header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Adurree Rarra’aa

Tafakkur: Serval

Uumamni kun sanyii adurreeti. Sanyii adurree wayta jennu, adurree manatti horsiifannu qofa hin seehinaa. Leenci, Qeerransi, cheetah, Puumaan akkasumas Panther uumamaaleen jedhaman hundi sanyiiwwan adurreeti. Uumamni kun bineensa daggalaati. Kanaafuu manatti madaqsanii guddisuuf yaaluun rakkoo hamaaf nama saaxiluu danda’a. Ta’us namoonni muraasni uumama kana ofitti madaqsanii guddisaa jiru. Akkuma namni gariin waraabessa madaqsee guddisu jechuudha.

 

Gogaan Servaal rifeensa bifa booraa kan qabu yoo ta’u, akka Cheetah (abboo shammaanee) tuttuqaa barruu gurraacha qaba. Akkuma sanyiilee adurree kaawwanii barrini gogaa Servaal kan hundaatuu garaagarummaa qaba. Kana jechuun Servaalonni hundi akkuma nuti ashaaraa qubaa garagaraa qabnu, gogaa barruu garagaraa qabu jechuudha.

 

Servaal uumama qaama jiddu galeessaa qabuudha. Guddinni isaatis sanyiirratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin gariin seentimeetira 60 kan dheeratu yoo ta’u, warri haga meetira tokkoo dheeratanis ni jiru. Ulfaatinni uumama kanaatis kilograama 10 hanga 20 ta’a. Eegeen Servaal gabaabaadha. Sanyiiwwan adurree keessaallee uumamni eegee gabaabaa qabu isa. Gurraa fi Kotteen Servaal guddina qaama isaa waliin wal bira qabamee wayta ilaalamu haalaan guddaadha. Gurra haalaan guddaa fi miila haalaan dheeraa qaba. Sababa kanaafis maqaa adurree rarra’aa jedhamuunis ni waamama.

 

Guddachuun gurraa kun faaydaa guddaa qaba. Servaal gurra isaa guddaa san akka raadaaritti fayyadamuudhaan bineensota naannoo isaatti socho’aa jiran fageenyarraa adda baafatuu danda’a. Waan lafaa ol jiru qofa osoo hin taane, bineensota boolla keessa jiranis yoo sosocho’aa jiraatan, sochii isaanii san dhagahuu danda’a.

 

Sooranni Servaal naannawa jiraaturratti hundaaha. Fakkeenyaaf sanyiin naannoo ilmi namaa jiraatutti dhihaatee qubatu, bineensota manaa kanneen akka lukkuu adamsa. Yoo daggala keessa jiraate ammoo tuqaa, bofa, raacha, qurxummii fi sanyiiwwan allaattii garagaraatis ni soorata. Servaal waa adamsee qabatuurratti sanyiiwwan adurree keessaa haalaan milkaawaadha. Waan adamsuuf faana cehe keessaa parsantii 50 kan ta’u ni qabata. Kana jechuun yeroo lama yaalee yeroo tokko qabata jechuudha. Dandeettii isaa waa adamsuurratti qabu irraa kan ka’e, allaattii barrisaa jirtus qilleensa gubbatti qabatuu dandaya. Haa ta’u malee sanyiileen adurree kuuwwan milkaayinni adamoo isaanii parsantii 10 qofa. Kana jechuun yeroo kudhan yaalanii yeroo takka qofa milkaayan jechuudha.

 

Miirri Servaal kan dhagahuu, fuunfatuu fi ilaaluudhaa haalaan jabaadha. Miira isaa kanas bineensa ittiin adamsuuf ykn ammoo diina jalaa dheessuuf itti fayyadama. Ilmi namaa gogaa isaatiif jecha uumama kana ajjeesa. Qeerransi, waraabessaa fi sardiidni ammoo soorataaf jecha adamsan. Servaalis miira isaa kanatti fayyadamuun diina isaa jalaa miliquu yaala. Yoo akka tasaa ta’ee walitti dhufanis, dandeettii isaa kan fiigichaatti fayyadamuun jalaa miliqa. Servaal saa’aa tokko keessatti kilomeetira 60 ol fiiguu danda’a.

 

Servaal uumama kopha kophaa jiraatuudha. Qubsuma isaatis mallattoo itti godhatee jiraata. Qubsuma isaa kana karaa lamaan mallattoo itti godhata. Inni tokko fincaaniin yoo ta’u, kan lammataa ammoo muka naannoo isaatti argamu ilkaanii cicciruun ykn ammoo qeensaan kotootuun mallattoo itti godhata. Inni tokko lafa Iskuweer kilomeetira 20 bal’atu mallattoo itti godhatee keessa jiraata.

 

Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa kormaa osoo hin taane, dhaltuutu gara qubsuma kormaa seena. Dhaltuun Servaalis guyyoota 73f eega rimaya garatti qabatteen booda, ilmoo tokkoo hanga sadihii dhalti. Garuu dhaluu isiitiin dura, boolla ilmoolee isii keessatti dhoysitu qopheessiti. Ilmooleen Servaal gaafa dhalatan ijaan hin argan, ulfaatinni isaaniitis graama 250 hin caalu. Ija isaanii torbaan lama booda kan banatan yoo ta’u, yeroo sanitti ulfaatinni isaaniitis dachaan dabala. Ilmooleen Servaal ji’oota shaniif mucha haadhaa hodhaa jiraatu. Achi booda haadha waliin deemaa waan isiin adamsitu laalaa irraa baratu. Gaafa waggaa tokko guutan ammoo haadharraa adda bahuun, jireenya kophaa jalqabu. Fedha Rabbiitiin Servaal haga waggaa 13 jiraatuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button