header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOg-Barruu

Dhibee Monkeypox

Monkeypox dhukkuba darbee darbee muldhatu kan Vaayirasii ‘Monkeypox virus’ jedhamuun dhufu dha. Monkeypox virus-n gartuu vaayirasii keessaa isa tokko. Vaayirasiin jarmii dhukkuba fidu kan garmalee xiqqoo ta’eefi ijaan hin muldhanne, of baay’isuuuf ykn baay’achuufis seelii biraa (kan beeyladaa, bineensaa biraa ykn namaa) barbaadu dha. Vaayirasiin kun bineensota/beeyladoota irraa gara nama daddarba. San booda nama vaayirasichaan qabame irraa kara garagaratiin gara nama biraatti daddarbuu danda’a.

Dhukkubni Monkeypox kun jalqaba bara 1958 jaldeeyyii qo’annoof laaboraatorii biyya ‘Denmark’, magaalaa ‘Copenhagen’ keessatti argamutti jaldeeyyii isaan qo’annoof wolitti qaban kana bifa weeraratiin hubuun argame. Maqaa isaa Monkeypox jedhus kanuma irraa argate.

 

Akka ragaleen hedduun addeessanitti nama irratti ammoo yeroo jalqabaaf bara 1970 biyya Democratic Republic of Congo (DRC) keessatti muldhachuun isaa galmaayee jira. San booda biyyoota jiddugalaaf lixa Afrikaa jiran hedduu keessatti bifa weeraratiifi dhabbidhaan darbee darbee muldhateera.

 

Guyyoota muraasa darban kana (guyyaa kudhanii as) dhukkubni Monkeypox kun biyyoota guddatan kudha lama ( Australia, Belgium, Canada, Portugal, German, France, USA, UK, Spain, Italy, Sweden, fi Netherlands) irratti yoo xiqqaate namoota 92 qorannoodhaan dhukkubichi irratti argamuun isaa mirkanaayee jira. Kun ammoo biyyoota kanaafi Dhaabbata Fayyaa Adunyaa (WHO) yaaddoo keessa akka galchaa jiru argaa jirra.

 

Qophii Dr Nuredin Luke

Back to top button