Balaa Makiinaa
Teknolojii addunyaan tun argattee irraa fayyadamaa jirtu keessaa tokko makiinaadha. Makiinaan ilma namaatiif faaydaa heddu qaba. Makiinaan jalqaba hojjatame kam akka ta’e beekuun heddu rakkisaadha. Namuu yaada garagaraa kenna. Gariin waan goommaa afur qabuu fi lafarra deemu hunda makiinaadha jedhanii waaman. Warri Makiinaan isa motora qabuu fi boba’aan socho’u jedhanii amananis ni jiru. Hundaafuu warraaqsa Indastrii Awrooppaa keessatti uumame hordofuun jaarraa 15ffaa irraa kaasee makiinaa hojjachuuf namoonni hedduun yaalii godhaniiru. Namni hedduun awtomobiliin duraa, tan dhugaa bara 1885tti nama lammii Jarmanii tahe, kan Karl Benz jedhamuun hojjatame jedhu. Barruu tanaan qabxiilee ajaa’ibaa Makiinaan wal qabatan isinii dhiheessina.
Daataan waggaa 13 dura bara 2010 walitti qabame akka mul’isutti, yeroo sanitti Makiinaa Biliyoona 1 caalutu dachii tanarra ture. Yeroo san irraa eegalee waggaa waggaan makiinaa Miliyoona 60 oltu oomishama. Kanaafuu bara 2010 hanga 2019tti makiinaan miliyoona 540 ol oomishamee ka duraan jirurratti ida’amee jira jechuudha. Biyyoota addunyaa keessaa Ameerikaan makiinaa miiliyana 300tti dhihaatu qabaachuun sadarkaa duraa irratti argamti. Chaaynaan ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamti.
Makiinaan haarawa oomishamee bahu avreejiidhaan fooliiwwan keemikaala garagaraa 50 ol qaba. Keemikaalonni kunniin ammo rakkina fayyaa garagaraatiif nama saaxiluu malu. Keessattuu namoonni makiinaa haarawa oofan dhukkuba bowwootiif akka saaxilaman barameera. Makiinaan qaama garagaraa heddu qaba. Osoo tilmaamaa jedhamtanii qaama meeqa qaba jettanii tilmaamtu? 100, 200, 1000? Makiinaan Jiddu galeessa jedhamu kan ammaan tana oomishamee bahaa jiru qaamman garagaraa 30,000 ol qaba. Makiinaan gurguddaan ammoo sanii ol qaba jechuudha.
Balaan makiinaa kan jalqabaa bara 1891 mudate. Balaan kunis biyya Ameerikaa magaalaa Ohaayoo keessatti kan mudate yoo tahu, shufeertichi makiinaa isaa osoo magaalaa keessa ari’utti jiru fireenni jalaa citee muka tokkotti buutee dhabbatte. Balaa kanaan makiinichi hedduu kan miidhame tahus, shofeertichi madaa xiqqoo malee hedduus hin miidhamne. Raashiyaa keessatti makiinaa xuraawe karaa irra oofuun dhoorkaadha. Yeroo gannaatti makiinaan hedduun bishaan xuraawaan itti faca’uu danda’a. Kun ammoo lakkoofsa taargaa dhoksuu mala. Sababa kanaaf namni makiinaa akkanaa magaalaa Mooskoo keessa oofu adabbiitu isa eeggata.
Biyyoota Lixaa keessatti kilaaksii makiinaa iyyisiisuun jibbamaadha. Kanneen seeraan dhoorkanis ni jiru. Iddoo rakkoon hamtuun nama mudatetti yoo ta’e malee xurumbaa namatti iyyisiisuun adabbiifis nama saaxila. Fakkeenyaaf Magaalaa Niwyork keessatti namoonni gocha kana raawwatan haga doolaara 350 adabamaa turan. Ingiliiz keessatti bakka makiinaan karaa walitti cufee wal hacuucetti yoo klaaksii makiinaa iyyisiistan, paawundii 1000 adabamtu.
Makiinaan tokko avreejjiidhaan umrii qaburraa parsantii 95 kan ta’u dhaabbatee dabarsa. Yeroon inni tajaajila kennu parsantii 5 qofa. Halkan guutuu dhaabbataa bula. Guyyaas bakka haajaatiin eega nama gahee booda, hanga itti deebi’anii kaasanitti numa dhaabbata. Makiinota akka taaksiifi makiinaa fe’aa gurguddaa kan biyyoota heddu keessa qaxxaamuru yoo tahe malee, makiinaan biroo yeroo dheeraa dhaabbachaa oola. Sababa balaa makiinaatiin wagga waggaan namoota heddutu dhuma. Fakkeenyaaf bara 2016tti namoonni miiliyana 1.35 ta’an sababa balaa makiinaatiin lubbuu isaanii dhabaniiru.
Qophii: Abu Ibtisaam