Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas hamtuu badiin keenya nutti fidurraa isatti maganfanna. Nama Rabbi qajeelche namni jallisu hin jiru. Nama Rabbiin kharaa jallinaarratti dhiises, namni qajeelchu hin jiru. Rabbi kophaa isaa gabbaramuu haqa kan godhatu tahuu ragaan baha. Akkasumas Muhammad ﷺ gabricha Rabbii fi ergamaa xumura tahuu isaa ragaan baha.

Amma mee eenyummaa kiyya isinii haa himu. Eessaa akka dhufe isinitti haa himu. An Taanzaaniyaa, Daaressalaamitti dhaladhe. Abbaan kiyya yeroo sanitti, bulchiinsa Koloneeffattootaa keessatti hoogganaa ture. Sunis Kolonii Impaayera Ingiliiz kan ammaan tana bittannaa’e jechuudha. Impaayerri sun haga yeroo dhihootti Impaayera akkaan bal’aa ture. Tokko sadaffaa dachii tanaatis too’annaa ofii jala oolfatee ture. Ammaan tana iddoola muraasa qofatu hafe. Yeroon akkamitti jijjiirama? Impaayerri guddaan sun akkamitti kufe? Kun baruumsa Rabbiin qur’aana keessatti akka irraa hubannu nu taasiseedha. Dachii keessa deemuun, ummata isiniin duraa, ummata humnaa fi jabina guddaa qabu, haala kamiin akka kufan ilaalaa nuun je’e. waan Ummatoota jajjabaa sanirraa hafe akka xiinxallinu nu taasise.

Hundumaafuu; Abbaan kiyya bulchaa Koloniiti. Sababa saniif taanzaaniyatti dhaladhe. Anthony Waclaw Gavin Green je’anii maqaa naa baasan. Vaakswaaf maqaa Poolaandiiti. Sababni isaa haati tiyya sanyii Poolaandiiti. Poolaand waan taateef hordoftuu amantii kaatolikiiti. Isiinis anii fi obboleessi kiyya, Dankan chaarls Alekzaandar Griin hordoftoota Kaatolikii gaarii taanee akka guddannu nu goote. Eega dhalannee booda mana baruumsa Kaatolikii Roomaa beekkamaa tahe keessatti galmeeffamne. Bakki nuti itti galmooyne, iddoo Manaksoonni jiraatanii fi itti barsiisaniidha. Manni baruumsaa kun Ampl Forth collage je’amuun beekkama. Magaalaa Yorkshire (Yoorkshaayar) keessatti argama. Kunis gama kaabaa Ingiliiziiti.

Wayta umriin kiyya 2 guutu daaressalaam gad dhiisnee baane. Obboleessi kiyya Landanitti dhalate. Wayta inni ganna 8 guutuu fi ani ammoo wagga 10 guutu gara mana baruumsa kanaa eergamne. Gaafa Umriin kiyya 10 guuterraa kaasee, Mana baruumsa qophaayinaa Ampl Forth college kana keessa ture.

Gara mana baruumsa qophaayinaa Ample Forth college kana ergamuu keenyaan dura, haati teenya akkaataa sagada kaatoolikiifi waa heddu nu barsiiste.  Akka amantii Kaatolikiitti, namni isiin itti heerumuu qabdu dhiira amantaa kaatolikii hordofu tahuu qaba ture. Isiin garuu san dhiistee nama amantii jibbutti heerumte. Sababa kanaaf isiin nama kaatolikii gaarii akkaa hin taane amanti. Rakkina isii kana ammoo anaa fi obboleessa kiyya nama gaarii godhuun bakka buusuu yaadde.

Halkan tokko nin yaadadhaa, kadhannaa tokko na barsiiste. Kadhannaan sunis kadhannaa warra kaatolikiitiin yeroo heddu je’amuudha. Wayta waan akka callee harkatti qabatanii laakkawan hedduminaan kadhannaa san je’an. Kadhannaan beekkamaan kunis ‘Hail Merry” je’amuun beekkama. Haala armaan gadii kanaan jalqaba.

