header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Gaafii: Islaamni maaliif dubartii hijaabaan ukkaamsa? Sheikh Ahmad Diidaat

Gaafattuu: Akka amantii islaamaatti dubartiin uffata qaama isii haguugu uffachuu qabdi jedhama. Kun ammoo kabajaan isii warra dhiiraatiin akka eegamu godha jedhama. Akka ani yaadutti garuu hijaaba uffachuun mallattoo cunqurfamuuti. Sababni isaa; qalbii fi miira saalqunnamtii dhiiraa eeguuf jecha maaliif qaama isaanii dhoysuun barbaachise. dubartoota haala kanaan uffata akka uffatan dirqamsiisuun maaliif barbaachise. Dhimma kana irratti yaada nuu kennuu dandeessaa?

Sheek Ahmad Diidaat: Yaa Aaddee; Kitaaba keessan keessatti, Kitaaba qulqulluu keessan keessatti, Phaawloos dubartiin rifeensa ofii akka haguugdu barsiisee jira. Dubartiin Rifeensa ofii haguuguu didde ammoo, akka ofirraa haaddu ajaje. Dubbii tana kitaaba keessantu jedhe. Dubartiin; Dubartiin rifeensa ofii haguuguu didde, ofirraa haa haaddu jedhee dubbata kitaabni keessan. Dabalataan dubartiin bataskaana keessatti afaan ofiitiin sagalee ol kaastee akka hin dubbanne dhoorka. Garuu warri bataskaana keessaa dubbii tana itti hin amanan. Dubbii tana waan itti hojjataa hin jirreef, dubartoonni Ameerikaa keessatti, Niiwyoork Keessatti nagayaan bahanii galuu dadhabanii jiran. Faransaay keessattis dubartiin nagahaan jiraachuu hin dandeenye. Guyyaa adiidhaan dubartoonni karaa irratti gudeedamaa jiru. Namnis ilaalaatuma bira dabra. Ofii Mucayyoon gudeedamaa jirti, isaan garuu of bashannansiisaa jiran jedhanii bira kutan.

Monoksee Dubartii (Kaatooliik) namni irra deddeebi’ee ijaan ilaalu hin jiru. Takkatima ijaan laalanii dhiisan. Osoo Haati Iisaa (AS) Mariyamuu dhuftee, namni irra deddeebi’ee ilaalu hin jiru. Garuu dubartootni teessan tan bikinii, kofoo jiinsii qaama hudhee qabu, gurdii tafa cufa mul’isu ykn paantii qofa uffattee karaa irra yoo deemtu, dargaggeessaa mitii jaarsuma akka kiyyaa kanaa goggoysitee hanbisti. Dubartoota uffata akkanaa uffatanii deeman karaa irratti osoo argee dhugaa isinitti himaa keessi kiyya ni guggubata. nin ciincawa. Kun akkaataa uumama dhiiraati. Rabbi haala kanaan nu uume. Wanti ilmi namaa dachii tanarratti heddu jaalatu dubartii dha. Qur’aanni akkana jedha:

Zuyyina linnaasi hubbushahawaati”¦

Tokkoffaan? ‘minannisaa’i”¦ dubartiidha. Itti aansee ‘Walbaniin’ “¦ilmaan, Osoo ilmaan kudhatokko qabaadhee garee kuubbaa miilaa tokko hundeessee natti tola. Waan akkanaa qabaachuun nama boonsa.

Sadaffaan”¦ Walqanaaxiiril Muqanxarati”¦. Qabeenyoota garagaraa, warqii, lafa”¦ wanti ilmi namaa barbaadu heddutu ibsamee jira. Tokkoffaa irratti kan ibsame dubartiidha. Waan kana isinitti himuun waan barbaachisuu miti.

Biyya tiyya magaalaa Darbaan keessatti, haasawa kiyya dubbii tanaan goolaba. dhaabbata Tiraaktaroota moofaa itti gurgurantu jira. Garuu beeksisa makiinaa gurguruuf qopheessan kanarra kan jirtu, dubartii bikinii godhattee dhaabbattu takka. Osoma achi dhaabbadhu nama gara biyya lixaatii dhufe tokko arge. Silaa dhaabbata kana keessatti kan gurguramu makiinaadhaa, dubartiin qaama qullaa tun maal hojjatti? Jedhee gaafadhe. Isitti fayyadamanii beeksifatan naan jedhe.

 

BMW beektanii? BMW saaykilii motoraati. Hammayyeeffamee Marchadiiz Beenz irra akka wayyaawu godhamee tolfame. ani meeshaa kana bituudhaaf gabaa hin bane. Garuu gaafa tokko gaazexaa tokkorratti beeksisa kana arge. Beeksisa motor saaykilii kana bira dubartii paantii fi kan harmaan qabatan qofa uffattetu jira. Dubartiin tun motora kana dura dhaabbattee jirti. Beeksisni jalatti barreeffamee jiru ammoo “Meeshaa tana ammuma oofaa laalaa!”jedha. Ani as biratti gaafii takka gaafadha. Namittiidha moo Saaykiliidha kan oofanii laalan? Maaltu beeksifamaa jira? Namittiin motora dura dhaabbattee jirti. Barreeffamni ammoo isaan lachuurra jira.

 

Argitanii karaan isin deemaa jirtan akkana jira. Isin warri lixaa dubartoota keessanitti taphataa jirtu. Dubartoota teessan gurguraa jirtu. Ijoollee teessan gurguraa jirtu. Haawwota teessan gurguraa jirtu. fiilmii garagaraa irratti dubartoota teessan faaydaaf itti fayyadamamaa jirtu. Takkaa dubartii gudeedamtu fakkaattu mul’istu. Fiilmii irratti dubartoonni teessan, dhiira biraa wajji akka waan wal qunnamtii saalaa godhaa jiranitti yoo waraabanii mul’isan ustanii laaltan. Kanaanis of bashannansiisaa jirtu.

 

Alhamdulillaah! Rabbiif galanni haa gahu. Nuti musliimonni haga ammaa dhukkuba tanatti hin seenne. Waan akkanaa irraa fagaatuuf carraaqqii godhaa jirra. Isin warri lixaa haalli amma itti jirtan haalaa fi aadaa keessan. Nuti isni dirqamsiisnee isin dhoorkuu hin dandeenyu. Na dhagahii mucattii tiyya! Ibiddaan taphachutti jirta. Isa kanaaf ammoo miindaa argachuuf jirta. Shakkii malee waan harka keetii ni argatta.

Qophii: Abu Ibtisaam

Back to top button