header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

ilbiisa guyyaa tokko qofa jiraatee du’u

Tana Quba Qabduu?

Rabbi waan dachiirra jiru cufa yeroo murtaawaaf uume. Hunduu gaafa baallamni isaa gahe du’ee dachiirraa dhabama. Ilmi namaa avreejiidhaan haga waggaa 60 jiraata. Uumamni dhagaa fakkaatu kan Ocean Quahogs (Clams) jedhamuudhaan beekkamu ammoo, wagga 400 ol jiraata. Biyya teenya keessatti Harraagessi umrii dheeraa jiraata jedhamee amanama. Kanaaf yeroo heddu umrii Harraagessaa siif haa kennu jedhanii du’aa’ii waliif godhan. Garuu dubbiin tun dogongora. Harraagessi Waggaa 10-15 qofa jiraata. Yeroo tokko tokko harragessi paarkii keessatti eeggumsiifi kunuunsi guddaan godhamuuf hanga wagga 30 jiraachuu danda’a. haa ta’u malee uumamni guyyaa takka caala lubbuun turuu hin dandeenye akka jiru quba qabduu?

 

Mayfly jedhama. Sanyii ilbiisaati. Ilbiisa bishaan irra jiraatuudha. Umrii isaa hedduminaan sadarkaa hanqaaquu fi jiisaa irratti dabarsa. Gaafa marsaa jireenya isaa fixee ilbiisa ta’u, duuti isaa gahee jira jechuudha. Yeroo kana akka uumamaalee biraa soorata barbaaduuf ykn ammoo dhimma biraatiif olii gad hin fiigu. Osoo barbaadeellee sooratuu hin danda’u. Akkuma ilbiisa ta’een wal hormaatatti seena. Dhaltuun takka kormaa tokko waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwannaan kormaan biraa akka isii hin tuqne kaatee baqatti. Kormaan ammoo akkuma wal qunnamtii wal hormaataa raawwateen du’a. Dhaltuun sunis bishaan irratti hanqaaquu eega buuftee booda duuti. Wanti kun guyyaa tokko keessatti raawwatama. Uumamni kun har’uma jiisaa irraa gara ilbiisaa jijjiiramee, har’uma wal qunnamtii wal hormaataa raawwatee har’uma du’a.

 

wanti makiinaa irraa mul’atu kun guutuun hoomaa ilbiisa kanaati.

Ilbiisni kun akkaan wal hora. Dhaltuun takka yeroo tokkoon hanqaaquu hanga 4000 hanqaaqxi. Heddumina isaanii irraa yeroo garii akka weerara awwaannisaatti magaalaa weeraruu danda’an. Garuu miidhaa tokkos hin qaban. Carraan lubbuun turuuf qaban sa’aa 24 qofa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button