa jiru gama hundaan bira dhaabbachuu qabna jechuun kan socho’aa jiran tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Masjiidota  guyyaa har’aa gargaarsi keessatti  walitti qabame jidduu, Masjida Hamzaa, Masjida Nuur, Masjida Zunnuureyni fi Masjida Abuu Bakrii yoo tahan, akkasumas msjiidota biroo heddu irraa gargaarsi guddaan kan argame tahuu maddeen nuuf gabaasan.
Haluuma walfakkaatuun masjiidoota hunda irraa lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee irraa buqqa’uun Daawwee Sararitti argamaniifis deeggarsi kophatti walitti qabamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button