Muka Timiraa
Baatii Ramadaanaa dabre keessa muslimni guutuu addunyaa keessa jiraatu hedduun soomana furuudhaaf timiratti dhimma bahaa ture. Kunis dhaamsa Rasuulli (SAW) yeroo soomana furru, timiraan akka lulluuqannu nuuf dhaamaniin walqabata. Rasuulli (SAW) ogeessa fayyaatii miti. Akkanaanis ofirraa kaasanii waa hin haasayan. Waan Rabbiin isaan beeksise qofa nuuf dhaaman. Nutis kana waan beeknuuf dubbii isaanii amannee fudhanne. Osoo Saayinsiin ammayyaa qorannoodhaan bira hin gahin dura, waan isaan nuuf himan fudhannee itti fayyadamutti jirra. Saayinsiin ammayyaa ammoo reef tana qorannoo garagaraa godhuudhaan bu’aa timira keessa jiru nuuf himaa jira. Nutis barruu tana keessatti waa’ee muka timira irraa qabxiilee muraasa isiniif dhiheessina.
Mukni timiraa garee palm tree ykn afaan Amaaraatiin garee Zanbaabaa keessatti ramadama. Haa ta’u malee gareen Palm tree hundi soorataaf kan ooluu miti. Isa keessaa sanyiin muka timiraa 1000 ta’u kan soorataaf oolu akka jiru qorannoon beekkamee jira. Mukni timiraa firii isaa mi’aawaadhaaf akkaan barbaadama. Mi’aa qofa osoo hin taane, ammaan tana faaydaan inni fayyaaf qabus akkaan jabaa waan ta’eef, guutuu addunyaa keessatti barbaadamutti jira.
Qorannoon garagaraa akka mul’isutti, mukni timiraa jalqaba naannoo biyya Iraaqitti akka argame himama. Har’a garuu biyyoota baha jiddu galeessaa fi Kaabaa Afrikaa keessatti hedduminaan argama. Biyyoota kanniin keessattis soorata sadarkaa duraa irratti barbaadamu ta’ee jira. Ameerikaa keessattis kutaa Kaalifoorniyaatti ni argama. Inni Ameerikaa kun jaarraa 18ffaa keessa koloneeffattootaan akka dhaabame himama.
Mukni timiraa tokko lafaa ol haga Meetira 23 dheerachuu danda’a. Dameen baala timiraa ofirratti baadhatu ammoo meetira sadihii haga meetira jahaa dheerata. Dameen kun baala qaqal’aa haga 150 ofirraa qaba. Baalli kunis seenti Meetira 30 kan dheeratu yoo ta’u, dagaletti ammoo seentimeetira 2 bal’ata.
Muka timiraa firii isaa facaasuu dandeenya. Yookaan ammoo eega lafa keessaa ol biqilee booda, damee hidda isaa cinatti biqile murree dhaabuu dandeenya.
Dameen muka timiraa irraa muramee dhaabamu kun, hidda biqilchuuf haga waggaa 3 tura. Haala kanaan Muka timiraa eega dhaabneen booda, Timira irraa argachuudhaaf waggaa 4 haga shanii eeguun dirqama ta’a. Firiin marsaa duraa muka timiraa irraa argannu lakkoofsi isaa xiqqaadha. Adaduma waggaan isaa dabalaa deemuun timirri nuti isarraa argannus dabalatuma deema. Mukni timiraa tokko gaafa waggaa 15 guute, timira kilograama 80 ta’u nuuf kennuu danda’a. Mukni timiraa tokko waggaa 150f akkuma dhaabbatetti turuu danda’a. Haga yeroo kanaatti firii timiraa kan irraa argannu ta’us, gaafa dulloomaa deemu garuu hammi nuti irraa argannus xiqqaachaa deema.
Mukni timiraa lafa jiidhaa hin jaalatu. Naannoo qilleensi goggogaa fi oowwi jiru filata. Bakka roobaa fi jiini hedduminaan jirutti, firii timiraa irraa argachuun rakkisaadha. Akkuma dhaabbatetti, muka qofa ta’ee tura malee firii hin biqilchu.
Timirri faaydaa heddu qaba. Kanaaf ergamaan Rabbi (SAW) akka isaan soomana keenya furru nu gorsan.
Faaydaalee Timirri nuuf kennu jidduu muraasni:
Timirri dawaa garaa jedhamuudhaan beekkama.
Nama garaachi isaa goggogee miidhameef Timira soratuun faaydaa guddaa qaba. Timirri albuudota garaa goggoge jiisanii rakkina gogiinsaa san namarraa furan heddu of keessaa qaba. Kanaaf ergamaan Rabbiitis (SAW) , soomana keessan timiraan furaa jedhanii nu ajajan. Namni guyyaa guutuu soomanaan oole, garaan isaa ni goggoga. Garaa goge jiisuudhaaf ammoo timirri soorata akkaan barbaachisaadha.
Timirri, albuudota Seleniyam, Mangaaniiz, Koopparii fi Magniizhiyam jedhaman of keessaa qaba.
Albuudonni kunniin ammoo jabina lafeetiif faaydaan isaan kennan akkaan guddaadha. Waan kana ta’eef namni Timira nyaate, lafee jabaa fi fayya qabeessa taha jechuudha.
Rakkina mar’imaanii furuudhaafis timirri filatamaadha
Rakkina hanqina dhiigaa faayyisuudhaafis timira sooratuun barbaachisaadha. Albuudni Ayranii timira keessa jiru, rakkina kanaaf furmaata kenna.
Rakkina Alarjii, ulfaatina qaamaa hir’ate bakka seeraatti deebisuuf, Anniisaa qaamaa jajjabeessuuf, sirna narviidhaa sirreessuuf, fayyaa onnee eeguuf, akkasumas rakkina walqunnamtii saalaatiif timira sooratuun faaydaa guddaa akka qabu qorannoon garagaraa ni mul’isa.
Walumaa galatti Timirri soorata akkaan jaalatamaa, faayda qabeessa waan ta’eef, nutis akkuma ji’a Ramadaanaa keessa heddummeessinee itti fayyadama turretti, fayyaa keenyaaf jecha, ramadaanaan boodas sooratuun barbaachisaadha jenna.
Qophii Abu Ibtisam