Qilleensi isa malee jiraachuun hin danda’amne kun eessarraa dhufa?

Yeroo namni heddu viidiyoo faaydaa hin qabne daawwataa jiru kanatti, ati ammoo warra waa dubbisuu jalaturraa taatee barruu tana dubbisuu jalqabuu keetiif gammadi. Yeroo ammaa kana namni waa dubbisu haalaan xiqqaatee jira. Ati warra waa dubbisu tahuu keetiif gammadi. Rabbiif galata galchi. Barruu tana keessatti waan barumsa guddaa qabu heddutu jira. Xiyyeeffannaa guutuun baaruu tana hanga xumuraa dubbisi.

Hawaan kun uumama hedduun guutamee jira. Dhagaafi mukni, bineensaafi bineeldi, ilbiisonniifi bineensonni gurguddoon, walumaa galatti uumamaaleen dachii tanarra fi dachiin tanaan ala jiran hundi wantoota dandeettii Rabbii guddaa ifatti mul’isaniidha. Uumamni kun bakka 2tti qoodama. Uumama lubbuu qabuufi lubbu dhabeeyyiidha. Uumamni lubbuu qabu hundi qilleensatti haajama. Qilleensi kun maaluma? Maaliif waan uumama lubbuu qabu hundaaf barbaachisu tahe? Qilleensi yoo ijaan laalan hin mul’anne, ka yoo harkaan qaban hin qabamne, ka yoo humna jabeeffatee dhufu waan isa dura jiru hunda haxaayee dhabamsiisu kun, maaluma uumamni akkanaa kun? Qilleensa kana osoo hin harganin daqiiqaa tokkoof turuu hin dandeenyu? Maaluma faaydaan qilleensa kanaa? Gaafii kana of gaafattanii beeytuu? Barruu tana keessatti keessatti waahee qilleensaa qabxiilee muraasa isinii dhiheessuuf deemna, turtiin keesan na wajji haa tahu.

Yeroo ammaa kana qilleensa harganutti jirra. Garuu hargansuu irra jiraachuu keenyaa quba hin qabnu. Qilleensa harganuun karoora jireenyaa keessa hin jiru. Garuu isa malee jiruun hin jirtu. Mee daqiiqaa 1 keessatti yeroo meeqa harganna laata? Daa’imman haaraya dhalatan, daqiiqaa 1 keessatti yeroo 30 haga 60 harganu. Da’imman harma gu’an ammoo daqiiqaa 1 keessatti yeroo 20- 30 harganu. Ijoolleefii dargaggeeyyin daqiiqaa tokko keessatti yeroo 12 – 20 harganu. Kana jechuun namni tokko Avreejjiidhaan guyyaa 1 keessatti yeroo 17,000 – 30,000 hargana. Haala kanaan namni tokko Woggaa tokko keessatti yeroo Miiliyena 6-11 hargana jechuudha. Baay’inni namoota addunyaa tanarra jiranii biiliyoona 7.5 ni caala. Qilleensa nama kana hundaaf barbaachisuuf mootummaan bajata baasu hin jiru. Dalagaan kun humna nama barateetiifi teknoolojii hammayyaatis hin barbaadu. Rabbiin guddaan Abbaan Rahmataa, Rahmata isaanii ummata addunyaa tanarra jiruufi lubbu qabeeyyii hundaaf qilleensa gaarii kana arjoomee jiraachisaa jira.

Qilleensi kun Oksijiinii jedhama. Garuu hagam keenyatu waa’ee qilleensa kanaa haalaan tafakkuree jira laata? Osoo silaa ilmi namaa akkuma lafa dhuunfatee nama irraa ari’u kanatti qilleensallee kan toohatuutii; ilmi namaa hanqina qilleensaatiin dachii irraa dhumuun waan hin oolamne. Qilleensa ajaa’ibaa kana hoo eessaa akka argannu beektuu laata?

Qilleensa heddu hawaa kana keessa jiru keessaa oksijiiniin dhibbeentaa 21 ni ta’a. Kan hafe gaasiiwwan birooti. In shaa Allaah waa’ee gaasiiwwan biroo yeroo biraa itti deebina. Rabbiin keenya qilleensa kana eega nuuf uumee booda, funyaan keenyas qilleensa biraa dhiisee isa jireenya keenyaaf haalaan barbaachisu kana qofa akka harganu nu taasise. Oksijiiniin biqiltootarraa argama. Kanaafuu bqiltoonni naannoo keenyatti arginu kunniin hundi faaydaan isaanii nyaatamuu qofa akka hin taane beekuun barbaachisaadha.

