header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Daa’ima Bosonaa

Tafakkur: Galago

Uumamni kun ardii afriikaa keessatti argama. Sanyiiwwan hoosiftootaa dachii tanarra jiran keessaallee, uumama akkaan xiqqaadha. Hedduminaan biyyoota Afriikaa gama kibbaa jiran keessatti argama. Maqaan uumama kanaa Galago yoo ta’u, maqaa biraa bush baby jedhamuunis ni waamama. hiikaan isaatis daa’ima Bosonaa jechuudha. Galagon uumama bosona keessa jiraatuudha. Uumamni kun sanyiiwwan gurguddaa 3 qaba. Akkasumas sanyiiwwan kunniin sadan, sanyiiwwan xixiqqaa saddeetitti adda qoodamu. Hunduu naannawa jiraatanii fi guddina qaama isaaniirratti hundahuun garaagarummaa qabu. Galagon uumama rakkoo malee bosona keessa jiraatu keessaa isa tokko. Lakkoofsi isaa kan daggalaatis haalaan hedduudha

 

guddinni qaama galagoo garaagarummaa qaba. Sanyiin irra xiqqaan seenitmeetira 25 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaan ammoo seentimeetira 40 dheerata. Dheerinni eegee uumama kanaa dheerinna qaamaatiin walitti dhihaata. Galagon gabaabaan eegee seemtmeetira 22 dheeratu kan qabu yoo ta’u, inni dheeraan ammoo eegee seentimeetira 33 dheeratu qaba. Ulfaatinni qaamaatis akkasuma garaagarummaa qaba. sanyiin haalaan xiqqaan graama 907 ulfaata. Inni guddaa jedhamu ammoo kilograama tokko ulfaata. Gogaan Galago rifeensa haalaan tuuchaa ta’een uwwifamaadha. Bifti rifeensa isaa ammoo naannawa jiraaturratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Uumamni gariin bifa daalacha kan qabu yoo ta’u, gariin ammoo bifa magaala qaba.

 

Wantoota galagon ittiin beekamu keessaa inni tokko ija isaati. Ijji galago haalaan guddaadha. Guddina qofa osoo hin taane yeroo halkanii waa arguurrattis jabaadha. Gurri isaatis akkuma ija isaa gurguddaadha. Gurri isaa gama keessaatiin sarara afur qaba. Sararoonni afran kunniin faaydaa guddaa qabu. Galagoon sararoota sanniinitti garagaaramuun gurra isaa akka barbaadetti gad cabsaa adda bana. Badhaasni addaa kun ammoo sagaleewwan dambalii xixiqqaa qaban akka dhagahuu danda’u isa gargaara. Dabalataanis gurra isaa gara barbaadetti naannessaa sagalee hunda dhagahuu danda’a.

 

Hoosiftoota keessaa uumama haalaan xiqqaa jedhamu kanarra ammas qaamota ajaa’ibaa kan biraatu jira. Qubbeen isaa haalaan xixiqqaa ta’anis fiixeesaaniirraa watoota geengoo akka diiskii jiran qaba. Kunis wayta muka koru rakkoon malee itti maxxanee akka qabatu isa gargaara.

Arrabni uumama kanaatis kan ajaa’ibaati. Rabbi uumama kana arraba lama badhaase. Arrabni isaa kan lammata arrabaa isaa kan waa ittiin dhandhamuu fi liqumsuu danda’u jalatti kan argamu yoo ta’u, dalagaan isaa kan addaati. Inni gubbaan jiru waa dhandhamuuf tajaajila. Kan jalaa ammoo ilkaan isaa akka filaa wal qixxaayee tarreeffame waliin rifeensa galago qulqulleessuu fi filuudhaaf gargaara.

 

Galagon dandeettii biraatis ni qaba. Sunis uumama haalaan utaalcha danda’u ta’uu isaati. uumamni xiqqaan kun haga nuti utaaluu dandeenyu caala utaala. Yeroo takkaan lafaa ol meetira 2 ol utaaluu danda’a. bineensi xiqqaan kun rakkoo takka malee mataa namaa gubbaan utaaluu danda’a jechuudha. utaalcha kanaaf kotteen isaa kan duubaa faaydaa guddaa qaba. Akka plaastikaatti kan harkifamu yoo ta’u, galagonis isa akka Springiitti fayyadamuun meetira lamaa ol utaaluu danda’a. Amalli galagon ittiin beekkamu kan biraa ammoo booyicha isaati. Galagon booyicha akka daa’imman ilma namaa booyaniitti booya. Sababa kanaafis maqaa bush baby jedhu itti moggaasan.

 

Galagon uumama gamtaan jiraatuudha. Qubsumni tokkos kormaa tokko, dhaltuu takka ykn lamaa fi ilmoolee of keessaa qaba. Kanaafuu galagon akkuma jaarsaa fi jaartii wal fuudhee jiraata jechuu dandeenya. Kormaan garee san keessa jiru dhaltuuwwan lamaanuu waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu danda’a. kan biraa alaa dhufee wal qunnamtii raawwatuu hin danda’u.

 

Haadhoon galago guyyaa 130f ykn ammoo ji’a afuriif rimaya eega qabatteen booda, ilmoolee lamaa hanga sadihii dhalti. Ilmooleen dhalatan kunniin guyyaa jalqabaa waan ijaan hin argineef haadha biraa socho’uu hin danda’an. Achuma gargaarsa haadhaatiin turu. Haga gaafa ija banatanii socho’uu jalqabnitti, haati ilmoolee isii hunda afaanitti qabattee oliifi gadiin deemti. Haga waggaa guutanittis gargaarsuma haadhaatiin turan. Ilmooleen Galago guddatanii ilmoo dhaluudhaaf waggaa lama guutuu qabu. Wayta kana qubsuma isaanii tolfatuun garee maatii isaanii dhiisanii bahu. Fedha Rabbiitiin galagon haga wggaa 18 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button