Uumamni kun Afriikaa keessatti argama. Afriikaa keessaallee, biyyoota gammoojjii sahaaraa gaditti argaman keessa hedduminaan argama. Sanyiiwwan Civet (xirinyii) Afriikaa keessatti argaman jidduu isa kana qofatu ammaan tana dachii kanarratti hafe. Uumamni kun bocni qaama isaa kan adurreetiin walitti dhihaatus, haalaa fi amalli isaa garuu adurree waliin hidhata hin qabu. Kanaaf garee Wiizilii fi Monguus keessatti ramadama. African Civet gogaa irraa rifeensa adii fi gurraacha wal makaa qaba. Inni kunis sanyiiwwan adurree akka qeerransaa waliin wal fakkeessa. Haa ta’u malee kan uumama kanaa adda. Fuulli isaa daalacha. Ijji isaa ammo halluu gurraachaan marfamee jira. Miilli isaa kan duubaa harka isaa kan fuulduraa ni caala. Aveeriijiidhaan qaamni isaa haga seentimeetira 70 dheerata.
Uumamni kun ardii Afriikaa keessatti baay’inaan biyyoota gammoojjii sahaaraa gadii keessatti argama. Qubsuma isaatiif naannoo bosona tuucha’aa fi jiidhaa filata. Akkasumas bakka margaa fi wanti jalatti dhokatu jiru keessa qubata. Dabalataan ammo naannoo inni jiraatu kanatti bineensi inni sooratu kan biraa argamuu qaba. Dachiin goggogaa fi muka hin qabne jireenya isaatiif mijaawaa miti. Kanaafuu hedduminaan naannoo bosonaa fi laggeen baay’inaan argamanitti dhihaatee jiraata. Yoo xiqqaate bakka inni qubatu lagaafi bosona keessaa tokko jiraachuun dirqama. Yoo lameenuu dhabaman garuu bakka san gad dhiisee godaana. Bineensi kun Dandeettii bishaan daakuutis ni qaba.
Uumamni kun solitary and nocturnal animal jedhamuun beekama. Bineensa kophaa jiraatuu fi halkan qofa sosocho’u jechuudha. Waan kana ta’eef yeroo guyyaadhaa muka akkaan dheeraa gubbaa bahuudhaan diina jalaa fagaatee rafaa oola. Eega aduun gad dhiiteen booda muka irraa bu’ee risqii ofii barbaaddata. Naannoo tokko tokko kan bosonni akkaan tuucha’aa ta’eef dukkanaawaa ta’e keessatti, guyya guyyaas yeroon waa adamsu ni jira. Umrii isaa irra jireessa kophaa isaa jiraatus, yeroo wal qunnamtii wal hormaataa garuu gareen walitti dhufuudhaan yeroo muraasaaf wajji turu. Kanaafuu uumamni kun yeroon walitti dhufee wal argee waliin jiraatu, yeroo sanyii ofii bakka buufatuu barbaadu qofa jechuudha.
Rimayni Civet (xirinyii) ji’a lamaaf tura, Xirinyiin dhaltuun yeroo takkaan ilmoolee haga afurii dhalti. Yeroo ilmoolee dhaltu kana garuu muka gubbaa osoo hin taane, boolla barbaaddee boolla keessatti dhalti. Ilmooleen uumama kanaa gaafuma dhalatan rifeensa guutuu waliin dhalatan. Ilmooleen dhalatan kunis, waan haati isaaniif fidde soorataa, mucha haadha isaanii hodhaa jiraatu. Gaafa humni jabaatee ofiin deddeemuu jalqaban haadha irraa bahanii jireenya kophaa jalqabu.
Uumamni kun, bineensa, biqiltuufi foonis sooratuu keessatti ramadama. Hedduminaan hantuuta, tuqaa, lootuu, bofa fi raacha soorata. Yeroo garii raammolee xixiqqoo, firiiwwan mukaa fi muduraalees ni soorata. Akka uumama kaawwanii soorata isaa harkaan osoo hin taane afaanuma isaatiin qabatee soorata. Sanyiiwwan adurree fi Wiizil hedduun isaanii soorata isaanii qabachuudhaaf harka isaanii fayyadaman. Civet garuu guutumaan guututti afaan isa qofaan qabatee soorata.
Akkuma inni risqii ofii barbaacha bineensota biraa qabatee sooratutti, innis bineensota birootiif soorata barbaadamaadha. Qubsuma isaa keessa yeroo heddu guyyaa dhokatee jiraata. Haa ta’u malee bineensonni biraa kanneen muka koruu dandanda’anii fi bineensonni gurguddoonis, bakka inni jirutti barbaadanii adamsu. Yookin ammo yeroo iini mukarraa bu’u eeganii adamsanii sooratu. Kanneen keessaa, Leenci, Qeerransi, bofni gurguddaan diina isaati. Wayta bishaan daakus naachaan adamsama. Gama birootiin ilmi namaatis diina hamaa uumama kanaati. Uumamni kun bosonaa fi bishaan hedduminaan barbaada. Ilmi namaa ammo bosona jalaa ciree jireenya itti hammeessutti jira. Bineensa kanarraa wanti biroo kan ilma namaatiin akkaan barbaadamus ni jira. Dhoqqeen gama balfaatiin inni buusus waan addaati. Ilmi namaa dhoqqee inni buusu kana yeroo dheeraaf walitti qabaa tureera. Ammas ittuma jira. Hafuurri isaa jalqabarra akkuma inni buuseen jiru akkaan ulfaata. Booda garuu wantoota birootiin walitti makuudhaan shittoo ajaa’ibaattu irraa hojjatama. Namoonnis dhoqqee isaa kana walitti qabuudhaan gabaaf dhiheessu. Yeroo ammaa kanas shittooleen qaqqaaliin dhoqqee uumama kanarraa bahu irraa hojjataman ni jiru.
Qabxiiwwan ijoo uumama kanaa:
African Civet uumama kophaa jiraatuu fi warra halkan socho’u keessatti ramadama .
Uumamni kun ilkaan 40 qaba .
Jireenya isaa muka gubbaatti kan dabarsu yoo ta’u, dhaltuun garuu yeroo ilmoo dhaltu, boolla bineensi biraa qotee dhiisee barbaaddee keessa qubatti.
Qophii Abu Ibtisam