Gammoojjii Sahaaraa

Rabbiin (SW) dachii tana keessatti haala qilleensaa garagaraa uume. Qilleensi naannoo garii qabbanaawaa yoo ta’u, gariin ammoo oowwi isaa daangaa dabra. Haalli qilleensaa naannoo garii sanyii midhaanii garagaraa biqilcha. Gariin ammoo kudraa fi muduraalee qofaaf mijaawa. Dachiin goggogaan waan takkallee hin biqilchines ni jira. Walumaa galatti garaagarummaan dachii kanarra jiru waan laakkawamee dhumatuu miti. Barruu tana keessatti lafa gammoojjii oowwaa guddicha jedhamuun beekamu, gammoojjii Sahaaraa waliin daawwanna.

Saharaan gammoojjii oowwaa guddicha dachiii tanaati. Gammoojjiin kun Kaaba Afriikaa keessatti argama. Bal’inni isaatis, bahaa kaasee hanga dhihaatti kilomeetira 4,800 yoo ta’u, kaabaa kaasee hanga kibbaatti ammoo Kilomeetira 1,200 haga 1,900’ii ta’a. Walumaa galatti gammoojjiin kun Square kilometra 8,600,000 uwwisee argama. Gammoojjiin Sahaaraa kun biyyoota 12 keessatti Argama. Isaanis: Eertiraa, Masr, Suudaan, Chad, Niijeer, Maalii, Moritaaniyaa, Moorookoo, Western Saharaa, Aljeeriyaa, Liibiyaa fi Tuniizhiyaadha. Lafti gammoojjii kun lixaan garba Atlaantikiin kan daangeeffamu yoo ta’u, kaabaan Gaara Atlaasii fi galaana Meeditraaniyaaniitiin, bahaan galaana Diimaan, kibbaan ammoo dachii Sahel jedhamuun daangeeffama. Lafti saahel jedhamu kun, lafa jidduu Gammoojjii sahaaraa fi lafa bosona Afriikaa kan Saavaanaa jiddutti argamuudha. Qilleensi isaatis wal makaa gammoojjii saharaa fi naannawa qabbanaawaa Afriikaa jiddu galeessaati.


Naannoon saharaa kun lafa cirrichaan guutame yoo ta’u, lafti tabbaatiifi lafti diriiraanis cirrachumaan uwwifamanii jiran. Hedduminaan dachiin kun cirracha tuulamee gaara fakkaatuun guutame. Bakka tokko tokkotti ammoo gaarrenii fi lafti dhagaan uwwifames ni jira. Lafti ol ka’aan gammoojjii kana keessa jiru, Gaara Koosii jedhamuun beekamu yoo ta’u, ol ka’iinsi isaatis meetira 3,415 ta’a. Gaarri kunis biyya chad keessatti argama. Lafti akkaan gad dhooqataan ammoo lafa Qattaraa jedhamu yoo ta’u, ol ka’iinsi isaatis sirri galaanaatii gad meetira 133 (below sea level) ta’a. Bakki kunis Biyya Misraa keessatti argama.


Gammoojjiin saharaa kun akkaan goggogaadha. Laga ykn burqaa bishaanii kan dachii kana keessaa maddee maqaan moggaafameef argachuun rakkisaadha. Laggeen gammoojjii kana keessatti argamanis, maddi isaanii gammoojjii kanaan ala. Fakkeenyaaf laga Abbaay itiyoophiyaa keessaa ka’uu fi laga Naayil Adii kan biyya Yugaandaa keessaa ka’utu, Sudaan keessaan darbuun gammoojjii lafa Misraa jiisa. Ummanni Misra keessa jirus bishaanuma laggeen kanniin irraa argatuun lafa qotee facaafata. Haaluma wal fakkaatuun lagni Niijeeris gara gammoojjii kanaa yaa’uudhaan lafa saniif tajaajila guddaa kennutti jira. Laggeen xixiqqoon Sawuraa fi Daraa jedhaman ammoo gaara Atlaas kan gammoojjii kana keessatti argamu jalaa maddu. Gammoojjiin kun lafa jalaa bishaan hedduu qaba. Yeroo tokko tokko bishaan kun ofumaa burqee, yeroo gabaabduuf eela bishaanii uuma. Ummanni biyyoota Masrii fi Sudaaniin ala jiraatanis bishaanuma lafa jalaa kanaan jiraatu.


