Haqa Haadhaa fii Abbaa

Rabbiin keenya Rahmata isaatiin gara dachii tanaa akka dhufnu nu godhe. Gara dachii tanaa fedhii teenyaan hin dhufne. Fedhii Rabbiitiin namoota lama irraa argamne. Haadhaa fi abbaa teenyatu sababaa ta’ee gara dachii tanaa nu fide. Abbaan keenya dubartiin tun ilmaan tiyyaaf taati jedhee filatee fuudhe. Kana booda haati teenya ji’a sagaliif garatti nu baadhattee gara dachii tanaa ciniinsuu jabaa booda keessumma gootee nu fidde. Abbaan keenyas waan nuti sooratuu qabnu qotee, lafa duguugee, haga humna isaatiin hojjatee gara manaa fida. Haati teenyas waan abbaan keenya itti kenne qusataa, ofii qooqa bultee nu sooraa nu guddiste. Jiruu teenya keessatti guyyuma takkallee nu hifattee hin beektu. Abbaan keenyas waan nu barbaachisu nuuf guutuu irraa takkaa of duuba hin jenne. Nama qalbii qabuuf Haadhaa fi abbaa jechuun maal akka ta’e himuun barbaachisaa miti.

Islaamummaan Sadarkaa haadhaa fi abbaa akkaan ol fuudhee jira. Sadarkaa tana Amantii fi filoosoofii kamuu keessatti argacchuun waan yaadamuu miti. Rabbi Qur’aana keessatti Aayatoota heddu keessatti isa gabbaruu erga ibseen booda qajeelatti itti aansee ammoo Haadhaa fi abbaa keenyaaf tola akka oollu nu ajaje. Fakkeenyaaf Suuratul Nisaa’a Aayaa 36 irratti akkana jedha:

وَٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا۟ بِهِۦ شَيْـًۭٔا ۖ وَبِٱلْوَٰلِدَيْنِ إِحْسَـٰنًۭا

“Rabbiin gabbaraa, Waan takka itti hin shariikoomsinaa; Haadhaa fi abbaa keessaniif tola oolaa” jedha.

Kanaafuu muslimni dhugaa namoota dachii tanarra jiran cufa caala Haadhaa fi abbaa ofii haala ajaa’ibaatiin ofitti dhiheessee kunuunsuu qaba. Qur’aanni Rabbii sadarkaan maatiin keenya nu biratti qabaachuu qabu maal akka tahuu qabu bifa ajaa’ibaatiin lafa kaayee jira. Gama biraatiin ammas Rabbiin keenya Qur’aana keessatti akkana jedha.

وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّآ إِيَّاهُ وَبِٱلْوَٰلِدَيْنِ إِحْسَـٰنًا ۚ إِمَّا يَبْلُغَنَّ عِندَكَ ٱلْكِبَرَ أَحَدُهُمَآ أَوْ كِلَاهُمَا فَلَا تَقُل لَّهُمَآ أُفٍّۢ وَلَا تَنْهَرْهُمَا وَقُل لَّهُمَا قَوْلًۭا كَرِيمًۭا ٢٣

“Gooftaan keessan isa malee kan biraa akka hin gabbarre isin ajaje, akkasumas Haadhaa fi abbaa keessaniif tola oolaa. Isaan keessaa tokko ykn lachuu yoo umrii dullummaa irra gahan, dubbii fokkataa itti hin dubbatina, ofirraallee hin dhiibinaa, garuu haala kabajaatiin isaan kunuunsaa. Akkasumas isaaniif tola ooluu keessaan, kooluu keessan diriirsaafii, ‘ Yaa Rabbii kiyya! akka isaan ijoollummaa kiyyaan na kunuunsanitti, Rahmata isaaniif godhi jedhaa.”

