Biyya Muslimoota hedduu fi aadaawwan islaamummaa faallessanis hedduu qabdu
Indooneezhiyaan biyya baay’ina lammiilee Muslimaatiin beekamtuudha. Ummata isiin qabdu keessaa dhibbentaan 90 ol muslimoota. Gama birootiin biyyi tun aadaawwan islaamummaa faallessanis heddu qabdi. Barruu tanaan waahee biyya indooneeshiyaa qabxiilee muraasa isinii dhiheessina.
Indooneeshiyaan biyya Kibba baha Eeshiyaatti argamtuudha. Bara 1512 irraa kaasee kolonii Porchugaal jala kan turte yoo taatu, bara 1602tti ammoo Holaand bakka Porchugaal bu’uun haga bara 1945tti bulchite.
Indooneeshiyaan biyyoota eddoolaa heddu qaban keessaa tokko yoo taatu, isaan keessaallee isii guddoodha. Akka galmeeleen garagaraa mul’isanitti indooneeshiyaan eddoola garagaraa 17,000 ol qabdi. Kanaanis Kanaadaa, Noorweey, Iswiidinii fi Fiinlaanditti aanuun biyya eddoola heddu qabdu jedhamuun sadarkaa 5ffaarratti argamti.
Indoneeshiyaan biyya Muslimoota heddu qabaachuun sadarkaa duraa irratti argamtuudha. Ummata isii keessaa Miiliyana 227 ol kan tahan muslimoota. Walumaa galatti ummata isii keessaa dhibbentaa 90 kan tahan hordoftoota amantii islaamaati.
Ummanni Indooneeshiyaa kan gosa Minaangkabaawuu jedhamuun beekamu aadaa fuudhaaf heerumaa ajaa’ibaa qaba. Fuudhaa fi heerumarratti aangoo kan qabu dubartiidha. Sababa kanaaf dhiirri intala fuudhe jaarsa ykn Abbaa manaa osoo hin taane, ‘Dhiira ergifame’ jedhamuun beekkama. Nama ergisaan dhufe waan taheef aangoo hin qabu. Fakkeenyaaf intalti takka heerumuu yoo barbaadde, hayyama abbaa isii hin gaafattu. Aangoon intala kennuu harka haadhaafi maatii haadhaa jira. Ajaa’ibni biroo kan ummata kanaa, ilmi dhalatu hundi maqaa abbaatiin osoo hin taane, maqaa haadhaatiin yaamama. Gama fuudhaafi heerumaatiinis, Guyyaa cidhaa, dhiira itti heerumtuu fi wantoota barbaachisan hunda warra intalaattu murteessa.
Intalti cidha boodas aangoo jabaa qabdi. Hooggantuun mana sanii dubartiidha. Qabeenyi hundi karaa intalaatiin waan dhaalamuuf dhiirri gosa kanaa qabeenya hin qabu. Haa tahu malee Dhiirri wayta fuudhu meeshaa akka siree fi waan garagaraa qabatee mana intalaatti gala. Garuu guyya guyyaa mana ooluu hin qabu. Yoo danda’e dalagaa barbaadee guyyaa guutuu bakka dalagaa ooluu qaba. Yoo dalagaa dhabe ammoo guyya guyyaa obboleettii isaa bira oolee, galgala ammoo haadha manaa isaatti gala.
Akka addunyaatti Indooneeshiyaan namoota gaggabaaboo qabaachuun sadarkaa duraa irratti argamti. Ummata addunyaa keessaa ummanni gabaabaan warra Indooneeshiyaati. Avreejiidhaan ummanni biyya kanaa meetira 1.58 dheerata. Booliviyaan ammoo meetira 1.6’n sadarkaa lammaffaarratti argamti.
Bara 2010tti daa’imni waggaa 2 kan Aldii Rizaal jedhamu amala addaa tokkoon addunyaa ajaa’ibsiisee ture. Aldii Rizaal guyyaa tokko keessatti tamboo 40 xuxuudhaan araada tambootiin qabamee akka ture miidiyaalee garagaraatiin gabaafame. Mootummaan Indooneeshiyaatis daa’ima waggaa lamaa kana rakkoo tana jalaa baraaruuf jecha tajaajila fayyaa garagaraa akka argatu taasise. Yaaliin godhameef milkayee daa’imni kun tamboo xuuxuu dhiiseera. Haa tahu malee araada biraatiin qabamee rakkate. Sunis soorata heddu barbaaduu isaati. Akkuma dur tamboof booyaa turetti bodarra Soorataaf maatii cinquu itti fufe. Umrii isaatiin wal qabatee silaa ulfaatinni isaa kilograama 19 caaluu hin qabaatu. Aldiil garuu umrii waggaa 2tti kilograama 24 ulfaata ture.
Indoneeshiyaa keessatti yoo haadha warraatis taate dubartii karaa irratti dhungachuun dhoorgaadha.Namni Karaa irratti dubartii dhungate; hidhaa waggaa 5 fi doolara Ameerikaa kuma 29’n adabama.
Qophii Abu Ibtisam