Bineensi kun Looris jedhama. Sanyiin uumama Looris jedhamuu kun 10 akka jiru kan beekkame yoo ta’u, hunduu biyyoota kibba baha Eeshiyaa kanneen akka Indiyaa fi Siriilaankaa keessatti baay’inaan argamu. Jireenya isaaniitiif bosona jiidhaa fi dachii bishaan qabu filatu. Haa ta’u malee, lafti akkanaa kunniin yeroo ammaa kana xiqqaachaa waan jiruuf lakkoofsi uumama kanaa haalaan xiqqaachaa dhufee jira. Keessattu Sanyiin Looris qal’aa jedhamuun beekkamu yeroo gabaabaa keessatti dachii tanarraa dhabamuuf akka deemu qorattoonni ni dubbatu. Akka qorattoonni jedhanitti, manca’iinsa bosonaatiin cinatti, ummanni naannootis amantiin wal qabsiisanii uumama kana waan adamsaniif, lakkoofsi isaa haalaan xiqqaachaa jira.
Guddinni qaama uumama kanaa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Sanyiin irra xiqqaan Bornean Loris kan jedhamu yoo ta’u, ulfaatinni isaa Kilograama walakkaa hin caalu. Inni guddaan ammoo Bengal Loris jedhamuun waamama. Ulfaatinni isaatis haga Kilograama lamaa ta’a. Dheerinni isaa ammoo seentimeetira 25 hanga 35 ta’a. Qaamni Looris rifeensaan kan haguugame yoo tahu. Bifti rifeensa isaatis, daalacha, magaala, boora, diimaa, silver fi bifa warqii ta’uu danda’a. Bineensi kun ija gurduddaa halaalaa mul’atu qaba. Ijji isaa tun guddina qofa osoo hin taane, laalcha irrattillee qaroodha. Ijji isaa tun dandeetti Binocular Vision ykn ammoo waan fagoo jiru as dhiheessee mul’isuudhaan, wantoota isa duratti argamu haalaan akka adda baafatu isa gargaarti. Dabalataanis yeroo halkanii qofaaf kan tajaajilu, qaama Tapetum lucidum jedhamu ijarraa qaba. Kunis yeroo halkanii haalaan akka argu isa gargaara. Ijji isaa tun rifeensa bifa gurraacha ykn magaalaan kan marfamte yoo taatu, wanti sanirraa hafe fuulli isaa guutuun rifeensa adiin uwwifamaadha. Ija isaatiin cinatti funyaan isaatis, dandeetti fuunfachuurratti akkaan jabaadha. Haala kanaan halkan halkan bineensaa fi soorata fageenyatti argamu fuunfatee beekuu danda’a.
Looris uumama soorata bifa lachuu sooratu keessatti ramadama. Ilbiisota, raammoolee, hoosiftoota xixiqqoo, hanqaaquu, firiiwwanii fi baala garagaraa soorata. Uumamni kun warra Nocturnal ykn ammoo bineensota halkan halkan socho’an keessatti ramadama. Kana jechuun garuu guyyaa hin mul’atu jechuu miti. Soorata barbaadachuufi dhimma garagaraatiif Heddumminaan halkan halkan socho’a jechuudha. Harkaafi miilli Looris Afranuu wal qixa. Akkuma ilma namaa quba abguddaa kan qabu yoo ta’u, bocni harka isaatis bocuma harka ilma namaa fakkaata. Kunis yeroo mukarra deemu qabataa akka deemu isa gargaara. Harka qofa osoo hin taane, miila isaatiinis mukarratti rarra’uu ni danda’a. bineensi kun miila isaatiin muka qabatee mataan gadi gombifamee, harka isaatiin ammoo soorata argate soorataa sa’aa hedduuf turuu ni danda’a.
Looris uumama summaawaa jedhamuunis ni waamama. Bineensi kun ciqilee isaa jalaa summii qaba. Yeroo diinni itti dhufe, ciqilee isaa kana jalaa summii arraabee ilkaanitti dibata. Kana booda diina itti dhufe san ciniinee summii saniin idda. Uumamni hiddame sunis saffisaan naannoo sanii fagaata. Summiin kun diina itti dhufe san yeroof dhukkubsee ofirraa ari’uudhaaf tajaajila malee, summii hamaa lubbuu baasuu danda’uu miti.
Looris uumama kophaa kophaa jiraatu ta’us, wayta walqunnamtii wal hormaataa walitti dhufuun isaa hin oolamu. Waggatti yeroo lama walhormaataaf walitti dhufu. Haadhoon takka yeroo takkaan ilmoo takka dhalti. Yeroo garii lakkuus ni dhalti. Haadhoon Looris eega ilmoo dhaltee booda soorata sooratuu yoo barbaadde, ilmoo ofii summii ciqilee jalaa qabdu itti dibdee biraa deemti. Bineensi ilmoo isii nyaachuu dhufes, akkuma arrabaan tuqeen summii kanaan hadoodee biraa baqata. Haa ta’u malee bineensi Oraangutaan jedhamu summii kana hin sodaatu. Summima waliin ilmoo san soorata jechuudha. Hayyama Rabbii guddaatiin Looris avareejiidhaan waggaa 15 haga 20 jiraata.
Qophii: Abuu Ibtisaam