Ajajni kun ajaja ajaa’ibaati. Rabbi jalqabarratti isa malee qaama biraa akka hin gabbarre nu ajaje. Kuni sababaa ilmi namaa dachii tanarratti uumameef keessaa isa jalqabaati. Kanatti aansuun wanti ajajamne Haadhaa fi abbaa keenyaa tola ooluu akka qabnuudha. Kunis Sadarkaan Abbaa fi Haati keenya qaban daran guddaa akka ta’e nu agarsiisa.  Isaaniif tola ooluu, isaan kunuunsuu, akkaataa barbaadaniin isaan gargaaruun dirqama akka ta’e nuu ibsa. Isaan kunuunsuu bira dabree, osoo rakkoo fedhe keessas jiraannee haasawa fokkataa akka itti hin dubbanne nu dhoorke. Isaan kabajuu, jaalachuu akkasumas ajajamuufii qabna. Ijoollummaa keenyatti tola heddu nuuf oolanii jiran. Yeroo nuti laafaa fi xiqqaa turretti nu kunuunsanii nu guddisanii bakka namaatiin nu gahanii jiran. Amma nuti isaan kunuunsinee galata isaanii san galchuu hin dandeenyu. Kanaafuu qaama isaaniif tola ooluu danda’u isaaniif kadhachuu qabna. Akka Rabbiin keenya rahmata isaaniif godhee jannata isaa keessa qubsiisu du’aa’ii godhuu qabna.

Qur’aanaa keessaa aayatoota heddu Haadhaa fi abbaa keenyaa akka tola ooluu qabnu kan nu barsiisan argachuu ni dandeenya. Mee amma ammoo gama Hadiisa Nabi (SAW) gorree qabxii takkaa lama haa ilaallu.

Abdallaa ibn Mas’uud (RA) akkan jedhe: “Dalagaan Rabbi biratti akkaan jaalatamu kami? Jedhee Rasuula (SAW) gaafadhe. Isaanillee “Salaata sa’aatii isaatiin salaatamu” jedhanii naa deebisan. Anis itti aansee hoo? Jedhee gaafadhe. Isaanillee ‘Haadhaa fi abbaa ofii kabajuu fi Kunuunsuudha’ naan jedhan. Itti aansee hoo? Jedhe ammas. Isaanillee ‘Jihaada karaa Rabbii irratti godhamu naan jedhan” Bukaarii fi Musliimtu gabaase.

Rasuulli (SAW) Haadhaa fi abbaa keenyaa tola ooluu ibaadaawwan jannata nama galchan jajjabaa lama jidduutti ibsan. Salaatni silaa ibaadaa jabaa Rabbii keenyaaf goonu keessaa isa ijoodha. Jihaada godhunii s akkasuma dalagaa jannata Rabbii qajeela nama galchu keessaa isa tokko. Dalagaawwan jajjabaa akkanaa lama jidduu garuu Haadhaa fi abbaa keenya tola oolutu argama.  Yaa obboleewwan aakhiraa; Haadhaa fi abbaa keenyaa tola ooluun hagam faaydaa akka qabu xiyyeeffadhaa ilaalaa.

Mee seenaa Ajaa’ibaa takka, waa’ee Jureeyji haa laallu. Seenaa kana Rasuula Rabbiitu (SAW) haala ajaa’ibaatiin sahaabota isaaniitti himan. “Gaaf tokko Haati Jureeyj yeroo inni salaataa jirutti waamte. Jureeyjis qalbii isaa keessatti ‘ Yaa Rabbi Haadha tiyya moo? Salaata kiyya naa wayya?’ jedhaa of gaafate. Innis salaata ofii filatee itti fufe. Haati isaa ammas yeroo lammataa deebitee waamte. Jureeyj salaatuma ofii itti fufe. Itti aansitee yeroo sadaffaatiif yaamte. Deebii isarraa  dhabnaan, gara Rabbii ofii garagaltee du’aa’ii goote. Dubartii sagaagltuu taate haga argutti hin ajjeesin jettee kadhatte.

Ganda isaanii san keessa Sagaaagltuu takkatu jira. Isiinis tiksee tokko wajji zinaa gootee ulfooyte. Akka isiin ulfooyte hubannaan tiksichi akkana jedhee: ‘yoo abbaa daa’ima kanaa si gaafatan, kan Jureeyjiiti jedhi’ jedheen. Isiinis akkuma gaafatamteen daa’imni kan Jureeyjiiti jettee himte. Yeroo kanatti ummanni dallanee mana inni Rabbii isaa itti gabbaru diiguuf deeman. Mana isaatis daaraa godhan. Bulchaan gandichaa murtiidhaaf Jureeyjiin gara eddoo namni walitti qabamuu geesse. Bakka kanatti Jureeyji waan haati isaa isaan jette yaadatee seeqate. Adabamuun dura Raka’aa lama salaatuudhaaf hayyama gaafate. Erga salaateen booda gara daa’imaa dhaquudhaan gurra isaatti gad jedhee ‘Abbaan kee eenyu?’ jedhee gaafate. Daa’imnis ‘tiksicha ebalu jedhamu’ jedhee deebise. Ummanni bakka sanittti walitti qabame ‘Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar!’ jedhe. Gara jureeyji gara galanii mana kee Meetii fi dahabaan sii ijaarra jedhaniin. Innis “Lakkaa akkasii miti, akkuma duraa san mukaa fi dhoqqeen ijaaraa’ jedheen.