“Hail mary

Haadha gooftaa

Dubartoota dachii tanarra jiran cufa keessaallee dubartii filatamtuu

Firiin gadameessa kee keessaatis filatamaadha”

 

Kun ceesisa jalqabaati. Wayta umriin kiyya Sagalii haati tiyya ‘Hail Merry, haadha gooftaa’ isiin jettuu hoggaan dhagahe, ‘Gooftaan akkamitti haadha qabaachuu dandaha’ je’ee of gaafadhe. Gooftaan jalqabaa fi xumura qabaachuu hin qabu. Gooftaan akkamitti haadha qabaachuu dandaha? kana booda wantoota kanniin irratti yaaduu jalqabe. eega Maryam haadha Gooftaa taatee, isiin gooftaa guddaa tahuu qabdi waan je’u yaaduu jalqabe. Kunniin gaafilee jalqabaa sammuu kiyya keessatti uumamaniidha.

Eega gara mana baruumsaa deemee, heddu barachuu fi heddu qorachuu jalqabeen booda, dhugumatti gaafileen dabalataa heddu sammuu kiyya keessa yaa’uu eegalan. Gara iddoo confession deemaa turre. Confession jechuun; (badii ofii qeesii guddatti himatuun, qeesichis dhiifama namaaf godha, takkaahuu afaan amaaraatiin Nissahaa jechuudha). Akka natti fakkaatutti yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko waan kana ni raawwanna. Tarii sanii olis tahuu dandaha. garuu namni tokko yoo xiqqaate yeroo tokko ykn yeroo murtaawaa waan kana raawwatuu qaba. Qeesonnis, “badii dalagde hunda himachuu (amanuu) qabda, Yoo badii tee hunda himachuu baatte, confesioniin takkaahuu nissahaan kee sun sirrii hin tahu, akkasuma badiin keetis siif hin dhiifamu” je’an.

Mee dubbii tana xiinxalaa, Manni baruumsa kan joolleeti. Joolleen achi keessatti baratan umriin isaanii 11, 10 takkaahuu 19-20 tahuu dandaha. Joolleen xixiqqoon tunniin badii isaanii hunda ni himatu jettanii yaadduu? Sanirra ammoo wanti ajaa’ibaa, badii keenya namoota nu hooggananitti himachuu keenya. Isaantu nu too’achutti jira. Inumaa an achi booda, wanti kun waan nu basaasuudhaan, too’annaa ifii jala nu galfatuudhaaf shira xaxaa jiran wahiiti je’ee yaaduu eegale. Kana booda maaliif? Je’ee gaafadhe. Badii dalage sitti dhufee himachuun kiyya maaliif akka barbaachise yabootii naa himi? Maaliif qajeela gooftaan akka dhiifama naaf godhu hin gaafanne je’een.

Akka Iyyasuus barsiisetti, akka Macaafa qulqulluutti, kitaabni duraan jiru akka himutti, Iyyasuus kirsitoos abbaa keenya hoo jechuu qabdan je’ee barsiise.

Abbaa keenya Samii jirtu

Maqaan kee haa qulqullaahu

Mootummaan tee haa dhuftu

Akkuma samii gubbaa jiru dachii irrattis

Waan balleessine nuu dhiisi

Warra nutti balleessanis dhiisiif

Jallinarraa nu tiysi

Badii keessatti nun dhiisin

Walii gallee? kadhannaan jiru isa kana. ceesisa biroo keessatti, maqaa abbaa, ilmaa, hafuura qulqulluu kan je’u bakka itti dabalan qabu. Sun waan kitaaba keessa jiruu miti. Itti dabalaniiti. Qajeela wangeela yoo ilaaltan, abbaa keenya kan je’utu jira. Abbaa keenya wayta jettu, badii raawwatte hundaaf gooftaa dhiifama gaafataa jirta. Kanaafuu akkamitti gara qeesii tokko dhaquun dhiifama akka naaf godhu isa gaafadha. Waan isaan naan je’an beeytuu?