Biyyeen gammoojjii kanaa waan cirracha heddummaatuuf, qajeelatti waa biqilchuu hin dandahu. Sababaa kanaaf namoonni gammoojjii kana keessa jiraatan laga Naayiliifi Abbaayaa barbaadu. Lagni Abbaay biyyee waa biqilchuu dandahu heddu haree deemaan. Isaanis biyyee qulqulluu laga kana keessaa argan kana haranii, biyyee cirrachaa lafa isaanii irra jiru irratti naqan. Achi booda biyyee kana qotanii irratti facaafataa ittiin of sooru. Bakki tokko tokko garuu hamma murtaaweenis ta’u biyyee waa biqilchu ni qaba. Haa ta’u malee wantoota akka qamadii fi garbuu facaasuun rakkisaadha.


Sahaaraan naannoowwan qilleensa jireenya ilma namaatiif ulfaataa ta’e qaban keessaa isa tokko. Oowwaa fi dhukkeen guutamuu isaa wajjiin Roobni gammoojjii kana keessatti roobu akkaan xiqqaadha. Bakki Rooba hin argannes numa jira. Naannoon tokko tokko ammoo waggaa tokkoof rooba eega argateen booda, lammata deebi’ee rooba argatuudhaaf waggaa torbaa fi sanii ol eeguun dirqama itti ta’a. Bakka tokko tokkotti ammoo roobni roobu bala guddaa gessuu danda’a. Walumaa galatti Haalli Rooba Gammoojjii Sahaaraa keessaa, amala sadi qaba. Naannoo garii gonkumaa hin roobu. Nannoo garii rooba akkaan xiqqoo qofa rooba. Roobni kun ammo waa takkallee biqilchuu hin danda’u. Naannoo garii ammo yeroo tokko tokko ni rooba. Rooba akkaan guddaa roobee waa heddu balleessa. Kanaafuu naannoon kun rooba wal qixxaayaa gahaa hin qabu jechuudha.


Bubbeen Kaaba baha gammoojjii kanarraa ka’ee gara kibbaatti bubbisu ammoo, dachiin sun goggogaa akka ta’u qooda keessaa qaba. Bubbeen kunis dhukkee lafarraa kaasa. Dhukkeen kun ammoo jireenya ilma namaatiifi bineensota biraatiifis rakkoo hamaa ta’ee jira. Dabalataanis qilleensuma jiidhaa galaana Meeditraaniyaanii irraa ka’u dhiibee, gammoojjii san keessaa baasuudhaan, gara biyyoota naannoowwan mudhii lafaa irratti argamanii geessa. Biyyoonni naannoo mudhii lafaa irratti argamanis sababuma bubbee kanaatiin Rooba gahaa argatu.


Yeroo hoo’aatti gammoojjiin kun oowwi isaa digrii Faaranaayitii 100 ykn ammoo digrii sentigreedii 37 caala. Yeroo lafti dhiituu fi yeroo qabbanaatti ammoo qabbanti lafa kanaa faaranaayitii 40 ykn ammoo Digrii seentigreedii 4’ii gad ta’uu danda’a.
Hanqina roobaatii fi cirrachi isaatis mijaawaa waan hin taaneef, biqiltoota heddu gammoojjii kana keessatti argachuun rakkisaadha. Darbee darbee mukkeen garagaraa kan faffaca’anii jiran arguun ni danda’ama.


Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...