header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Finxaaleyyiin Ortoodoksii magaalaa Hararitti raawwataniin lubbuun nama muslimaa tokko dabre

Haleellaa Finxaaleyyiin amantaa Ortoodoksii hordofan guyyaa har’aa hawaasa muslimaa fi qabeenya hawaasa muslimaa irratti magaalaa Hararitti raawwataniin, guyyaa keessaa sa’aa 8:00 naannawa Warshaa Harar Biraatti namni Toofiq Muhammad jedhamu dhalataa aanaa Jaarsoo ganda Laafinfadhoo kan ta’e eegaa ableen diramee booda haala sukkanneessaa ta’een dhagaan tumamee ajjeefame. 
Gareen magaalichatti gurmaawee socho’u kun, manneen daldalaa hawaasa muslimaa fi Abbootii qabeenyaa saba Oromoo adda baasuun kan barbadeessan tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Dirree Dhawaattis gareen Saatanawu jechuun of moggaase guyyaa Kaleessa irraa magaalaatti kan jeeqaa jiru yoo tahu, haleellaa gareen kun raawwateen namoonni hedduun miidhamuu fi qabeenyi hedduuun barbadaa’uu gabaafame.

Jiraataan magaalaa Harar irraa bilbilaan dubbisne, haleellaa raawwatame hawaasa muslimaa fi nama Oromoo ta’e irratti xiyyeeffachuun raawwatame jedhe.

Dabalataanis humnoonni mootummaa qaamolee haleellaa kana raawwatan irratti tarkaanfii tokkoollee kan hin fudhatin tahuus nu hime.

Harar
Magaalaa Harar

7 Comments

  1. as wr wb akkam nagaha jirtani qophesitoota qophi dhaddacha jaalala wallhi akkan isin jaaladha rabbi tokkocha jecha qophin dhaddacha kana akkan itti gammada jirra jabaadha itti fufa rabbin aduwwi sira isinitti yaaddu isin irraa haa tiksu ani gaafille hin qabu haadha manatis hin qabu du,ai teessan barbaada akka haadha mana diin rabbi irratti wal gargaarre ilmaan teenna din irratti guddifannu kan jaalalli teenne sagandimaf hin hir,anne

  2. Pingback: Q.s.i

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button