Seenaa kanarratti hundaa’anii Rasuulli (SAW) akkana jedhan: ‘ Jureeyji osoo silaa beekumsa jabaa qabaatee, Salaata ofii itti fufuu irra haadha isaatii deebii kennuun akka caalu ni hubata ture.’ Kanarratti hundaa’uudhaan hayyoonni salaatni salaataa jirru sunnaa yoo taate, salaatarra Haadhaa fi abbaa keenyaaf deebii kennuu akka qabnu ibsanii jiran.

Seenaa kanarraa barumsa jabduu takka fudhatuu qabna. Haga fedhe nama ibaadaa godhu osoo taane, ibaadaan teenya fudhatama argachuu kan dandeettu dursa maatii keenyaa yoo kennine akka taate nu agrsiisa.

Gama biraatiin Abbaa fi Haati teenya osoo hordoftoota amantii biraatuu ta’anii, isaaniif tola ooluu qabna. Rasuulli keenya (SAW) rasuula rahmataati. Rahmatni isaaniitis musliimaaf qofa osoo hin taane ilma namaa cufaafi. Kanaaf haadhaa fi Abbaan keenya osoo hordoftoota amantii biraatis ta’anii kunuunsa akka isaaniif goonu nu ajajan. Muslimni dhugaa kan haalaa fi amalli isaa qur’aanaa fi hadiisa Rasuulaatiin bocame, Haadhaa fi Abbaa isaa kan amantii biraatiifis kabaja guddaa qabaata.

Inni biraa haadhaa fi Abbaa keenya dallansiisuu dhabuudha. Haadhaa fi Abbaa ofiitiif ajajamuu dhabuun badii guddaa dha. Haga isaan islaamummaa kee irratti dhiibbaa sitti hin fiinnetti, haga isaan Rabbi gabbaruu irratti si hin dhiibinitti isaaniif ajajamuu fi isaan dallansiisuu dhabuun dalagaa kee ta’uu qaba. AbuBakrah Nufayl ibn al Haris akkana jedhe “ Rasuulli (SAW) yeroo sadi, Haraama ykn Dilii guddaa isinitti himuu nuun jedhan. Nutis ‘Ee’ yaa Rasuulallaah jenneen. Isaanis Rabbi biratti shariika godhanii gabbaruu fi Maatii ofiitii ajajamuu dhabuu dha jedhan. Yaa obboleessa yaa obboleetti nuti eessa jirra laata. Guyyaa meeqa maatii keenyaa ajajamuu dhabnee badii hojjannee jirra laata? Of haa gaafannu.

Abbaa fi Haati keenya nurraa kunuunsa akka barbaadan dubbataa turree jirra. Isaan lachuu nurraa gargaarsa guddaa barbaadan. Garuu isaan lamaan keessaa wal caalchisuun barbaachisaa yoo taate Rasuulli (SAW) haadha teenya caalchisuu akka qabnu nu barsiisanii jiran. Alhamdulillaahi namni haadha ofii hin jaalanne dachii tanarra ni jira jechuun ulfaataa dha. Namni hundi haadha isaa akkaan jaalata. Yeroo heddu rakkoon haadha dhiibuudhaa erga wal fuudhaniin booda dhufti. Namni haadha warraa ofiitiif jecha haadha ofii dhiibe, rakkoo guddaa keessa jira. Namoota nutti dhihaatan keessaa kan kunuunsa keenya sadarkaa tokkoffaa irratti argatuu qabu haadha teenya. Isitti aanee abbaatu dhufa.

Gama biraatiinis hiriyyoota Haadhaa fi abbaa keenyaatis kunuunsuu qabna. Jaalalti, kabajaan akkasumas amanamummaa ilmi tokko haadhaa fi abbaa isaatii godhu keessaa inni guddaan hiriyyoota isaanii jaalatuudha. Jaalalti tun bara Abbaa fi Haati keenya lubbuun jiranis ta’e yeroo isaan du’anitti itti fufuu qaba. Walitti dhufeenya duraan ture san osoo hin diigin jabaatee akka itti fufu gochuu qaba.