Oksijiiniin yeroo bishaanii fi sibiilaan wal tuqu ammoo, sibiilli sun akka dandi’aayu godha. Oksijiiniin faaydaa biraatis nuuf qaba. Hedduun keenya oksijiiniin hargansuu qofaaf nu tajaajila nutti fakkaata. Faydaan oksijiinii ka biroo ibidda bobeessuudha. Osoo Oksijiiniin jiraachuu baatee, ibiddi haala kamiinuu hin bobayu. yoo ibiddi hin jiraannee ammoo, baadiyyatti Kurraazaa fi Faanosa, akkasuma bakkuma hundattuu soorata bilcheeffachuun ni ulfaata. Kanaafuu faaydaa Oksijiinii gad fageenyaan xiinxalluutu nurraa eeggama.

Mee Oksijiiniin haala kamiin akka uumamu haa laallu. Biqiltoonni yeroo soorata isaanii qopheeffatan, wal nyaatinsa isaan keessatti raawwatamuun Oksijiiniin uumama. Kana booda oksijiinii uumame kana gara qilleensaa harganan. Nuti ammoo Oksijiinii isaan gad nuuf baasan kana garaa keessatti ol fudhanna Itti aansuudhaan Oksijiiniin qaama keenya keessa seene, soorata nuti sooranne keessaa albuuda kaarbon jedhamu xuuxee ofitti maka. Oksijiiniin Kaarboniin walitti makame kun ammoo gaasii kaarbondaay oksaayid jedhamutti jijjiirama. Kana booda nuti sirna hargansuu fayyadamnee karbondaayoksaayidii gara alaa harganna. Qilleensa nuti harganne kana ammoo biqiltoonni nurraa fuudhanii, bishaan isaan keessa jirutti makan. Ammas irra deebi’anii bishaanii fi kaarbondaay oksaayidii nurraa argatinitti fayyadamanii Oksijiinii nuuf kennan. Nutis akkuma duraa sanitti irra deebinee marsaa hargansuu keenyaa itti fufna. Nuti karbondaayooksaayidii irraa haajaa hin qabnu. Akkuma nuti alatti baafneen biqiltoonni fudhatu. Isaanis oksijiinii irraa haajaa hin qaban, oksijiinii isaan of keessaa alatti darban nutu itti fayyadama. Mee laalaa qindoomina ajaa’ibaa kana. Mukkeeniifi biqiltoonni naannoo keenyatti argaman naannoma bareechisuufi soorataaf qofa uumaman seena. Akkaataa Rabbiin uumama addunyaa tanaa itti wal qixxeesse qalbiin xiinxalaa.

Qindoominaa fi adeemsi jireenyaa Rabbii keenyaan lafa nuuf kaayame kun haga gaafa duunuutti ittuma fufa. Dhaloonni nu boodaan dhufus haaluma kanaan qilleensa kana harganaa jiraata. Qindoominaa fi adeemsa kana akka tasaa argame jedhanii afaan guutanii dubbachuun kasaaraa guddaadha. Wanti faaydaa malee dachii tanarra kaayame hin jiru. Waan Rabbiin uume hunda keessa hikmaa fi baruumsa guddaatu jira. Kanaafuu tarkaanfii hunda keessatti waan naannoo keenyatti mudataa jiru xiinxallaa ilaaluun barbaachisaadha. Yeroo san guddinaa fi ogummaa Rabbii keenyaa beeknee iimaana keenya cimsachuu dandeenya. Haguma barruu tana dubbisaa jirru kanatti, yeroo hagamiif akka harganne haa ilaallu. Osoo silaa haga harganne kanaan kaffaltii gaafatamnee, qabeenya qabnu hunda kenninee ofirraa kafaluu hin dandeenyu. ALHAMDULILLAAHI RABBIL AALAMIIN, Rabbii tolli isaa laakkayamee hin dhumne, ka tola isaatiif kafaltii hin gaafanne galanni haa gahu.

Comments
Loading...