Yoo gooftaa gaafachuu barbaadde gaafatuu ni dandeeysa, garuu gooftaan si dhagahaa jiraachuu isaa beekuu hin dandeeysu naan je’an. Walii gallee? Kanaafuu an rakkoo jabaatu na mudate. Wanta kanarratti rakkoo jabduu mudadhe. Waan bataskaanni barsiisuunis walii galuu hin dandeeye.

Dabalataanis rakkoo akkaan jabaa tokkos nin qaba. Sunis dhimma gooftaan nama tahe je’uudha. Waa’ee kanaa waan xiqqoo isinii ibsuu barbaada. Wayta umriin kiyya 11 tahu abbaan kiyya Masritti dalagaa argate. Dhaabbata Barclays (Baarkilas) kan kaayirotti argamutti hoogganaa ol aanaa tahee muudame. Magaalaa Kaayroo keesatti baankii Barclays bananii turan. Waggoota itti aanan kudhaniif, ayyaanni yoo jiraates achi dhaqa. Ingliziitti baruumsa baradha. Ayyaanaaf ammoo gara Masr deema.

Warroonni lixaa waan takka irratti nu amansiisanii jiran. Wanti isaan irratti nu amansiisan, gammachuufi qabeenyi wal qixa jecha jettu. Yoo gammadaa tahuu barbaadde, yoo jiruu gammachuu jiraachuu barbaadde, mallaqa si barbaachisa. Sababni isaa yoo mallaqa qabaatte, makiinaa gaarii bitatuu dandeeysa. Televzshiina gaarii qabaatuu dandeeysa. Fiilmota ni laalta, ayyaanaaf gara biyya biraa deemta, wantoota kanniin hunda ni bitatta nuun je’an. Jireenya kee gammachuudhaan dabarsuudhaaf wantoota kanniin hundatu si barbaachisa. Umrii keenya guutuu wantoota kanniin nuu himaa turan. Garuu dhugaan jirtu sanii miti. Ijji tiyyas dhimma kanaaf naa banamte.

Wayta gara mana baruumsaa deebi’ee deemu, gaafiile of gaafatuu jalqabe. Akkasumas dhugumatti manni baruumsaa na jibbisiisuu isaa ofumaan dubbachaa ture. Keessattuu mana baruumsa bultii hin jaalanne. Waan hundarraa maayiloota heddu fagaadhee, gadaamii (Monastry) Yorkshaayar keessa maaliif akka jirataa jiru beekuu hin dandeenye. Nama hundarraallee fagaadhee bakka kana jira. maaliif? Wanti kun hundi maaliif tahe je’aa of gaafadha.

Jireenya masrii ammoo haalaan jaaladhee ture. Wayta gara Ingiliiz deebi’u ammoo maaliif, maalif? Je’a. Bakka kanatti gaafilee garagaraa gaafatuu jalqabe. Kaayyoon jiraachuudhaa maali? Maaliif asitti argamne? Sababaa maaliitiif uumamne? Wanti kunniin hundi maal jechuudha? Jaalala jechuun maal jechuudha? Jiraachuun maaliifi? Taa’ee waan kana xiinxalluu jalqabe.

As gara mana baruumsaa wanti dhufeef, jabaadhee hojjachuun qabxii gaarii argachuudha. Yoo san gara Yunivarsiitii gaarii deemee, digrii gaarii argadha. Itti aansuun dalagaa gaarii argadhee, mallaqa heddu argachuu dandaha. kanaafuu wayta guddadhee fuudhee ilmaan argadhu, anis deebisee joollee tiyya garuma mana baruumsa qaalii kanaa erguu dandaha. isaanilleen jabaatanii hojjachuun, digrii gaarii argatanii, dalagaa gaaris qabatanii, wayta joollee argatan mallaqa gahaa joollee isaanii gara mana baruumsaa sanii ittiin ergan argachuu dandahu. Walii gallee? Wantin an yaade kanaa? Kaayyoon jireenyaa isa kanaa? Je’ee of gaafadhe. Lakki; kaayyoon jireenya  isa kana jechuu amanuu hin dandahu ofiin je’e.