Musliimni dhugaa kabajaa fi jaalala haadhaa fi abbaa isaatiif qabu gochaan agarsiisuu qaba. Yeroo isaan gara manaa seenan lafaa ol ka’ee fuula ifaan simatee, dhungatee dubbii bareedduu itti dubbatee, osoo ofii isaatii gad hin taa’in isaan teessisuu qaba. Kun kabajaa ajaa’ibaa ta jalqabaati. Kana booda waan isaan cinqaa fi isaan dararaa ful dura isaaniitii qulqulleessuudha. Waan isaan barbaadan gaafannee fedhinnaa isaanii guutuu dha.

Gama biraatiin osoo abbaa fi haati keenya karaa islaamummaa irraa maqanii isaan gorsinee karatti deebisuu qabna. Yeroo gorsinu kana garuu of eeggannoo jabaa gochuun barbaachisaadha. Sagalee keenya ol kaasuu hin qabnu. Loluunis hin barbaachisu. Isaan qeequu hin qabnu. Gorsa bareedaa, loojikiidhaan fayyadamnee suuta sossobnee karatti deebifachuu qabna.

Harraan tana dhiibbaan warra lixaa sammuu ilma namaa cufa faalutti jira. Hedduun ilma namaa haadhaa fi abbaa isaatii cinqamuu dhiisee ilmaanii fi haadha warraa isaatii bakka kennutti jira. Inumaa isaan mallaqaan gargaaruu miti ziyaaraanuu nutti ulfaataa jira. Islaamummaa keessatti firummaa jabeessuun dirqama. Wal ziyaaruunsi waan ajrii guddaa qabu keessaa isa tokko. Osoo itti tolee haati teenya osoo nuti guyyuu bira oollee ni jaalatti. Guyyuma takkaafuu nu hin hifattu. Kanaafuu nutis irra deddeebidhaan dhaqnee ziyaaruu qabna.

Namni biyya garagaraa jiru qaamaan walitti dhufuudhaaf hedduu rakkata. Bakka kanatti garuu carraa jiru hundatti fayyadamuudhaan Haadhaa fi abbaa keenya waliin wal arguu qabna. Itti dhihaannee rakkoo isaan qaban gaafannee isaan jajjabeessuu qabna. Adaduma salaataaf fuul duree Rabbii dhaabbannutti isaaniif du’aa’ii godhuu qabna.

Salaata keenya akka ajaa’ibaa salaataa, zakaas kennataa, ilmaanii fi haadha warraa teenyaa tola oolaa, islaamummaa akka gaaritti khaddamaa, yoo haadhaa fi Abbaa keenyaa tola hin oollee dalagaan teenya cufti isii rakkoo keessa seenuu dandeetti. Akkuma tana dura dubbanne musliimni dhugaan gama hundaan madaallii eeggatee socho’uu qaba. Namoota isarraa gargaarsa barbaadan hundaaf akkaataa barbaadaniin isaaniif kunuunsa gochuu qaba.

Mee ammuma haa sochoonu. Yoo ammaan tana isaan bira jirra ta’e fuula itti haa tollu. Itti haa seeqannu. Itti dhihaannee haa dhungannu. Bira teenyee haa haasofsiifnu. Waan isaan nurraa barbaadan haa gaafannuu. Nurraa fagoo jiran yoo ta’e bilbila keenya ol kaafnee itti haa bilbillu. Sagalee keenya bareechifnee nagaha isaan haa gaafannu. Dubbii babbareeda itti dubbannee haa gammachiifnu. Nutti xiqqoo fakkaatti malee isaaniif waan guddaadha.

Kanaaf yaa obboleewwan aakhiraa kunuunsa haadhaa fi abbaa keenyaaf goonu akka salphaatti ilaaluu hin qabnu. Salaatuun qofti jannata nu hin seensiftu. Osoo ibaadaa hunda isiituu haala gaariin hojjannee Rahmata Rabbiitiini malee dalagaa teenyaan jannata Rabbii argachuu hin hin dandeennu. Rahmata Rabbii argachuuf ammoo nuti harraan tana dachii tanarratti nama walii Rahmata qabu tahuu qabna. Keessatti Haadha teenya ta osoo nu wajji dhukkubsattu bakka tanaan nu geette haa yaadannu.

Qophii: Abu Ibtisaam

Comments
Loading...