header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bishaan walitti hin makamne

Wanti harkaa qaban, sadarkaa guddaa qabaatus, sadarkaan isaa namatti hin mul’atu. Qur’aanni Kabajamaan Rabbi biraa nuuf buufame, silaa beeynee itti fayyadamnee waan sadarkaa guddaa irra nu geessu. Qur’aanni kitaaba addaati. Dhaamsa uumaan dachiifi samii ilma namaa hundaaf erge tahuu isaa waan irranfanne fakkaanna. Barruu tana keessatti, Ajaa’iba Qur’aana kanaa irraa waan tokko isiniif himna. Isatti dabruun dura garuu waa’ee qur’aanaa qabxii takkaa lama ibsuun barbaachisaadha. Qur’aana jechuun maal jechuu akka tahe hiika isaa beeytuu, Jechi Qur’aana jedhu hiika heddu qaba. Hiikkaa isaa keessaa inni tokko, waan dubbifamu jechuudha. Akkuma hundi keenya beeknu, aayaan jalqaba Ergamaa Rabbii (SAW) irratti buufames, Iqraa’ jedha. Qara’I jechuudha. Kanaafuu nuti muslimoonni silaa qur’aana keenya gad fageenyaan dubbisaa irraa fayyadamuu qabna. Garuu hedduun keenya Qur’aana kanarraa fagaannee jirra.


Hedduun keenya Qur’aana, ajrii qofa Rabbi biraa argachuuf jecha, lafzii isaa qara’utti jirra. Wanti kun jibbamaadha jechuu miti. Qur’aana qara’uun nurratti dirqama. Garuu hagam keenyatu hiika isaa beekee irraa fayyadamutti jira laata? Gad buunee, dhaamsa isaa kallattii gargaraatiin xiinxallinee hin ilaalle. Sababa kanaafis, wantootni hedduun nu jalaa dhokatanii jiru. Kanaaf eega Saayintistoonni warra lixaa, waan takka argatanii nuuf himanii booda, qur’aana keessatti arginee ajaa’iba nutti taha. ‘Dubbiin kun bar Qur’aana keessa ni jira’ jedhaa ittiin of dhaadna. Garuu waan san dalagatti mul’isuu irratti duubatti hafnee jirra. Waan nuti harkaa qabnu namni biroo nuuf himutti jira. Mu’jizaa Rabbiin Qur’aana keessatti jaarraa 14 dura nuuf hime, Saayintistoonni warra lixaa yoo har’a nuuf himan Ajaa’iba nutti taha. Dubbiin faallaa taate. Silaa nutu Ajaa’iba Qur’aanaa kana dursee isaaniif agarsiisuu qaba. Nuti Qur’aana irraa fagaannee, wanti harkaa qabnu yoo nutti himan nu ajaa’iba. Hundaafuu gara Qur’aanaa deebinee, xiinxallinee haa ilaallu jechaa, gara aayaalee ajaa’ibaa jalqaba kaaneefitti dabarra.


Aayatoonnni qur’aanaa kun, Suuraturrahmaan aayaa 19fi 20 irratti argama. Rabbiin (SW) akkana jedha:


مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ ١٩ بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٞ لَّا يَبۡØِيَانِ ٢٠


“Galaanota lamaan kan wal qunnaman godhee gad lakkise. Jidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makaman”


Nama xiinxallee ilaaleef aayaan kun dhaamsa ajaa’ibaa qaba. Woggoota muraasa dura, Dubbii tana Namni uggee dubbatu hin jiru. Waan kana beekuun beekumsa guddaa barbaada. Namni galaanaa fi garba irra deeme, danbaliin achirra jiru maal akka fakkaatu ni beeka. Danbalii humna jabaa qabu san keessatti bishaan sunniin walitti hin makaman jedhanii murteessuun ni ulfaata. Garuu Rabbiin keenya, kan waan hunda uume, waan uume waan beekuuf, dhugaa bishaan san keessa jiru nutti hime. Dubbiin tun ammoo Qur’aana keessatti waggaa 1400 dura ibsamuun isii daran ajaa’iba nama jechisiisa. Sababni isaa bara sanitti teeknolojiin ammayyaa waan kana ittiin qoratanii adda baafatuu danda’aniin hin jiru. Yeroo Sanitti Rabbiin keenya, Ergamaa Kabajamaa fi jaalatamaa irratti aayaa tannin buuse. Nutis haga ammaa qara’utti jirra. Garuu qorannoon bira gahuudhaaf murannoo dhabne. Mee waan warri lixaa qoratee bira gahe, cuunfinee haa ilaallu.
Lammii Faransaa kan ta’e Jaakuu Kostoo Qorataa bishaaniiti. Dhimma kanarraa qoratee waan arge akkanatti dubbata;


