header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Iddoowwan Xayyaarri irra hin balaliine

Jaarraa tokko dura addunyaan tun akka har’aa hin turre. Haalli jiruufi jireenya ummataa, guddinni teknoolojiifi qarominni addunyaa hedduu booddetti hafaa ture. Yeroo sanitti ooduun guddoon ummanni addunyaa irraa haasawaa ture waa’ee daandii qilleensaati. Dhaadannoon yeroo sanii “Gaafa tokko nutiis akka allaatii samii gubbaa barrisuudhaaf deemna”kan jedhu ture. Akka har’aa xayyaaraan samii gubbaa imaluun yeroo sanitti abjuudha. Namni mallaqa guddaa qabu makiinaan imala. Kan jireenya jiddu galeessa jiraatu fardaan imala. Hiyyeessi humaa hin qabne miilaan imala. Yeroo addunyaan haala kana keessa jirtutti gama Ameerikaatii oduun takka dhagayamte. Obboleewwan lameen Wilbar Raayit fi Orval Raayit jedhaman, xayyaara samii gubbaa barrisuu dandayu hojjatanii yaalii godhuu eegalan. Akka lakkoofsa miilaadiyaatti bara 1909tti xayyaarri isaan hojjatan sa’aa 1 fi daqiiqaa 12f samii gubbaa barrisuun addunyaa ajaa’ibsiise. Guddinni teknoolojii achi booda finiinee itti fufe. Biyyoonni qaroomina teknoolojiitiin badhaadhan xayyaara haaraya teknoolojii adda addaatiin oomishuu itti fufan. Haala kanaan as geenyee yeroo ammaa kana daandiin qilleensaatis qopheeffame. Akkuma daandiin lafarraa seeraafi heera qabu, daandiin qilleensa gubbaatis seera mataa isaa qaba. Xayyaarris akkuma makiinaa Karaa deemu qaba. Karaa irraa gorus qaba. Karaan dhoorkaa tahes ni jira. Barruu tana kessattis dhimma kanarratti xiyyeeffachuun qabxiilee muraasa isinii dhiheessina.

Ka’baa, Makkaah

Magaalaa kabajamtuu Makkaa irra xayyaaraan dabruun hin dandayamu. Kanaaf ammoo namoonni sababaa addaa addaa himan.  Inni duraa harkisni lafaa naannoo sanii (magnetic anomaly) xayyaarrii seeraan akka hin balaliine dhoorka. Akka paayletoonni xayyaara hin toohanne godha. Sababaa kanaaf xayyaarri Masjiid Al haram gubbaa bararuu hin dandeenye namoonni jedhan ni jiru. Inumaa namoonni gariin allaattiinis masjiidal haram gubbaa hin barristu warri jedhus ni jira. Kun garuu waan qorannoon mirkanaaye miti. Sababni isaa helikooptaroonni naannoo sanirra wayta balali’an mul’ataniiru. Sababaa duraa kanarra sababaa lammataatu fudhatama guddaa qaba. Sunis, buufanni xayyaaraa magaalaa makkaa keessa jiraachuu dhabuu isaati. Magaalaan makkaa wagga waggaan keessummoota miiliyoonaan laakkaawaman simattee keessummeessitus, buufata xayyaaraa tokkollee hin qabdu. Dabalataanis seerri biyyattii xayyaarri tokkolleen akka magaalaa Makkaa irraan qaxxaamuru hin hayyamu. Kanaafuu xayyaarri magaalaa sanirraa balali’uun dhoorkaadha jechu.

Maachuu Piichuu, Peeruu

Naannoo Maachuu Piichuu jedhamu kan biyya Peeruu keessatti argamu kana gubbaa xayyaaraan balali’uun kan dhoorkame bara 2006 irraa jalqabeeti. Maachuu Piichuun eddoo seena qabeessa hoggaa tahu, hambaaleen gurguddoon Qaroomina biyyattii kan durii naannoo kana keessatti argaman. Iddoon seena qabeessi kun bara 1450 ijaarsi isaa eegalamee; Waggaa kudhan booda bara 1460tti xumurame. Ijaarsi kun mallattoo biyya saniiti. Kanaafuu akka tasaa tahee osoo xayyaarri naannawa sanitti kufee, eddoo seena qabeessa san barbadeessuu dandaya. Osoo ijaarsa kanarratti lafa dhahuu baatee, bosona naannoo sanirrattis lafa dhahes, ibiddi achii ka’u waan heddu galaafatuu dandaya. Sababa kanaaf qabeenya qaalii kana xayyaaraaf jecha dhabuurra xayyaaruma naannoo saniin dabru dhoorkuun murtii filmaata biraa hin qabne tahe.

Paartenoon (Ateenaa, Griik)

Naannoon Paartenoon jedhamu kan biyya Griik magaalaa Ateenaa cinatti argamus, lafa seena qabeessa biyyattiitti. Turistoonni kumaatamaan laakkawaman iddo kana ji’a ji’aan itti deddeebi’aa daaw’atu. Iddoon kun Jaarraa 17ffaa keessa haalaan miidhamee caccabee ture. Yeroo ammaa kana garuu irra deebiin haaromsameera. Seenaa bakka kanaa eeguuf jecha xayyaarrii naannoo Paartenoon kana gubbaanis tahe naannawa isaatiin akka hin qaxxaamurre dhoorkama. Xayyaarri magaalaa Ateenaa irraa ka’us meetira 1500 ol lafarraa fagaatee imaluu qaba.  Meetira 1500 gad  lafatti dhihaatee barrisuun isaaf hin hayyamamu.

Finiks park (aayirlaand)

Naannoon kun bosona uumamaati. Paarkiilee ardii awrooppaa keessatti argaman keessaallee isa guddicha. Mootummaan Aayirlaand paarkii kana eegee galmee UNESCO irratti galmeessisuuf tattaaffitti jira. Kanaafuu paarkiin kun akka jalaa miidhamu hin barbaadan. Sababa kanaaf xayyaarri naannoo saniin akka hin dabarre uggura irra kaayan.

Tibeet (Himaalayaa)

Gaarri dheeraan addunyaa tanaa kan Evarast jedhamu naannoo Tibeet kanatti argama. Xayyaarri naannawa kanarraan barrisuun dhoorkamaa miti. Haa tahu malee teessumni lafa sanii xayyaaraaf mijjaawaa miti. Paaylatoonni gaara san gubbaan xayyaara oofuu ni dandayu. Garuu akka carraa tahee osoo xayyaara san rakkoon mudatee, xayyaarichi haga bakka qubannaa argatutti, okisijiinii gahaa imaltootaaf kennuuf jecha, ol ka’iinsa isaa gad hir’isuu qaba. Oksijiiniin xayyaara keessa jiru daqiiqaa 20 caala nama tursiisuu hin dandayu. Kanaafuu xayyaarichi ol ka’iinsa isaa meetira 3000 gad godhuu qaba. Oksijiiniin gahaan bakka kanatti qofa argama. Ol ka’iinsi gaarreen himaaliyaa ammoo meetira 4000 oli. Garreen wal qabatoo fi dhedheeroo waan tahaniif, naannawa kanatti bakka qubannaa argachuun hin dandayamu. Sababa kanaaf Paayletoonni gaara kana irraa goranii karaa biraatiin deemuu filatu.

Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button