Og-BarruuTafakkur

Awwaaldiigessa

Maqaan bineensa kanaa jechoota afaan oromoo  2 irraa ijaarame.  Awwaalaa fi diigessa. Kan awwaala diigu jechuudha. Uumamni kun Ardii Afriikaa, Eeshiyaa fi Awustraaliyaa keessatti baay’inaan argama. Naannoo garii ardii Ameerikaa keessattis ni argama. Maqaa kanas kan argate lafa qotee raammoo fi wantoota garagaraa boolla keessaa baasaa waan nyaatuu fi. Haga ammaatti sanyiin awwaaldigeessaa shan akka argaman qorannoon bira gahamee jira.

Avereejiidhaan awwaaldiigeessi tokko haga meetira 1 dheerata. Garuu Awwaaldiigeessa guddaa jedhamuun kan beekkamu haga meetira 2 dheerata. Inni xiqqaa fi gabaabaan kan Silky Anteater jedhamu cm 30 dheerata. Awwaaldiigessi guddaan bal’inaan ardii Ameerikaa Kibbaa keessatti argama. Inni Xiqqaan kan Silky jedhamu kun  Awustraaliyaa keessa qofa jiraata. Awwaaldiigessi guddaan Buqqeen mataa isaa dhiphaa dha. Funyaan dheeraa qaba. Ijji isaa xixiqqaa yoo ta’u, funyaan isaa ammoo geengoo dha.

Miilli awwaaldiigessaa kan fuulduraa qeensa jabaa qaba. Wayta deemu qeensi kun walitti caafama. Awwaaldiigessi waa ilaalee adda baafatuu irratti rakkoo qaba. Qaroon ija isaa hedduu laafaa dha. Garuu Dandeettiin waa fuunfatuu isaa akka malee jabaa dha. Haga ilmi namaa waa fuunfatu caalaa dachaa 40n fuunfata.  Kanaaf waan sooratu funyaaniin adda baafata.

Wanti ajaa’ibaa kan awwaaldiigessi uumamaan badhaafame immoo arraba isaati. Arrabni awwaaldiigessaa ciqilee tokko caalaa dheerata. Arraba isaa kana saffisa ajaaibaatiin afaan keessaa baasaa gara afaanii deebisa. Sakandii tokko keessatti yeroo 2 hanga 3 arraba isaa gad baasee ol deebisuu danda’a. Harka isaatiin naannoo mixii fii  raammoleen adda addaa jiraatan qotee, achi booda arraba isaa dheeraa kana boolla keessa dabarsuudhaan raammolee walitti haxaayee gara afaanii galcha. Akkuma dubbanne sakandii 1 keessatti yeroo 2 ol arraba isaa gadi baasaa deebisuu waan danda’uuf, raammoleen heddu dheessanii jalaa bahuu hin danda’an. Boolla qotee eega haga takka irraa  nyaatee booda, dhiisee biraa deema. Wanti dhiisee biraa deemuuf immoo tooftaa birooti. Yoo Raammolee achi jiran hunda fixe, raammoon biroo bakka san hin dhuftu. Akka raammoleen biro deebi’anii boolla san seenaniif dhiisee biraa deema. Yoo raammoon heddummaatee boollatti dacha’e ammas itti deebi’ee soorata.

Awwaaldiigessi ijatti bineensa laafaa fakkaata. Garuu yeroo diinaan walitti dhufe humna jabaa qaba. Inumaa bineensota dallansuu guddatan keessaa awwaaldiigessi isa tokko. Wayta diinni itti dhufus jabinni qaama isaa ni dabala. Yeroo diinni itti dhufu ofirraa ittisuudhaaf miila isaa humna jabaa qabuu fi qeensa isaa akkamalee jabaataa saniin ofirraa ittisa. Ilmi namaas ta’ee bineensonni biroo qeensa kana yoo argan ugganii itti hin dhihaatan.

 

 

 

 

 

Awwaaldiigessi hoosiftoota keessatti ramadama. Rimeeyni awwaaldiigeessaa ji’a 6 tura. Yeroo heddu ilmoo takka dhala. Ilmoon dhalatte tun waggaa lamaaf haadharraa adda hin baatu. Hanga haati ilmoo biroo rimaya qabattutti biraa hin socho’u.  Yoo diinni itti dhufe, utaalee duyda haadhaa gubbaa jalaa kora.  Yeroo dheeraaf osoo duyda haadhaa irraa hin bu’in waliin deema. Gaafa haati rimaya qabatterraa kaasee jireenya kophaa jalqaba..

Sanyiin awwaaldiigessa guddaadhaa dachii tanarraa dhabamaa akka jiru dubbatama. Sababni immoo ilma namaati. Ilmi namaa sababa garagaraatiif bineensa kana adamsee ajjeesa. Gogaa isaa waan adda addaatiif fayyadama.  

 

Show More

...

Back to top button