‘qaamman bishaanii walitti dhangala’an lama walitti hin makaman dubbii jettu dhageenyaan qorachuu jalqabne. Qaamman bishaanii garagaraa eega qoranneen booda, galaana Meeditraaniyaanii, albuudni isa keessa jiru kan addaa ta’uu hubanne. Hammi sooqiddaa isa keessa jirus murtaawaa ta’uu beekne. Akkasumas jireenya lubbu qabeeyyiitiif mijaawaadha. Itti aansuun yeroo bishaan garba Atlaantik qorannu garuu waan addaa argine. Hammi sooqiddaa fi rukkunni (density) isaa kan Meeditraaniyaanii irraa garaagarummaa qaba.

Bishaan kunniin lamaan bakka Jibrilaataraal jedhamutti wal tuqanis walitti makamuu dhabuun isaanii ajaa’iba nutti ta’e. bakka wal tuqan kanatti hammi sooqiddaa fi rukkinni isaanii walitti dhihaatus, Abadan wal tuquu dhabuun isaanii ajaa’iba guddaadha. Haalli kun qaamman bishaanii biraa irrattis mul’atee jira. Argama bara 1962tti qorataa biyya Jarmaniitiin argameen, galaanni diimaa fi Bishaan Eedan bakka baabalMandabitti waltuqanis, walitti akka hin makamne, beekuun danda’amee jira. Bishaan kunniin lamaan amala garaagaraa qabaachuu isaaniitiin, wanti jidduu isaanii dhaabbatee isaan dhoorku ni jira’ jedhe.


Saayinsiin ammayyaa qorannoo garagaraa godhee, garaagarummaa bishaan lamaan jidduu jiru, meeshaa teeknolojii ammayyaatiin fayyadamee bira gahe. Rabbiin keenya garuu waggaa 1400 dura, qoma Nabi Muhammad irratti (SAW)


مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ ١٩ بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٞ لَّا يَبۡØِيَانِ ٢٠


“Galaanota lamaan kan wal qunnaman godhee gad lakkise. Jidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makaman”Jedhee buuse.


Aayaa dabalataa takka haa ilaallu. Suuratul Furqaan aayaa 53 irratti Rabbiin akkana jedhe:
۞وَهُوَ ٱلَّذِي مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ هَٰذَا عَذۡبٞ فُرَاتٞ وَهَٰذَا مِلۡحٌ أُجَاجٞ وَجَعَلَ بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٗا وَحِجۡرٗا مَّحۡجُورٗا ٥٣
“Inni (Rabbiin) Isa galaana lama, tokko Mi’aayaa dhugaatiif mijaawu, kaan immoo kan suuqiddaan makamaa ta’e, wal maddii gad dhiise, jidduu isaan lamaaniittis dawoo fi daangaa daangeeffamaa taasise”Jedhe.
Albuudotni bishaan keessa jiran garaagarummaa qabaachuu isaaniitiin Rabbiin keenya akka walitti hin makamne isaan godhe. Durumaanuu Albuuda garagraa qabaatanii akka uumaman kan taasises isuma. Dhugaan kun waggaa 1400 dura Qur’aana keessatti nuuf ibsamee jra. Nuti garuu dubbisneetuma bira dabbarra.


Walumaa galatti Qur’aanni kun Rabbi biraa ta’uu isaatiif, akkasumas Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii ta’uu isaaniitiif aayatoota akkanaa arguun keenya ragaa nuuf baha. Namni gammoojjii bishaan keessatti hin argamne keessatti dhalatee guddate, waa’ee galaana Sooqiddaatii fi mi’aawaa matama isaa irraa kaasee dubbata jedhanii amanuun ni ulfaata. Akkasumas qaamman bishaanii danbalii garagaraatiin walitti darbamu ijaan argaa, walitti hin makaman jedhee dubbatuus hin danda’u. Namni akkas jedhu dirqamatti gargaarsa qaama humna jabaa qabuu isa barbaachisa. Innis Allaah, Uumaa Samii fi Dachii, akkasumas uumaa uumama dachii fi samii keessaa fi jidduu jiruuti.


Qophii Abu Ibtisam

Back to top button