Kanaafuu deebisaa gaafii kanaa barbaaduu jalqabe. Deebisaa barbaaduudhaaf ammoo bakkarraa bakkatti deemuu osoo hin taanee, Taa’eetuma Yaaduu jalqabe, qorachuu jalqabe, amantiiwwan kaawwanis ilaaluu jalqabe. Kaayyoon jireenyaa maal akka tahe amantiin hubannoo xiqqoollee taatuu naa kennu yoo jiraate je’ee barbaaduu eegale.

Wayta umriin kiyya 19 guutuu wanti jabaan wahii mudate. Wayta boqonnaaf gara masrii deemu san, waggaa kudhan keessatti nama tokko qofatu dhimma islaamummaarratti haasawa gaarii na waliin haasawe. An waa’ee amantii kaatoolikii irratti gaafiilee heddu qaba. Haa tahu malee namni tokko yoo kaatolikii irratti gaafii kaasee, amantii sanii gaachana tahuudhaaf hidhadhee ka’a. waardiyaa amantii sanii taha. Amantii sanitti dhugaan amanuu baadhus, yeroo wanti akkanaa mudatu, amantii san cinaa dhaabbadha. Kun waan walitti bu’aati. Sammuu kiyya keessaa gaafilee heddu qaba. Garuu wayta namichi masrii kun gaafii kaasu, maal beeka? jechuu jalqabe. An lammii Ingiliiziiti. Eega haasofni keenya daqiiqaa afurtamaaf godhameen booda, gaafiilee haalaan salphaa tahan muraasa na gaafate. Gaafileen kunniin haga arraatti sammuu kiyya keessa jiran.

Namni kun, ‘Iyyasuus Gooftaadha jettee amantaa?’ naan je’e. Anis eeyyan je’een. Itti aansuun, ‘Iyyasuus masqalarratti du’eera jettee amantaa?’ naan je’e. Anis eeyyan je’een. Kanaafuu Gooftaan du’eera jettee amanta kaa?’ naan je’e.

Wayta inni akkas naan je’u, waan Maayk Taaysan dhufee booksiin fuula keessa na dhahe natti fakkaate. Haalaan ajaa’iba natti tahe.  sababni isaa wanti an yeroo sanitti hubadhe, amantii duraan amanaa tureen gowwoomee ture jechuudha. Anis of keessatti, ‘gooftaan du’ee jira je’ee hin amanu ofiin je’e. Gooftaa ajjeesuu hin dandeeysu. Waggaa kana hunda keessatti waan wahii baradhee jira. Waan wahiitti akka amanu godhamee jira. Wantoota kanniin barsiifamaa ture, garuu yeroo hunda gammachuun natti hin dhagahamu. Garuu nama tokko qofatu dhufee, waan sammuu kiyya keessa deemaa ture hunda na keessaa baase. Jechoota salphaan rakkoo kiyya hunda naaf qulqulleesse. Laali yoo kana amante, yoo kanattis amante, sanittis amanuu qabda naan je’e. Wanti an hubadhe gooftaan du’uu isaatti amanuu dhabuu kooti. Garuu maal akka tahe beeytuu? Waan kana isatti himuu hin barbaadu. Waan kana isaa amanuu hin fedhu.

itti fufa…

 

5 1 vote
Article Rating
Subscribe
Notify of
1 Comment
Inline Feedbacks
View all comments
Farhiyaa Aadam
1 month ago

Maa shaa Allaah

1
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x